Caamsaa
Jimaata, Caamsaa 1
Warra galaa sana jaalladhaa!—Kes. 10:19.
Waggoota dhihoodhaa asitti, baqattoonni hedduun biyyoota baayʼeetti godaananiiru. Qooqa namoonni haaraan naannoo kee dhufan dubbataniin akkamitti nagaa akka wal gaafatan maaliif hin barattu? Dabalataanis himoota gaggabaabaa muraasa xiyyeeffannaa isaanii harkisuu dandaʼan maaliif hin barattu? Achiis weebsaayitii jw.org isaanitti argisiisuudhaan, viidiyoowwanii fi barreeffamoota qooqa isaaniitiin jiran akkamitti argachuu akka dandaʼan isaanitti argisiisuu dandeessu. Yihowaan jaalalaan kakaʼee tajaajila keenya irratti caalaatti buʼa qabeeyyii akka taanu nu gargaaruuf, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajilaa nuuf qopheesseera. Qajeelfamni walgaʼii kana irratti nuuf kennamuu fi hojii irra ooluu dandaʼu, baayʼeen keenya deddeebii gaaffii gochuu fi qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessuuf caalaatti ofitti amanannaa akka qabaannu nu gargaareera. Warra kan taatan, ijoolleen keessan jecha mataa isaaniitiin deebii akka kennan isaan barsiisuudhaan ifa isaanii akka ibsan isaan gargaaraa. Ibsi salphaan ijoolleen garaa isaaniitii kennan, namoonni haaraan fedhii argisiisan tokko tokko gara dhugaa akka dhufan gargaareera.—1 Qor. 14:25. w18.06 22-23 key. 7-9
Sanbadduraa, Caamsaa 2
Akkuma Kiristoos . . . isin simate, isinis wal simadhaa.—Rom. 15:7.
Yeroo tokkotti hundi keenya “keessummoota” ykn namoota ormaa Waaqayyo irraa fagaanne akka turre yaadachuun keenya gaarii dha. (Efe. 2:12) Yihowaan garuu “hidhaa jaalalaatiin” ofitti nu harkiseera. (Hos. 11:4; Yoh. 6:44) Kiristoosis nu simateera. Kutaa maatii Waaqayyoo taʼuu akka dandeenyuuf, balbala nuuf baneera jechuun ni dandaʼama. Yesuus mudaa kan qabnu taanee utuu jirruu gaarummaadhaan erga nu simatee, nama kam iyyuu simachuu diduun waan hin yaadamne taʼuu qaba! Badiisa sirna hamaa kanaatti dhihaachaa yommuu deemnu, wal qoqqooduun, halaalatti nama jibbuu fi diinummaan dabalaa akka adeemu hin shakkisiisu. (Gal. 5:19-21; 2 Xim. 3:13) Nuti garuu tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef, ogummaa isa samii isa namoota wal hin caalchisnee fi nagaan akka dagaagu godhu qabaachuu barbaanna. (Yaq. 3:17, 18) Namoota biyya kan biraatii dhufanii wajjin michooma uumuun, garaa garummaa aadaa jiru fudhachuun, dandaʼamnaan immoo qooqa isaanii barachuun nu gammachiisa. Kana yommuu goonutti, nagaan akka bishaanii yaaʼa, qajeelummaanis akka guuboo galaanaa ol kaʼa.—Isa. 48:17, 18. w18.06 12 key. 18-19
Dilbata, Caamsaa 3
Misiraachoo nagaa labsuuf qophaaʼuudhaaf miilla keessanitti kophee kaaʼadhaa.—Efe. 6:15.
Loltuun Roomaa tokko kophee kan hin kaaʼanne yoo taʼe duula waraanaa deemuuf qophaaʼaa miti. Kopheen kun gogaa dachaa sadii qabu irraa kan hojjetamu yeroo taʼu, baayʼee jabaa dha. Taʼus, kopheen kun mijaaʼaa waan taʼeef, loltuun sun utuun hin mucucaatiin sodaa tokko malee deemuu dandaʼa. Kopheen loltoonni Roomaa kaaʼatan iddoo waraanaa deemuuf akkuma isaan gargaaru, kopheen akka fakkeenyatti Kiristiyaanonni kaaʼatanis ergaa nagaa akka labsan isaan gargaara. (Isa. 52:7; Rom. 10:15) Taʼus, lallabuuf yeroo carraa argannutti dubbachuun ija jabina gaafata. Dargaggeessi Boo jedhamuu fi umuriin isaa waggaa 20 taʼe akkana jedheera, “Ijoollee na wajjin barataniif lallabuun na sodaachisa, akkasumas na qaanessa ture. Duubatti deebiʼee yeroon yaadu maaliif akkas akkan taʼaa ture hin beeku. Amma garuu hiriyoota kootiif lallabuun na gammachiisa.” Dargaggoonni baayʼeen misiraachicha labsuuf sirriitti kan qophaaʼan yoo taʼe, akkas gochuun caalaatti akka isaaniif salphatu hubataniiru. w18.05 29 key. 9-11
Wiixata, Caamsaa 4
Firii hedduu godhachuu keessan [itti fufaa].—Yoh. 15:8.
Yesuus ergamoota isaatiin “Ani nagaa koo isiniif nan kenna” jedheera. (Yoh. 14:27) Kennaan isaa kun, jechuunis nagaan isaa firii godhachuuf kan nu gargaaru akkamitti? Jabaannee yommuu dhaabannu, Yihowaa fi Yesuus duratti fudhatama akka arganne beekuudhaan nagaa keessaa itti fufiinsa qabutu nutti dhagaʼama. (Far. 149:4; Rom. 5:3, 4; Qol. 3:15) Yesuus gammachuu ergamoonni isaa argatan “guutuu akka taʼu” akka barbaadu erga dubbatee booda, jaalala fedhii ofii aarsaa godhu qabaachuun barbaachisaa taʼuu isaa isaaniif ibseera. (Yoh. 15:11-13) Itti aansee, “[Ani] michoota jedhee isin waameera” jedheera. Yesuusitti michoomuun kennaa gatii guddaa qabu dha! Ergamoonni michummaa isaanii eeganii itti fufuuf maal gochuu qabu turan? ‘Deemanii firii godhachuu isaanii itti fufuu’ qabu turan. (Yoh. 15:14-16) Yesuus gara waggaa lamaa dura ergamoota isaa, “Yommuu dhaqxanis, ‘Mootummaan samii dhihaateera!’ jedhaa lallabaa” jedhee ajajee ture. (Mat. 10:7) Kanaaf galgala dhumaa duʼuu isaa dura turetti, hojii jalqaban sanatti jabaatanii akka itti fufan isaan jajjabeesseera.—Mat. 24:13; Mar. 3:14. w18.05 20-21 key. 15-16
Kibxata, Caamsaa 5
Namni waanuma facaase sana haammata.—Gal. 6:7.
Dargaggoota, fedhii Yihowaa gammachiisuuf qabdan irratti xiyyeeffadhaa. Kana jechuun jireenyi kee galmawwan hafuuraa irratti akka xiyyeeffatu gochuu jechuu dha. Dargaggoonni hiriyoota kee taʼan kaan tarii jireenyi isaanii bashannanna irratti akka xiyyeeffatu gochaa waan jiraniif, akka isaanii wajjin taatu si afeeruun isaanii hin oolu. Ammas taʼe gara fuulduraatti, filannoo goote hammam cimsitee akka hordoftu argisiisuun si barbaachisuu dandaʼa. Dhiibbaan hiriyaa yaada kee akka hihhiru hin godhin. Dhiibbaa hiriyaa karaawwan hedduutiin moʼuu dandeessa. Fakkeenyaaf, haalawwan baramaa qorumsaaf nama saaxilan irraa fagaadhu. (Fak. 22:3) Akkasumas miidhaa guddaa namoota amala gadhee qabanitti michoomuun geessisu of yaadachiisi. Wanti si gargaaru kan biraan immoo, gorsi akka si barbaachisu amanii fudhadhu. Amala gad of qabuu qabaachuun kee, yaada maatiin kee fi miseensonni gumii karaa hafuuraa bilchaatoo taʼan siif kennan fudhachuuf si gargaara. (1 Phe. 5:5, 6) Amala gad of qabuu gorsa gaarii fudhachuuf si gargaaru qabdaa? w18.04 28-29 key. 14-16
Roobii, Caamsaa 6
Hamma ani dhufutti wanta qabdan jabeessaa qabadhaa. Ani isa injifatuu fi hojii koo hamma dhumaatti eeguuf, saboota addunyaa irratti aangoo nan kennaaf.—Mul. 2:25, 26.
Yesuus ergaa gumiiwwan Eeshiyaa Ishii Xinnoo keessa jiran tokko tokkoof erge irratti dinqisiifannaa hojii duuka buutonni isaa raawwataniif qabu ibseera. Fakkeenyaaf, ergaa gumii Tiyaaxiraatiif barreesse kan jalqabe, “Ani hojii kee, jaalala kee, amantii kee, tajaajila kee fi jabaattee dhaabachuu kee, akkasumas hojiin kee inni boodaa isa dura hojjette irra akka caalu beeka” jechuudhaan ture. (Mul. 2:19) Yesuus hojii dabalataa hojjechuu isaanii caqasuu qofa utuu hin taʼin, amala hojii gaarii sana hojjechuuf isaan kakaaseefis isaan galateeffateera. Yesuus namoota gumii Tiyaaxiraa keessa jiran tokko tokkoof gorsa kennuun kan isa barbaachise taʼus, ergaa isaa kan jalqabee fi kan xumure galateeffachuudhaan ture. (Mul. 2:27,28) Yesuus mataa gumiiwwan hundaa taʼuudhaan aangoo hangamii akka qabu mee yaadaa. Hojii isaaf hojjenneef nu galateeffachuuf dirqamni isa irra hin jiru. Taʼus, taʼe jedhee dinqisiifannaa isaa ibseera. Dhuguma iyyuu inni jaarsoliidhaaf fakkeenya hunda caalu taʼeera! w19.02 16 key. 10
Kamisa, Caamsaa 7
Yihudaa fi Siilaasis . . . haasaa hedduu dhiheessanii obboloota jajjabeessan.—HoE. 15:32.
Qaamni ol aanaan jaarraa jalqabaatti ture warra geggeessitoota taʼaniifis taʼe Kiristiyaanota hundaaf madda jajjabinaa taʼeera. Amantoonni haaraan hafuura qulqulluu akka argatan akka isaaniif kadhataniif miseensota isaanii lama, jechuunis Pheexirosii fi Yohaannisiin erganiiru. (HoE. 8:5, 14-17) Filiphoosii fi namoonni inni lallabeef sun deggersa qaama ol aanaa irraa argataniin akka jajjabaatan hin shakkisiisu! Yeroo harʼaattis Qaamni Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaa miseensota maatii Betʼeliif, warra tajaajila yeroo guutuu addaa keessa jiran kaaniif, akkasumas Kiristiyaanota dhugaa warra waldaa obbolummaa addunyaa maraa keessa jiran hundaaf jajjabina kenna. Kunis buʼaa jaarraa jalqabaatti argame wajjin wal fakkaatu argamsiiseera; isaanis jajjabina argatanitti guddaa gammadaniiru! Dabalataanis birooshurri Qaamni Ol Aanaan bara 2015tti qopheessee fi Gara Yihowaatti Deebiʼi jedhamu namoota hedduu addunyaa maratti argamaniif madda jajjabinaa taʼeera. w18.04 19 key. 18-20
Jimaata, Caamsaa 8
[Dhugaa] ni beektu, dhugaanis bilisa isin baasa.—Yoh. 8:32.
Namoonni bilisummaa dabalataa yoo argatan jireenyi isaanii caalaatti gaarii akka taʼu yaadu; dhugaan isaa garuu, bilisummaan daangaa hin qabne miidhaa hin eegamnes geessisuu dandaʼa. Addunyaa irratti namni hundumtuu wanta barbaade hunda akka godhu utuu gadhiifamee haala nama naasisutu jiraata ture. Kanaan kan kaʼes, kitaabni Za Worlid Buuk Insaayikilooppeediyaa jedhamu akkana jedheera: “Seerawwan hawaasa gurmaaʼe hunda keessatti baʼan bilisummaa daangaa qabuu fi dhorkaawwan wal xaxaa taʼaniin kan guutamani dha.” “Wal xaxaa” jedhamuun isaa sirrii dha. Abukaatoowwanii fi abbootii seeraa hedduu seerawwan kana hiikanii fi raawwachiisan illee utuu dhiisnee, seerumti namoonni barreessan illee jildii hedduudhaan argama. Qajeelfamni Yesuus bilisummaa dhugaa argachuu ilaalchisee kenne, ulaagaa lama of keessatti kan qabate dha: Tokkoffaa, dhugaa inni barsiise fudhachuu; lammaffaa immoo, barataa isaa taʼuu dha. Wantoota kana gochuun bilisummaa dhugaa argamsiisa. Garuu maal irraa bilisa taana? Yesuus waaʼee kanaa yeroo ibsu, “Namni cubbuu hojjetu hundi garbicha cubbuu ti. . . . Ilmi bilisa yoo isin baase, isin dhuguma bilisa ni baatu” jedheera.—Yoh. 8:34, 36. w18.04 6-7 key. 13-14
Sanbadduraa, Caamsaa 9
Hundi keessan . . . miira walii hubadhaa.—1 Phe. 3:8.
Namoota miira keenyaa fi nageenya keenyaaf yaadanii wajjin taʼuun nu gammachiisa. Namoonni akkasii wanta nuyi yaadnuu fi wanta nutti dhagaʼamu hubachuuf ofii isaanii iddoo keenya kaaʼu. Al tokko tokko utuu nuti isaan hin gaafatin illee, wantoota nu barbaachisan dursanii yaaduudhaan nu gargaaru. Namoota ‘miira namaa hubatan’ jechuunis miira keenya akka nuuf hubatan argisiisan ni dinqisiifanna. Kiristiyaanota waan taaneef, hundi keenya warra kaaniif akka yaadnu ykn miira walii akka hubannu argisiisuu barbaanna. Taʼus, kana gochuun carraaqqii akka gaafatu beekamaa dha. Maaliif? Tokkoffaa, nuti namoota cubbuu dhaalle dha. (Rom. 3:23) Kanaan kan kaʼes, waaʼee ofii keenyaa qofa yaaduu jaallanna. Kanaaf, waaʼee warra kaanii yaaduuf carraaqqii gochuu qabna. Kana malees, nu keessaa tokko tokko akkaataa guddinaa ykn jireenya dabarsaniin kan kaʼe warra kaaniif yaaduun qabsoo gochuu isaan gaafata. Akkasumas, ilaalchi namoota naannoo keenya jiranii dhiibbaa nu irratti gochuu dandaʼa. Guyyoota dhumaa kana keessatti namoonni baayʼeen miira warra kaaniitiif hin yaadan. Kanaa mannaa, ‘kan of jaallatani’ dha. (2 Xim. 3:1, 2) Haa taʼu malee, fakkeenya Yihowaa fi Yesuus hordofuudhaan, miira walii keenyaa akka hubannu argisiisuu irratti fooyyaʼiinsa gochuu ni dandeenya. w19.03 14 key. 1-3
Dilbata, Caamsaa 10
Yaada kee baʼeessa godhii eeggadhu!—Fak. 4:23.
Ajajawwan Kurnan keessaa inni dhumaa gomjaʼuu ykn wanta kan nama biraa taʼeef, hawwii dogoggoraa qabaachuu dhowwa. (Kes. 5:21; Rom. 7:7) Yihowaan seera kana kan kenne barumsa barbaachisaa taʼe saba isaa barsiisuuf ture; innis, sabni isaa garaa isaanii jechuunis yaadaa fi miiraa isaanii akka eeggatan isaan barsiisuu dha. Yihowaan gochi badaan yaadaa fi miira badaa irraa akka maddu ni beeka. Fakkeenyaaf, Daawit Mootichi kiyyoo akkasii keessatti kufee ture. Akkuma walii galaatti inni nama gaarii ture. Haa taʼu malee, yeroo tokko haadha manaa nama kan biraa hawwe. Hawwiin isaa kun cubbuu akka raawwatu isa godhe. (Yaq. 1:14, 15) Daawit ejja raawwate, abbaa manaa dubartitti gowwoomsuuf yaale, achiis isa ajjeesise. (2 Sam. 11:2-4; 12:7-11) Yihowaan bifa nama tokkoo isa alaan mulʼatu irra darbee ilaala. Keessa keenyatti dhugumaan nama akkamii akka taane jechuunis, wanta garaa keenya keessa jiru ni arga. (1 Sam. 16:7) Yaada, miiraa fi gocha kam iyyuu isa jalaa dhoksuun hin dandaʼamu. Wantoota gaarii nu keessa jiran ni arga, akkasumas ni jajjabeessa. Haa taʼu malee, yaadni dogoggoraa, gocha dogoggora taʼe akka raawwannu nu gochuu isaa dura, adda baasnee akka beeknuu fi akka toʼannu barbaada.—2 Sen. 16:9; Mat. 5:27-30. w19.02 21 key. 9; 22 key. 11
Wiixata, Caamsaa 11
Isin garraamonni lafa irra jirtan hundi, Yihowaa barbaadaa . . . Garraamummaa barbaaddadhaa.—Sef. 2:3, NW.
Kitaabni Qulqulluun, Museen “namoota lafa irra jiran hundumaa caalaa garraamii” akka ture ibsa. (Lak. 12:3, NW) Kana jechuun Museen, dadhabaa, murtoo gochuu kan sodaatuu fi yommuu namoonni isa mormanitti ejjennoo cimaa qabaachuu kan sodaatu ture jechuudhaa? Namoonni tokko tokko nama garraamii taʼe haala kanaan ibsu. Haa taʼu malee, ilaalchi akkasii dhugaa miti. Museen tajaajilaa Waaqayyoo cimaa, kutataa fi ija jabeessa ture. Gargaarsa Yihowaatiin bulchaa Gibxii isa humna guddaa qabu dura dhaabateera; namoota gara 3,000,000 taʼan lafa onaa keessa geggeesseera; akkasumas sabni Israaʼel diinota isaanii akka injifatan gargaareera. Yeroo harʼaa rakkoowwan Museen moʼe nu hin mudatan taʼa; haa taʼu malee, guyyaa hunda namoonni ykn haalawwan garraamii taʼuun akka nutti ulfaatu taasisan nu mudatu. Taʼus, amala kana horachuuf sababa guddaa qabna. Yihowaan, ‘garraamonni lafa akka dhaalan’ abdii kenneera. (Far. 37:11, hiika bara 1899) Garraamii akka taate sitti dhagaʼamaa? Warri kaan hoo garraamii akka taatetti si ilaaluu? w19.02 8 key. 1-2
Kibxata, Caamsaa 12
Warra isa hamaadhaan “Gaarii dha” jedhaniif . . . wayyoo!—Isa. 5:20.
Ilmaan namootaa qalbii qabaatanii uumaman. Kunis dhugaa yeroo namni lafa irratti uumamee jalqabee jiru dha. Addaamii fi Hewaan seera Yihowaa erga cabsanii booda ni dhokatan. Kunis qalbiin isaanii isaan ceephaʼaa akka ture argisiisa. Namoonni qalbii isaanii akka gaariitti hin leenjisne, doonii koompaasiin isaa sirriitti hin hojjenneen geggeeffamuu wajjin wal fakkeeffamuu dandaʼu. Koompaasii sirrii hin taaneen imala jalqabuun balaadhaaf kan nama saaxilu taʼuu dandaʼa. Qilleensii fi dambaliin garbaa, doonii sana salphaatti karaa irraa kaachisuu akka dandaʼus beekamaa dha. Koompaasiin sirriitti hojjetu namni doonicha oofu sun kallattii sirrii taʼeen akka oofu gargaaruu dandaʼa. Qalbiin keenyas koompaasiitti fakkeeffamuu dandaʼa. Qalbiin, miira keessaa wanta sirrii ykn dogoggora taʼe beekuudhaan kallattii sirrii taʼeen akka deemnu nu qajeelchuu dandaʼu dha. Qalbii keenya sirriitti yoo leenjisne akka gaariitti nu qajeelchuu dandaʼa. Qalbiin nama tokkoo sirriitti hin leenjine taanaan, wanta dogoggora taʼe raawwachuu irraa isa hin dhowwu. (1 Xim. 4:1, 2) Qalbiin akkasii “isa gaariidhaan . . . hamaa dha” akka jennu nu amansiisuu illee ni dandaʼa. w18.06 16 key. 1-3
Roobii, Caamsaa 13
Sirni kun dhiibbaa akka isin irratti godhu hin heyyaminaa.—Rom. 12:2.
Yaadni addunyaa karaawwan ifaa hin taaneen yommuu nuuf dhihaatu adda baasnee beekuu fi irraa fagaachuu qabna. Fakkeenyaaf, oduun gabaafame tokko yaada siyaasaa tokko akka deggeru haala argisiisuun dhihaachuu dandaʼa. Seenaan tokko galma namootaa fi wantoota namoonni raawwatan ilaalchisee yaada addunyaan qabuuf bakka guddaa kan kennu taʼuu dandaʼa. Fiilmiiwwanii fi kitaabonni tokko tokko falaasama ‘dursa ofiif’ akkasumas ‘dursa maatii ofiitiif’ jedhu jajjabeessuudhaan, yaadawwan akkasii ragaa sirrii irratti kan hundaaʼan, kan nama hawwatanii fi sirrii akka taʼan fakkeessu. Haa taʼu malee, ilaalchawwan akkasii Kitaaba Qulqulluu tilmaama keessa kan galchan miti. Kitaabni Qulqulluun nutis taane maatiin keenya gammachuu dhugaa argachuu kan dandeenyu hunda caalaa Yihowaa yoo jaallanne akka taʼe ibsa. (Mat. 22:36-39) Kana jechuun bashannana gaarii taʼetti gammaduun dogoggora dha jechuu miti. Taʼus, gaaffiiwwan kana of gaafachuun keenya gaarii dha: ‘Barumsawwan addunyaa karaa ifa hin taaneen yeroo babalʼifaman illee, adda baasnee ni beeknaa? Ijoolleen keenya ykn nuti illee sagantaalee ykn barreeffamoota tokko tokkoof akka hin saaxilamne ni daangessinaa? Yaadawwan addunyaa ijoolleen keenya dhagaʼan ykn argan yaada Yihowaatiin ni diignaa?’ w18.11 22 key. 18-19
Kamisa, Caamsaa 14
Ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin!—Isa. 41:10.
Yihowaan xiyyeeffannaa guutuu nuu kennuu fi jaalala hoʼaa nutti argisiisuudhaan akka nu wajjin jiru argisiisa. Inni gaarummaa fi jaalala guddaa akkamitti akka nutti argisiise hubadhaa. Yihowaan, ‘ati ana duratti gati-jabeessa, ulfina-qabeessas waan taateef, ani si jaalladheera’ jedheera. (Isa. 43:4) Hawaa keessaa, Yihowaan namoota isa tajaajilanitti jaalala akka hin argisiisne humni gochuu dandaʼu hin jiru; amanamummaan inni nuuf qabu hin raafamu. (Isa. 54:10) Yihowaan rakkoowwan jireenyi keenya ulfaataa akka taʼu godhan akka nu irra hin geenye gochuuf waadaa hin galle. Haa taʼu malee, rakkoowwan ‘bishaanitti’ fakkeeffaman akka nu fudhatan ykn qorumsawwan ‘arraba ibiddaatti’ fakkeeffaman miidhaa itti fufiinsa qabu akka nu irraan geessisan hin heyyamu. Inni nu wajjin taʼuudhaan rakkoowwan kana ‘keessa akka darbinu’ nu gargaaruuf waadaa nuuf galeera. Yihowaan nu gargaaruudhaaf maal godha? Yoo duʼaaf saaxilamne illee amanamummaa isaaf qabnu eeggachuu akka dandeenyuuf, akka hin sodaanne nu gargaara. (Isa. 41:13; 43:2) Abdii Waaqayyo, “Ani sii wajjinan jira” jechuudhaan kennetti yommuu amanamnu, qorumsa dandamachuuf ija jabinaa fi humna qabaanna. w19.01 3 key.4-6
Jimaata, Caamsaa 15
Yaada namaa keessa akeeka baayʼeetu jira, garuu wanta Waaqayyo yaadee qopheessetu jabaatee dhaabata.—Fak. 19:21.
Dargaggeessa yoo taate, jireenya kee gara fuulduraa ilaalchisee barsiisonni, gorsitoonni ykn warri kaan, barumsa sadarkaa ol aanaa akka hordoftuu fi hojii galii guddaa siif argamsiisu akka hojjettu si jajjabeessaniiru taʼa. Haa taʼu malee, Yihowaan kallattii kana irraa adda taʼe akka hordoftu si gorsa. Erga barumsa kee xumurtee booda, wanta jireenyaaf barbaachisu argachuu akka dandeessuuf, yeroo barattutti jabaattee akka hojjettu barbaada. (Qol. 3:23) Taʼus, wantoota jireenya kee keessatti dursa kennituuf yommuu murteessitu, dhugaawwan buʼuuraa, bara dhumaa kanatti kaayyoo fi fedhii inni nuuf qabu tilmaama keessa galchaniin akka qajeelfamtu si jajjabeessa. (Mat. 24:14) Yihowaan addunyaa amma jiru kana maaltu akka isa mudatuu fi dhumni isaa hammam dhihoo akka taʼe beeka. (Isa. 46:10; Mat. 24:3, 36) Akkasumas, inni akka gaariitti nu beeka, jechuunis wanti gammachuu dhugaa nuuf argamsiisu maal akka taʼee fi wanti abdii nu kutachiisuu fi gammachuu nu dhabsiisu maal akka taʼe beeka. Kanaaf gorsi namoonni kennan hammam iyyuu yoo gaarii fakkaate, Dubbii Waaqayyoo tilmaama keessa kan hin galchine yoo taʼe, gorsa ogummaa irratti hundaaʼe miti. w18.12 19 key. 1-2
Sanbadduraa, Caamsaa 16
Inni jalʼaan . . . achitti hin argamu.—Far. 37:10.
Kanaa mannaa, “warri garraamonni garuu lafa in qabaatu, isaanis nagaa guututti jiraachuu isaaniitiin sonaan in gammadu.” Kana malees, Daawit “Warri qajeelonni biyya in qabaatu, yeroo hundumaafis keessa in taaʼu” jechuudhaan hafuuraan geggeeffamee raajii dubbateera. (Far. 37:11, 29; 2 Sam. 23:2) Abdiiwwan kun namoota fedhii Waaqayyoo raawwachuu barbaadan irratti dhiibbaa akkamii waan geessisan isinitti fakkaata? Namoonni qajeeloon qofti lafa irra kan jiraatan yoo taʼe, jannatni iddoo biqiltuu Eeden fakkaatu deebiʼee akka dhufu abdachuuf sababii qabaatu. Yeroo booda Israaʼeloonni Yihowaa akka tajaajilan dubbatan baayʼeen isaanii Yihowaa fi waaqeffannaa dhugaa irraa garagalaniiru. Kanaaf, Waaqayyo warri Baabilon saba isaa akka injifatan, biyyicha akka balleessanii fi baayʼee isaanii akka boojiʼan heyyame. (2 Sen. 36:15-21; Er. 4:22-27) Taʼus, raajonni Waaqayyoo waggaa 70 booda, sabni isaa gara biyya isaaniitti akka deebiʼan raajii dubbataniiru. Raajiiwwan kun raawwii isaanii argataniiru. Haa taʼu malee, nuufis jannata dhufuuf jiruu ilaalchisee ergaa dabarsan qabu. w18.12 4 key. 9-10
Dilbata, Caamsaa 17
Akkuma waaqni lafa irraa ol fagaatu, akkasuma karaan koo karaa keessan irraa, yaadni koos yaada keessan irraa in fagaata.—Isa. 55:9.
Gorsawwan addunyaa Kitaaba Qulqulluu wajjin wal faallessu. Haa taʼu malee, yeroo ammaatti gorsi addunyaa gorsa Kitaaba Qulqulluu caalaa hojii irra ooluu kan dandaʼudhaa? Yesuus, “Ogummaan qajeelaa taʼuun ishii hojii ishiitiin mirkaneeffameera” jedheera. (Mat. 11:19) Addunyaan teknooloojiidhaan guddina guddaa godheera; taʼus, rakkoowwan guguddaa gammachuu nama dhabsiisan kan akka waraanaa, sanyiidhaan wal qoqqooduu fi yakka balleessuu hin dandeenye. Waaʼee naamusaa akka laayyootti ilaaluun isaa hoo? Namoonni hedduun ilaalchi akkasii furmaata kennuu mannaa, maatiin diigamuu, dhukkubaa fi rakkoowwan kaaniif gumaacha akka godhe ibsu. Karaa kan biraa immoo, Kiristiyaanonni ilaalcha Waaqayyoo horatan, hariiroo maatii gaarii taʼeen, faayidaa naamusaan qulqulluu taʼuun argamsiisuun, akkasumas namoota hidhata amantii isaanii addunyaa maratti argamanii wajjin nagaa qabaniin gammadaa jiru. (Isa. 2:4; HoE. 10:34, 35; 1 Qor. 6:9-11) Kun yaadni Yihowaa kan addunyaa irra akka caalu kan argisiisu mitii? w18.11 20 key. 8-10
Wiixata, Caamsaa 18
Hiriyummaa gadheen amala gaarii mancaasa.—1 Qor. 15:33.
Miseensota maatii keenyaa wajjin hariiroo gaarii qabaachuu fi gaarummaadhaan isaan qabuuf kan carraaqnu taʼus, isaaniin gammachiisuuf jennee ejjennoo dhugaadhaaf qabnu akka hin laaffisne of eeggachuu qabna. Yommuu miseensota maatii keenyaa wajjin nagaadhaan jiraachuuf yaalii gochuu keenya itti fufnutti, namoota Yihowaa jaallatan qofa wajjin michummaa cimaa qabaachuu qabna. Namoonni dhugaa keessa deddeebiʼan hundi qulqulluu taʼuu qabu. (Isa. 35:8; 1 Phe. 1:14-16) Hundi keenya gara dhugaatti yommuu dhufne, ulaagaa qajeelinaa Kitaaba Qulqulluu wajjin wal simuuf jijjiirama gochuun nu barbaachiseera. Namoonni tokko tokko jijjiirama guddaa gochuun isaan barbaachiseera. Haalli isaa maal iyyuu yoo taʼe, qulqullummaa keenya xuraaʼummaa naamusaa addunyaa kanaatti geddaruu hin qabnu. Amala naamusaan ala taʼeef harka kennuu irraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti? Yihowaan qulqulluu nu gochuuf gatii guddaa, jechuunis dhiiga Ilma isaa Yesuus Kiristoos kaffaluu isaa irratti xiinxalaa. (1 Phe. 1:18, 19) Yihowaa duratti ejjennoo qulqulluu qabaannee itti fufuuf, gatiin aarsaan furii Yesuus qabu sammuu fi garaa keenya keessatti iddoo guddaa akka qabaatu gochuu qabna. w18.11 11 key. 10-11
Kibxata, Caamsaa 19
Waaqayyo koo isa ana fayyisu nan eeggadha, Waaqayyotu anaaf dhagaʼa.—Mik. 7:7.
Namoonni tajaajiltoota yeroo guutuu taʼan hedduun, haalli isaanii jijjiiramaa kan jiru taʼus, tajaajila isaanii irratti xiyyeeffachuun madaallii isaanii eeggachuuf akka isaan gargaare ragaa baʼuu dandaʼu. Fakkeenyonni kun, haala keenya akka gaariitti itti fayyadamuuf wanta dandeenye hundumaa yoo goonee fi amanannaadhaan Yihowaa yoo eegganne nagaa keessaa qabaannee itti fufuu akka dandeenyu argisiisu. Haala keenya isa haaraa keessatti sirreeffama gochuudhaan karaa hafuuraa faayidaa hedduu argachuu akka dandeenyu illee hubachuu dandeenya taʼa. Itti gaafatamummaan karaa tiʼookraasii qabnu jijjiiramuu, rakkinni fayyaa ykn itti gaafatamummaa maatii haaraan nu mudachuu isaatiin kan kaʼe jireenyi keenya utuu hin yaadin yoo jijjiirame, Yihowaan akka nu kunuunsuu fi yeroo sirrii taʼetti akka nu gargaaru mirkanaaʼoo haa taanu. (Ibr. 4:16; 1 Phe. 5:6, 7) Hammasitti garuu, haala keenya akka gaariitti itti fayyadamuuf haa yaallu. Kadhannaadhaan gara Abbaa keenya isa samiitti haa dhihaannu, akkasumas harka isaa isa nama kunuunsutti of haa kenninu. Karaa kanaan nutis haalawwan yoo jijjiiraman iyyuu nagaa keessaa argannee itti fufuu dandeenya. w18.10 30 key. 17; 31 key. 19, 22
Roobii, Caamsaa 20
Akka nuyi itti hojjetamne [Yihowaan] in beeka, biyyoo taʼuu keenyas in yaadata.—Far. 103:14.
Kitaabni Qulqulluun karaawwan Yihowaan tajaajiltoota isaatiif akka yaadu itti argisiise ilaalchisee fakkeenyota hedduu qabateera. Fakkeenyaaf, karaa Waaqayyo Saamuʼel isa ijoollee tureef yaaduudhaan ergaa murtii Eelii isa Luba Ol Aanaa turetti akka dubbatu itti gargaare qalbeeffadhaa! Akkuma 1 Saamuʼel 3:1-18 irratti galmaaʼee jiru jechuu dha. Seerri Yihowaa ijoolleen maanguddoo, keessumaa immoo nama aangoo qabu akka kabajan ajajeera. (Bau. 22:28; Lew. 19:32) Kanaaf, namni akka Saamuʼel ijoollee taʼe ganamaan kaʼee ija jabinaan ergaa murtii Waaqayyoo Eeliitti hima jedhanii yaaduun ulfaataa dha. Seenaan isaa, Saamuʼel ‘mulʼata arge sana Eliitti himuu akka sodaate’ dubbata. Waaqayyo Saamuʼeliin waamaa kan ture isa akka taʼe Eeliidhaaf ifa godheera. Kanaan kan kaʼes Eeliin haala isaa waan hubateef, Saamuʼel akka isatti himu gaafate. Achiis, ‘Wanta inni sitti dubbate keessaa tokko illee ana hin dhoksin’ jedheen. Saamuʼelis ajajamuudhaan, wanta hundumaa ‘utuu hin dhoksin isatti hime.’ Kun ergaa kana dura dubbatee ture wajjin kan wal simu ture. (1 Sam. 2:27-36) Seenaan waaʼee Saamuʼelii fi Eelii dubbatu Yihowaan baayʼee akka namaaf yaaduu fi ogeessa akka taʼe argisiisa. w18.09 23 key. 2; 24 key. 4-5
Kamisa, Caamsaa 21
Yaa Waaqayyo, godoo kee keessa eenyutu buufata ree? . . . Nama garaa isaatiin dhugaa dubbatu.—Far. 15:1, 2.
Soba babalʼisuun hawaasa yeroo harʼaa jiru keessatti baramaa dha. Akkuma barreeffamni “Kan Sobnu Maaliifi?” jedhuu fi Yuudiit Baatchaarjiin qophaaʼe tokko jedhutti, “sobni amala namoota keessatti hundee cimaa godhate akka taʼetti ilaalamaa dhufeera.” Namoonni yeroo baayʼee kan soban balaa irraa of eeguuf ykn beekamtii argachuufi. Kana malees, namoonni dogoggoraa fi balleessaa isaanii dhoksuuf ykn maallaqaa fi buʼaa dhuunfaa kan biraa argachuuf sobu. Barreeffamni olitti ibsame akka dubbatutti namoonni “karaa guddaas taʼe xiqqaadhaan namoota hin beeknetti, warra isaan wajjin hojjetanitti, hiriyoota isaaniittii fi namoota jaalatanitti soba dubbachuun isaanitti hin ulfaanne jiru.” Sobni kun hundi maal geessise? Wal amantiin akka dhabamuu fi hariiroon namoota gidduu jiru akka badu godheera. Daawit faarfatichi, “Ati keessa namummaa namaatti amanamummaa arguutti in gammadda” jechuudhaan gara Yihowaatti kadhannaa dhiheesseera. (Far. 51:6) Daawit dhugaa dubbachuun keessa keenyaa, jechuunis garaa keenya keessaa akka dhufu beeka ture. Kiristiyaanonni dhugaan kallattii jireenyaa isaanii hunda keessatti ‘walii isaaniitti dhugaa dubbatu.’—Zak. 8:16. w18.10 7 key. 4; 8 key. 9-10; 10 key. 19
Jimaata, Caamsaa 22
Inni nagaadhaan isaan in geesse, isaanis hin sodaanne.—Far. 78:53.
Israaʼeloonni Dh.K.D. bara 1513tti yommuu Gibxii keessaa baʼan miliyoona sadii ol taʼuu hin oolan. Namoonni kun dhaloota sadii hamma afurii waan taʼaniif, ijoolleen, maanguddoonnii fi namoonni dadhaboon ykn hirʼina qaamaa qaban isaan gidduu jiraachuun isaanii hin shakkisiisu. Tuuta namootaa guddaa akkasii geggeessanii Gibxii keessaa baasuun, Geggeessaa hubataa fi namaaf yaadu akka barbaachisu beekamaa dha. Yihowaan karaa Musee gaggeessaa akkasii taʼuu isaa argisiiseera. Kanaan kan kaʼes, Israaʼeloonni mana isaanii isa keessa jiraachaa turan dhiisanii yommuu baʼan tasgabbiin isaanitti dhagaʼameera. (Far. 78:52) Yihowaan sabni isaa nagaa fi tasgabbiin akka isaanitti dhagaʼamu kan godhe akkamitti? Tokkoffaa, Gibxii keessaa kan isaan baase “akka loltoonni waraanaaf tarree galanii baʼanitti,” jechuunis akka gaariitti isaan gurmeessee ture. (Bau. 13:18, NW) Gurmaaʼinni akkasii Waaqni isaanii haala jiru akka toʼatu Israaʼelootaaf mirkaneessee taʼuu qaba. Kana malees Yihowaan, “guyyaa duumessaan, halkan guutuu immoo ibsaa ibiddaatiin” akka isaanii wajjin jiru ifatti mulʼiseera. (Far. 78:14) Kana jechuun Yihowaan, “Hin sodaatinaa. Ani isin geggeessuu fi isin eeguuf isinii wajjinan jira” akka jedhetti kan lakkaaʼamu ture. w18.09 26 key. 11-12
Sanbadduraa, Caamsaa 23
Iddoo lafa jalaa keessa utuu ana dhoksitee, akkan hin argamnes utuu gootee, yeroo muramaa laattee utuu na yaadattee, attam gaarii dha!—Iyo. 14:13.
Tajaajiltoonni Waaqayyoo amanamoon bara duriitti turan tokko tokkos haala isaan mudatetti baayʼee abdii waan kutataniif duʼuu akka qaban isaanitti dhagaʼamee ture. Fakkeenyaaf, Iyoob inni baayʼee dhiphatee ture: “Ani jireenya koo nan balfe; jiraachuu koo itti fufuu hin barbaadu” jechuudhaan miira gaddaatiin dubbateera. (Iyo. 7:16, NW) Yoonaasis itti gaafatamummaa isaaf kenname irratti wantoonni isa mudatan baayʼee abdii waan isa kutachiisaniif, “Amma . . . yaa Waaqayyo, ani jiraachuu irra duʼuu anaaf wayya, hadaraa lubbuu koo ana keessaa fuudhi!” jechuudhaan dubbateera. (Yon. 4:3) Raajii amanamaa kan ture Eliyaasis yeroo tokko haalli inni keessa ture dhiibbaa akka isa irratti godhe waan isatti dhagaʼameef, “Amma na gaʼaatii yaa Waaqayyo na ajjeesi!” jechuudhaan duʼuuf gaafatee ture. (1 Mot. 19:4) Haa taʼu malee, Yihowaan tajaajiltoota isaaf bulan kanneeniif iddoo guddaa kenna, akkasumas akka jiraatan barbaada. Miira isaanitti dhagaʼame kanaaf isaan ceephaʼuu mannaa, amanamummaadhaan isa tajaajiluu isaanii akka itti fufaniif fedhii duʼuuf qaban akka moʼan isaan gargaareera, akkasumas jaalalaan isaan ijaareera. w18.09 13 key. 4
Dilbata, Caamsaa 24
Nuti warra Waaqayyoo wajjin hojjennu dha.—1 Qor. 3:9.
Namoonni Waaqayyoo wajjin hojjetan keessummoota kan simatan taʼuu isaaniitiin beekamu. Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti yaanni “keessummoota simachuu” jedhamee hiikame, “warra ormaatti gaarummaa argisiisuu” jechuu dha. (Ibr. 13:2; milj.) Dubbiin Waaqayyoo seenaawwan jaalala akkasii akka argisiisnu nu barsiisan qabateera. (Uma. 18:1-5) Namoota ‘amantiidhaan nutti firoomaniifis’ taʼe, namoota kaan yeroo hunda gargaaruuf carraa barbaaduu dandeenya; barbaaduus qabna. (Gal. 6:10) Isini hoo tajaajiltoota yeroo guutuu keessummeessuudhaan Waaqayyoo wajjin akka hojjettan argisiisuu ni dandeessuu? (3 Yoh. 5, 8) Yeroowwan akkasii kun, yeroo baayʼee wal ‘jajjabeessuuf’ carraa nuu kennu. (Rom. 1:11, 12) Dubbiin Waaqayyoo dhiirota gumii keessa jiran mirgawwan tajaajilaa adda addaa argachuu fi ilaaltota ol aanaa taʼuuf carraaquudhaan Yihowaa wajjin akka hojjetan isaan jajjabeessa. (1 Xim. 3:1, 8, 9; 1 Phe. 5:2, 3) Obboloonni akkas godhan warra kaan hojiidhaanis taʼe, karaa hafuuraa gargaaruu akka barbaadan argisiisu. (HoE. 6:1-4) Obboloonni hojiiwwan gumii keessatti barbaachisu hojjetan warra kaan gargaaruun hojii baayʼee gammachiisaa taʼe akka taʼe sitti himu. w18.08 24-25 key. 6-7, 10
Wiixata, Caamsaa 25
Nama maanguddoo taʼetti dubbii jabaa hin dubbatin. Kanaa mannaa maanguddoo akka abbaatti gorsi.—1 Xim. 5:1.
Ximotewos obboloota maanguddoo taʼan akkasii irratti hamma tokko aangoo qabaatus, gara laafinaa fi kabajaan isaan qabu qaba ture. Haa taʼu malee, qajeelfama kana kan hordofnu hamma maaliitti dha? Fakkeenyaaf, maanguddoon tokko taʼe jedhee cubbuu kan hojjetu ykn wanta Yihowaan itti hin gammadne kan raawwatu yoo taʼe, calluma jennee dhiisuu akka qabnu nutti dhagaʼamuu qabaa? Yihowaan waan alaan mulʼatu irratti hundaaʼee hin murteessu; akkasumas namni taʼe jedhee cubbuu raawwatu sun maanguddoo waan taʼee qofa callisee bira hin darbu. Dhugaa buʼuuraa Isaayaas 65:20 [NW] irra jiru qalbeeffadhaa: “Namni cubbamaan waggaa dhibba kan guutee yoo taʼe illee ni abaarama.” Dhugaan buʼuuraa kanaa wajjin wal fakkaatu mulʼata Hisqiʼel arge tokko irrattis ibsameera. (His. 9:5-7) Kanaaf, yeroo hunda wanti hunda caalaa nu yaaddessuu qabu, Yihowaa isa bara baayʼee dheeraa jiraateef ulfina kennuu keenya taʼuu qaba. (Dan. 7:9, 10, 13, 14) Akkana kan goonu yoo taʼe, umuriin isaa hammam iyyuu yoo taʼe nama gorsi isa barbaachisu qajeelchuun nu hin sodaachisu.—Gal. 6:1. w18.08 11 key. 13-14
Kibxata, Caamsaa 26
Namni wallaalaan dubbii hundumaa amana, namni hubataan garuu lafa dhaqu in ilaallata.—Fak. 14:15.
Kiristiyaanota dhugaa waan taaneef, dandeettii odeeffannoo tokko madaaluu irratti qabnu guddifachuu fi murtoo sirrii irra gaʼuun nu barbaachisa. (Fak. 3:21-23; 8:4, 5) Dandeettii kana hin guddifannu yoo taʼe garuu, carraaqqii Seexannii fi addunyaan isaa ilaalcha keenya mancaasuuf godhaniif caalaatti saaxilamuu dandeenya. (Efe. 5:6; Qol. 2:8) Dhugaa dha, murtoo sirrii irra gaʼuu kan dandeenyu dhugaa jiru hunda kan beeknu yoo taʼe qofa dha. Yeroo harʼaatti, odeeffannoo hedduun namoota bira gaʼaa jira. Odeeffannoon weeb saayitoonni, sagantaaleen televizyiinii fi meeshaaleen sabqunnamtii kaan dabarsan dhuma kan hin qabne fakkaata. Kana malees, namoonni baayʼeen karaa iimeelii, ergaawwan gabaabaa fi gabaasaatiin namoota michoota isaanii taʼan irraas taʼe namoota hin beekne irraa odeeffannoo hedduu argachaa jiru. Taʼe jedhanii odeeffannoo sobaa fi dubbii dhugaa hin taane babalʼisuun baramaa taʼaa waan dhufeef, wanta dhageenyu ilaalchisee of eeggannoo gochuu fi akka gaariitti madaaluuf sababii quubsaa qabna. w18.08 3 key. 1, 3
Roobii, Caamsaa 27
Waaqayyo duratti surraa [argatteetta].—Luq. 1:30.
Yeroon Ilmi Waaqayyoo nama taʼee itti dhalatu gaʼutti, Yihowaan durba gad of qabduu fi Maariyaam jedhamtu mucaa adda taʼe kanaaf haadha akka taatu filate. Maariyaam magaalaa xinnoo Naazireet jedhamtuu fi Yerusaalem irraas taʼe mana qulqullummaa Yerusaalem isa dinqisiisaa taʼe irraa fagoo jirtu keessa jiraatti turte. (Luq. 1:26-33) Yeroo booda Maariyaam fira ishii Elsaabexitti yommuu dubbattu nama hafuuraa taʼuu ishii argisiisteetti. (Luq. 1:46-55) Eeyyee, Yihowaan Maariyaamiin ilaalaa ture, akkasumas amanamtuu waan taateef mirga ishiin hin eegne kana ishiidhaaf kenneera. Yommuu Maariyaam Yesuusiin deessetti, abbootiin taayitaa ykn bulchitoonni Yerusaalemii fi Beetaliheem kam iyyuu wanta taʼe kana akka beekan hin goone. Maleekonni, tiksitoota akka gad aanaatti ilaalamanii fi Beetaliheemii ala dirree irra hoolota isaanii tiksaa turanitti mulʼatanii turan. (Luq. 2:8-14) Achiis tiksitoonni kun mucaa reefuu dhalate kana ilaaluu dhaqan. (Luq. 2:15-17) Maariyaamii fi Yooseef, Yesuus haala kanaan ulfina argachuu isaa arguu isaanitti dinqisiifamanii taʼuu qaba! w18.07 9-10 key. 11-12
Kamisa, Caamsaa 28
Waaqayyo isatti in dheekkame.—1 Mot. 11:9.
Yihowaan, Solomoonitti kan aare maaliifi? Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Solomoon sababii Waaqayyo . . . isa siʼa lama isatti mulʼatee ture irraa yaada isaa deebiseef, Inni waaqayyolii kan biraa duukaa akka hin buuneef, Waaqayyo isa abboomee ture; inni garuu wanta Waaqayyo isa abboome hin eegne.” Kanaan kan kaʼes, fudhatama Waaqayyo duratti qabuu fi deggersa isaa dhabeera. Sana booda sanyiiwwan Solomoon guutummaa saba Israaʼel hin bulchine; waggoota dhibbaan lakkaaʼamaniifis rakkinni cimaan hedduun isaan mudateera. (1 Mot. 11:9-13) Akkuma wanta Solomooniin mudate irraa hubannu, namoota qajeelfama Yihowaa hin hubanne ykn hin kabajne wajjin walitti dhufeenya uumuun karaa hafuuraa baayʼee akka miidhamnu gochuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, tokko tokko gumii keessatti kan argaman taʼus, Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa hin qaban taʼa. Kaan immoo firoota, ollaawwan, namoota nu wajjin hojjetan ykn baratanii fi Yihowaa hin waaqeffanne taʼuu dandaʼu. Kanas taʼe sana, michoonni keenya qajeelfama Yihowaatiif kabaja guddaa kan hin qabne yoo taʼan, oolee bulee ejjennoo gaarii Waaqayyo duratti qabnu nu jalaa balleessuu dandaʼu. w18.07 19 key. 9-10
Jimaata, Caamsaa 29
Guutummaan addunyaa . . . humna isa hamaa sana jala jira.—1 Yoh. 5:19.
Seexanni yaada isaa babalʼisuuf, fiilmiiwwanii fi sagantaawwan televijiiniitti fayyadama. Seenaawwan karaa kanaan dhihaatan, nu bashannansiisuu caalaa waan raawwatan akka qaban beeka; seenaawwan kun yaada, miiraa fi gocha akkamii qabaachuu akka qabnu nu barsiisu. Yesuus mala barsiisuu kana akka gaariitti itti fayyadameera. Fakkeenya inni waaʼee nama Samaariyaa isa gara laafessa taʼe sanaa fi waaʼee ilma mana gadhiisee baʼuudhaan dhaala argate balleessee dubbate qoruu dandeenya. (Mat. 13:34; Luq. 10:29-37; 15:11-32) Haa taʼu malee, namoonni yaada Seexanaatiin faalaman, seenaawwan kana nu mancaasuuf itti fayyadamuu dandaʼu. Kanaaf, madaallii keenya eeggachuu qabna. Fiilmiiwwanii fi sagantaawwan televijiinii yaada keenya utuu hin faaliin nu bohaarsuu fi nu barsiisuu dandaʼu. Haa taʼu malee of eeggachuu qabna. Bashannana yommuu filannu, ‘Fiilmiin ykn sagantaan televijiinii kun hawwii foonii kootiif harka kennuun sirrii akka taʼe na barsiisaa?’ jennee of gaafachuun keenya gaarii dha. (Gal. 5:19-21; Efe. 2:1-3) Maarree, sagantaan tokko yaada Seexanaa akka babalʼisu yoo hubatte maal gochuu qabda? Akkuma dhukkuba daddarbaa irraa fagaattu isa irraas fagaadhu! w19.01 15-16 key. 6-7
Sanbadduraa, Caamsaa 30
Baarmeexaa sibiilaa fayyinaa [fudhadhaa].—Efe. 6:17.
Baarmeexaan sibiilaa tokko sammuun loltuu tokko akka hin miidhamne akkuma eegu, ‘abdiin fayyinaa’ keenyaas sammuun keenya, jechuunis dandeettiin yaaduu keenya akka hin miidhamne eega. (1 Tas. 5:8; Fak. 3:21, NW) Seexanni baarmeexaa sibiilaa keenya akka baasnu kan nu sossobu akkamitti? Yesuusii wajjin haala wal qabateen wanta inni godhe ilaalaa. Seexanni, Yesuus yeroo booda ilmaan namootaa bulchuuf abdii akka qabu sirriitti beeka. Haa taʼu malee, Yesuus hamma Yihowaan isa muudutti eeguu qaba. Sana dura immoo, dhiphachuu fi duʼuu qaba. Kanaaf, Seexanni wanta Yesuus abdiidhaan eegaa jiru dhiheenyatti akka argatu carraa isaaf kenne. Seexanni, siʼa tokko qofa yoo isa waaqeffate battalumatti bulchaa addunyaa taʼuu akka dandaʼu isa abdachiise. (Luq. 4:5-7) Haaluma wal fakkaatuun Seexanni, Yihowaan addunyaa haaraa keessaatti wantoota jireenyaaf nu barbaachisan akka nuuf guutu beeka. Haa taʼu malee, yeroo kana eeggachuu kan qabnu siʼa taʼu, hammasitti immoo rakkinni nu irra gaʼuu dandaʼa taʼa. Kanaaf, Seexanni yeroo ammaatti jireenya mijaaʼaa akka jiraannu carraa nu kennuu barbaada. Qabeenya kuufachuuf dursa akka kenninuu fi wanta hunda yeroo ammaatti argachuuf akka carraaqnu barbaada. Seexanni Mootummichaaf sadarkaa lammaffaa akka kenninu barbaada.—Mat. 6:31-33. w18.05 30-31 key. 15-17
Dilbata, Caamsaa 31
Bara dargaggummaa keetti garaan kee haa gammadu.—Lal. 11:9.
Eeyyee, Yihowaan bara dargaggummaa keetti garaa gammadaa akka qabaattu barbaada. Karoora kee hunda keessatti Yihowaa tilmaama keessa galchuudhaan, galmawwan tiʼookraasii irratti xiyyeeffachuu kee itti fufi. Ijoollummaatti kana gochuu yoo jalqabde, Yihowaan eegumsa akka siif godhu, qajeelfama fi eebba akka siif kennu hubachuun yeroo sitti hin fudhatu. Gorsa gaarii Dubbii Waaqayyoo keessaa argattu hundumaa yaadi, akkasumas gorsa, “bara dargaggummaa keetti uumaa kee yaadadhu” jedhu qalbeeffadhu. (Lal. 12:1) Dargaggoonni gumii keessa jiran, jireenyi isaanii Yihowaa tajaajiluu irratti akka xiyyeeffatu gochuuf waan murteessaniif garaadhaa galateeffamuu qabu. Dargaggootaa, galmawwan hafuuraa baafachuu fi hojii lallabaatiif dursa kennuudhaan kana godhaa. Hunda caalaa immoo, addunyaan kun yaada isaanii akka hin hihhirre gochuuf murteessaniiru. Dargaggoonni jabaatanii hojjechuun isaanii gatii guddaa akka qabu mirkanaaʼoo taʼuu dandaʼu. Obboloonnii fi obboleettonni isaanii jaalalaan deggersa isaaniif godhu; akkasumas yoo Yihowaadhaaf of kennan karoorri isaanii isaaniif ni milkaaʼa. w18.04 29 key. 17, 19