LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es20 ful. 57-67
  • Waxabajjii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waxabajjii
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2020
  • Matadureewwan Xixiqqaa
  • Wiixata, Waxabajjii 1
  • Kibxata, Waxabajjii 2
  • Roobii, Waxabajjii 3
  • Kamisa, Waxabajjii 4
  • Jimaata, Waxabajjii 5
  • Sanbadduraa, Waxabajjii 6
  • Dilbata, Waxabajjii 7
  • Wiixata, Waxabajjii 8
  • Kibxata, Waxabajjii 9
  • Roobii, Waxabajjii 10
  • Kamisa, Waxabajjii 11
  • Jimaata, Waxabajjii 12
  • Sanbadduraa, Waxabajjii 13
  • Dilbata, Waxabajjii 14
  • Wiixata, Waxabajjii 15
  • Kibxata, Waxabajjii 16
  • Roobii, Waxabajjii 17
  • Kamisa, Waxabajjii 18
  • Jimaata, Waxabajjii 19
  • Sanbadduraa, Waxabajjii 20
  • Dilbata, Waxabajjii 21
  • Wiixata, Waxabajjii 22
  • Kibxata, Waxabajjii 23
  • Roobii, Waxabajjii 24
  • Kamisa, Waxabajjii 25
  • Jimaata, Waxabajjii 26
  • Sanbadduraa, Waxabajjii 27
  • Dilbata, Waxabajjii 28
  • Wiixata, Waxabajjii 29
  • Kibxata, Waxabajjii 30
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2020
es20 ful. 57-67

Waxabajjii

Wiixata, Waxabajjii 1

Wanta maqaa kootiin Abbaa kadhattan hunda inni [isinii kenna].—Yoh. 15:16.

Abdiin inni kenne kun ergamoota baayʼee jabeessee taʼuu qaba! Ergamoonni, Yesuus yeroo dhihootti akka duʼu hin hubanne turan. Inni duʼeera jechuun garuu gargaarsa hin qaban jechuu miti. Yihowaan, gargaarsa ajaja ergaa Mootummichaa akka lallaban isaaniif kenname raawwachuuf isaan barbaachisu ilaalchisee kadhannaa dhiheessan hunda deebisuuf qophaaʼaa ture. Sana booda utuma baayʼee hin turin, Yihowaan kadhannaawwan gargaarsa argachuuf gaafatan isaaniif deebiseera. (HoE. 4:29, 31) Yeroo harʼaattis haallisaa wal fakkaata. Jabaannee firii godhachuu keenya yommuu itti fufnu, michoota Yesuus taana. Kana malees, Yihowaan rakkoowwan yommuu misiraachoo Mootummichaa lallabnutti nu mudachuu dandaʼan moʼuuf kadhannaa dhiheessinuuf deebii kennuuf qophaaʼaa akka taʼe mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Filp. 4:13) Kadhannaa keenyaaf deebii argachuu fi eebba michoota Yesuus taʼuudhaan arganneef guddaa galateeffanna! Kennaawwan kun firii godhachuu keenya akka itti fufnu nu jabeessu.—Yaq. 1:17. w18.05 21 key. 17-18

Kibxata, Waxabajjii 2

Guyyoonni sun dhihaachaa dhufuu isaanii yommuu arginu caalaatti wal haa jajjabeessinu.—Ibr. 10:24, 25.

Waggoota shan keessatti Kiristiyaanonni Yihudoota taʼanii fi Yerusaalem keessa jiraatan “guyyaan Yihowaa” dhihaachaa akka jiru kan argan siʼa taʼu, mallattoo Yesuus magaalattii sana keessaa akka baqataniif isaaniif kennee tures hubataniiru. (HoE. 2:19, 20; Luq. 21:20-22) Guyyaan Yihowaa sun Dh.K.B. bara 70⁠tti yeroo warri Roomaa murtii Yihowaa Yerusaalem irratti raawwatanitti dhufeera. Yeroo harʼaatti guyyaan Yihowaa inni ‘guddaa fi sodaachisaa’ taʼe akka dhihaate amanuuf sababa gaʼaa qabna. (Yoe. 2:11) Sefaaniyaa raajichi, “Guyyaan Waaqayyoo inni guddaan dhiʼaateera, dhiʼaateera, dafees in dhufa” jedheera. (Sef. 1:14) Akeekkachiisni kun bara keenyaafis ni hojjeta. Phaawulos guyyaan Yihowaa waan dhihaateef, ‘jaalalaa fi hojii gaariidhaaf wal kakaasuuf, xiyyeeffannaa akka waliif kenninu’ nu gorseera. (Ibr. 10:24) Kanaaf, barbaachisaa yeroo taʼu hundatti obboloota keenya jajjabeessuu akka dandeenyuuf, caalaatti xiyyeeffannaa isaaniif kennuu qabna. w18.04 20 key. 1-2

Roobii, Waxabajjii 3

Ani Waaqayyo gooftaan kee, Iddoo ati dhaqxu hundumaatti sii wajjinan jiraatii ati cimi, ija jabaadhu, hin sodaatin, hin naʼinis!—Iya. 1:9.

Yihowaan, Iyaasuun saba Waaqayyoo Biyyattii Abdachiifamte keessa qubachiisuu isaa dura yaanni isaaf kenne kun jajjabina guddaa isaaf taʼeera. Yihowaan dhuunfaatti qofa utuu hin taʼin, akka gareettis saba isaa jajjabeesseera. Raajii Yihudoota boojuu Baabilon jala turan jajjabeesse keessatti Yihowaan akkana jedheera: “Egaa ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin! Ani Waaqayyo kee ti hin naʼin! Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras; irree qajeelummaa koo isa mirgaatiin ol sin qaba.” (Isa. 41:10) Kiristiyaanonni duriis taʼan sabni Waaqayyoo yeroo harʼaatti argaman jajjabina akkanaa argataniiru. (2 Qor. 1:3, 4) Yesuus iyyuu Abbaa isaa irraa jajjabina argateera. Yesuus yeroo cuuphametti sagalee, “Kun Ilma koo isa jaallatamaa ani itti gammadu dha” jedhu samii irraa dhagaʼee ture. (Mat. 3:17) Yesuus yeroo lafa irratti tajaajilaa ture hundumaatti jechoonni kun akka isa jajjabeessan hin shakkisiisu! w18.04 16 key. 3-5

Kamisa, Waxabajjii 4

Ija mukicha nyaatanii hamaa fi gaarii ittiin beekan sana irraa garuu hin nyaatin!—Uma. 2:17.

Namoonni yeroo harʼaa jiran baayʼeen, ajaja Waaqayyo Addaamiif kenne yeroo dubbisanitti, Addaam wanta barbaade gochuuf bilisummaa isa dhowwateera jedhanii yaadu. Yommuu akkana jedhan, mirgaa filannaa, mirga wanta gaarii taʼee fi gaarii hin taanee murteessuu wajjin waliin dhahaa jiru. Addaamii fi Hewwaan Waaqayyoof ajajamuu ykn ajajamuu dhiisuu filachuuf bilisummaa qabu turan. Haa taʼu malee, akkuma “mukti hamaaf gaarii ittiin beekan” inni dhaaba Eeden keessa ture argisiisu, wanta gaarii taʼee fi gadhee taʼe karaa mudaa hin qabneen murteessuuf mirga kan qabu Yihowaa qofa dha. (Uma. 2:9) Yihowaan, ajaja Addaamii fi Hewwaaniif kenneen bilisummaa dhugaatti akkamitti akka fayyadaman jaalalaan isaan barsiiseera. Yeroon darbaa yommuu deemu garuu warri keenya jalqabaa kun ajajamuu diduu filataniiru. Filannoon Addaamii fi Hewwaan godhan, booda irratti karaa taʼe tokkoon bilisummaa dabalataa isaaniif argamsiiseeraa? Hin argamsiisne. Ofiif murteeffachuu barbaaduun isaanii, bilisummaa dhugaa isaaniif kennamee ture isaan dhabsiise. w18.04 5-6 key. 9-12

Jimaata, Waxabajjii 5

Yeroo isaan dhiphatan hundumaatti innis in dhiphate.—Isa. 63:9.

Yihowaan tajaajiltoota isaa rakkina keessa jiraniif garaa laafuu caalaa wanta raawwatu qaba. Isaan gargaaruuf tarkaanfii ni fudhata. Fakkeenyaaf, yeroo Israaʼeloonni garboota taʼanii Gibxii keessatti rakkachaa turan, dhiphina isaanii hubachuudhaan boqonnaa isaaniif argamsiisuuf kakaʼeera. Yihowaan Museedhaan akkas jedheera: ‘Gad qabamuu saba koo . . . argeera. Iyyata isaaniis dhagaʼeera. dhiphina isaaniis ani beeka; ani harka warra Gibxii keessaa isaan baasuudhaaf gad buʼeera.’ (Bau. 3:7, 8) Yihowaan saba isaatiif waan garaa laafeef, garbummaa jalaa bilisa isaan baaseera. Jaarraa hedduu booda, Biyyattii Abdachiifamte keessatti, Israaʼeloonni diinota isaanii irraa haleellaan isaan irra gaʼeera. Yihowaan maal godhe ree? ‘Namoonni waan isaan rakkisanii cunqursaniif yeroo isaan aadanitti Waaqayyo isaaniif ooʼeera.’ Ammas gara laafinni Yihowaan saba isaa akka gargaaru isa kakaaseera. Israaʼeloota diinota isaanii irra akka oolchaniif abbootii murtii ergeera.—Abo. 2:16, 18. w19.03 15 key. 4-5

Sanbadduraa, Waxabajjii 6

Haati mucaa ishee isa harma hodhu irraanfachuu in dandeessii? Mucaa ishee isa ofii deesseef hin ootuu ree? Utuma isheen isa irraanfattee iyyuu, ani matumaa si hin irraanfadhu!—Isa. 49:15.

Ajajawwan Kurnan keessaa warri jalqabaa lamaan, Israaʼeloonni Yihowaa qofa waaqeffachuu akka qabanii fi waaqolii tolfamoo akka hin waaqeffanne akeekkachiisu. (Bau. 20:3-6) Ajajawwan kun faayidaa Yihowaatiif kan kennaman hin turre. Kanaa mannaa, faayidaa saba isaatiif jecha kennaman. Waaqayyolii saboota kan biraa yommuu waaqeffatan immoo rakkinni isaan mudata ture. Faallaa kanaatiin immoo Yihowaan sabni isaa yommuu isaaf amanamoo taʼanii fi walii isaanii haqaan qaban isaan eebbiseera. (1 Mot. 10:4-9) Namoonni Yihowaa tajaajilla jedhan ulaagaawwan isaa dhiisanii namoota kaan yommuu miidhan kan komatamu Yihowaa miti. Haa taʼu malee, Yihowaan nu jaallata, yommuu jalʼinni haqaa nu irratti raawwatamus beeka. Haati tokko mucaa ishii dhiphatuuf kan gadditu caalaa rakkinni keenya isatti dhagaʼama. Inni tarii battalumatti gidduu kan hin seenne taʼus, cubbamoonni yaada hin geddaranne akkaataa isaan warra kaan itti qabaniif, yeroo sirrii taʼetti isaanitti ni murteessa. w19.02 22 key. 13-15

Dilbata, Waxabajjii 7

Fedhiin koo utuu hin taʼin, fedhiin kee haa taʼu.—Luq. 22:42.

Torban Ayyaana Yaadannoo dura jiranitti, walgaʼiiwwan keenya yeroo baayʼee fakkeenya Yesuusii fi amala gad of qabuu isa lubbuu isaa furii godhee akka kennu isa kakaase irratti xiyyeeffatu. Yeroo ulfaataa taʼutti illee, fakkeenya inni gad of qabuudhaan kaaʼe hordofuu fi fedhii Yihowaa raawwachuuf ni kakaana. Ija jabina Yesuus guyyoota duʼuu isaa dura turanitti argisiise yaaduu dandeenya. Diinonni isaa yeroo muraasa booda akka isa qaanessan, isa reebanii fi isa ajjeesan guutummaatti ni beeka ture. (Mat. 20:17-19) Taʼus, fedhiidhaan duʼa dandamateera. Yeroon isaa yommuu gaʼu, ergamoota isaa amanamoo Getesemaanee keessatti isaa wajjin turaniin, “Kaʼaa, haa deemnu. Kunoo, inni dabarsee na kennu dhihaateera” jedheera. (Mat. 26:36, 46) Kana malees, yeroo namoonni meeshaa waraanaa hidhatan sun isa qabuuf dhufanitti, gara fuulduraatti baʼuudhaan kan of beeksise siʼa taʼu, loltoonni sun ergamoota isaa akka dhiisan isaan ajajeera. (Yoh. 18:3-8) Ija jabinni Yesuus argisiise adda ture! Kiristiyaanonni dibamoonis taʼan hoolonni kan biraan yeroo harʼaa jiran, ija jabina argisiisuu irratti fakkeenya Yesuus hordofuuf carraaqqii godhu. w19.01 27-28 key. 7-8

Wiixata, Waxabajjii 8

Garraamummaa barbaaddadhaa!—Sef. 2:3.

Akkuma namni fakkii kaasu tokko fakkii kaasuuf halluuwwan babbareeddoo gara garaa walitti maku, nutis garraamii taʼuuf amalawwan gaggaarii hedduu qabaachuu qabna. Amalawwan kana keessaa tokko tokko gad of qabuu, ajajamuu fi ija jabina dha. Namoota gad of qaban qofatu fedhii Waaqayyootiif bitama, akkasumas garraamii taʼa. (Mat. 5:5; Gal. 5:23) Fedhii Waaqayyoo yommuu raawwannu Seexana aarsina. Kanaaf, garraamii yoo taane iyyuu, namoota kutaa addunyaa Seexanaa taʼan hedduun nu jibbu. (Yoh. 15:18, 19) Kanaan kan kaʼes, Seexana mormuuf ija jabina qabaachuun nu barbaachisa. Faallaan nama garraamii taʼe tokkoo, nama of tuulaa, aariisaa akka hin toʼannee fi Yihowaadhaaf akka hin ajajamne argisiisu dha. Kun amala Seexanni qabu sirriitti kan argisiisu dha. Seexanni namoota garraamii jibbuun isaa nama hin dinqisiisu! Isaan amalawwan gaarii inni hin qabne waan argisiisaniif inni hammam hamaa akka taʼe saaxilu. Kana malees, inni sobduu akka taʼe mirkaneessu. Maaliif? Sababiin isaas inni wanta fedhe yoo dubbate ykn yoo raawwate iyyuu, namoonni garraamii taʼan Yihowaa akka hin tajaajille dhowwuu hin dandaʼu!—Iyo. 2:3-5. w19.02 8-9 key. 3-5

Kibxata, Waxabajjii 9

Ani Waaqayyo kee ti hin naʼin!—Isa. 41:10.

Yihowaan, jiraattonni biyya Baabilon akka sodaatan beeka. Baabilon raayyaa waraanaa Meedoo Faares isa humna guddaa qabuun weeraramti. Yihowaanis saba isaa boojuu Baabilon jalaa bilisa baasuuf raayyaa kanatti fayyadama. (Isa. 41:2-4) Baabiloononnii fi saboonni kaan, diinonni isaanii dhihaachaa akka jiran yommuu beekan, walii isaaniitiin “Jabaadhu!” jechuudhaan ija jabina isaanii eeggachuuf yaalii godhu. Kana malees, eegumsa akka isaaniif godhan abdachuudhaan waaqolii tolfamoo hedduu ni tolfatu. (Isa. 41:5-7) Yeroo kanatti, Yihowaan, “Yaa Israaʼel, [olloota kee irraa haala adda taʼeen] ati . . . garbicha koo ti . . . Ani Waaqayyo kee ti hin naʼin!” jechuudhaan garaa Yihudoota boojuudhaan jiranii tasgabbeesse. (Isa. 41:8-10) Yihowaan, “Ani Waaqayyo kee ti” jechuu isaa hubadhaa. Yihowaan jechoota kanatti fayyadamuudhaan, inni waaqeffattoota isaa warra amanamoo taʼan akka hin irraanfannee fi isaanis saba isaa akka taʼan mirkaneesseera. Inni, ‘Anumatu isin baata, anatu isin fayyisas’ isaaniin jedheera. Jechoonni nama jajjabeessan kun Yihudoota boojuudhaan jiran jajjabeessanii taʼuu akka qabu hin shakkisiisu.—Isa. 46:3, 4. w19.01 4 key.8

Roobii, Waxabajjii 10

Sagaleen tokko samii irraa dhufee, “Ati Ilma koo isa jaallatamaa dha; ani sitti nan gammada” jedhe.—Mar. 1:11.

Yeroon Yihowaan samii irraa dubbate sadii keessaa inni jalqabaa, Maarqos 1:9-11 irratti galmeeffameera. Yihowaan akkas jedheera: “Ati Ilma koo isa jaallatamaa dha; ani sitti nan gammada.” Yesuus Abbaan isaa akka isa jaallatuu fi amanannaa akka isa irratti qabu yommuu isaaf ibsu sagalee isaa dhagaʼuun isaa guddaa garaa isaa tuqeera! Wanti Yihowaan dubbate waaʼee Yesuus dhugaawwan barbaachisaa taʼan sadii mirkaneessa. Tokkoffaa, Yesuus Ilma isaa ti. Lammaffaa, Yihowaan Ilma isaa ni jaallata. Sadaffaa, Yihowaan Ilma isaatti ni gammada. Yihowaan ‘Ati Ilma koo ti’ jedhee dubbachuudhaan, Yesuus Ilmi isaa inni jaallatamaan Isaa wajjin walitti dhufeenya haaraa akka uume argisiiseera. Yesuus utuu gara lafaa hin dhufin dura iyyuu Ilma Waaqayyoo ture. Haa taʼu malee, yeroo cuuphametti karaa haaraatiin Ilma Waaqayyoo taʼeera. Yeroo kanatti, Waaqayyo Yesuus Ilma isaa isa dibame taʼuudhaan gara samiitti deebiʼee Mootii Mootummaa Waaqayyoo fi Luba Ol Aanaa taʼuuf abdii qabaachuu isaa beeksise. (Luq. 1:31-33; Ibr. 1:8, 9; 2:17) Kanaaf, yeroo Yesuus cuuphametti Abbaan isaa, ‘Ati Ilma koo ti’ jechuuf sababii gaʼaa qaba ture.—Luq. 3:22. w19.03 8 key. 3-4

Kamisa, Waxabajjii 11

Ogummaan . . . Waaqayyoon mormee dhaabachuu dandaʼu hin jiru.—Fak. 21:30.

Gorsi hamaan kan eegale jalqaba seenaa ilmaan namootaatti, jechuunis yeroo Seexanni seenaa namootaa keessa seenetti ture. Seexanni of tuulaa fi gorsaa ofiin of muude waan taʼeef, Hewaanii fi abbaan manaa ishii jireenya isaanii keessatti daandii ofii isaanii yoo filatan caalaatti gammadoo akka taʼan ishiitti hime. (Uma. 3:1-6) Seexanni kana kan godhe ofittummaadhaan kakaʼee ture. Addaamii fi Hewaan akkasumas ijoolleen isaanii gara fuulduraatti dhalatan, Yihowaa waaqeffachuu mannaa akka isaaf bitamanii fi akka isa waaqeffatan barbaadee ture. Garuu, walii isaanii, jannata bareedduu ishii mana isaanii taatee fi qaama mudaa hin qabne isa bara baraaf jiraachuu dandaʼu dabalatee waan hundumaa kan isaaniif kenne Yihowaa ture. Kan nama gaddisiisu garuu, Addaamii fi Hewaan Waaqayyoof ajajamuu diduudhaan, isa irraa adda of baasan. Akkuma beeknu kun buʼaan isaa gaddisiisaa ture. Akkuma abaaboo muka ishii irraa citte tokkoo suutuma suuta coolliguu jalqaban, achiis ni duʼan. Ijoolleen isaaniis abaarsa cubbuutiin kan kaʼe rakkinni isaan irra gaʼeera. (Rom. 5:12) Taʼus, amma iyyuu namoonni hedduun Waaqayyoof bitamuu diduu filataniiru. Namoonni kun jireenya isaanii karaa ofii isaanii geggeeffachuu barbaadu. (Efe. 2:1-3) Kun, caqasni guyyaa harʼaa dhugaa taʼu isaa ifatti argisiisa. w18.12 20 key. 3-4

Jimaata, Waxabajjii 12

Kan dubbannu jechoota ogummaa namootaa irraa baranneen miti; kanaa mannaa, dhimmoota hafuuraa jechoota hafuuraatiin yommuu ibsinu, dubbii hafuura irraa baranneen dubbanna.—1 Qor. 2:13.

Phaawulos ergamaan yoo xinnaate qooqa lama kan beeku siʼa taʼu, nama baratee fi dandeettii guddaa qabu ture. (HoE. 5:34; 21:37, 39; 22:2, 3) Taʼus, dhugaa buʼuuraa wajjin haala wal qabateen, ogummaa addunyaa tuffateera. Kanaa mannaa, murtoon isaa Kitaaba Qulqulluu irratti akka hundaaʼu godheera. (HoE. 17:2; 1 Qor. 2:6, 7) Kanaan kan kaʼes, Phaawulos tajaajila isaa irratti milkaaʼina argateera, akkasumas jireenya bara baraa akka badhaafamu abdachuu dandaʼeera. (2 Xim. 4:8) Shakkii tokko malee, yaadni Waaqayyoo yaada addunyaa yeroo harʼaa jiruu irra ni caala. Yaada isaatiin jiraachuun, gammachuu guddaa fi milkaaʼina hunda caalu nuuf argamsiisa. Haa taʼu malee, Yihowaan yaada isaa akka fudhannu nu hin dirqisiisu. “Garbichi amanamaanii fi ogeessi” yaada namootaa hin toʼatu, jaarsoliinis akkas gochuu hin qaban. (Mat. 24:45; 2 Qor. 1:24) Kanaa mannaa, tokkoon tokkoon Kiristiyaanaa yaadni isaa ykn ishii kan Yihowaa wajjin akka wal simu gochuuf itti gaafatamummaa dhuunfaa qabu. w18.11 20-21 key. 12-13

Sanbadduraa, Waxabajjii 13

Gaddii fi dhiphinni isaan irraa in fagaata.—Isa. 35:10.

Waaqayyo sabni isaa gara biyya isaaniitti erga deebiʼanii booda, biyyattiin nagaa akka qabaattu; akkasumas namni kam iyyuu bineensonni ykn namoonni amala bineensaa qaban miidhaa na irratti geessisu jedhee akka hin sodaanne karaa Isaayaas raajii dubbateera. Ijoolleenis taʼan maanguddoonni nagaadhaan jiraatu. (Isa. 11:6-9; 35:5-10; 51:3) Isaayaas saba Israaʼel qofa utuu hin taʼin, guutummaan lafaa, ‘akkuma galaanni bishaaniin guutu, beekumsa Waaqayyootiin akka guutu’ ibseera. Isaayaas bineensonni ykn namoonni warra gara biyya isaanitti deebiʼan irratti miidhaa akka hin geessisne itti dabalee ibseera. Akkuma iddoon biqiltuu Eeden bishaan kan qabu ture, lafti isaanii bishaan gaʼaa waan qabaattuuf firii hedduu kenniti. (Uma. 2:10-14; Er. 31:12) Garuu, raawwiin raajii kanaa kana qofa dhaa? Namoonni boojuudhaa deebiʼan sun dinqiidhaan akka fayyan ragaan argisiisu hin jiru. Fakkeenyaaf, namoonni qaro dhabeeyyii taʼan qaroon isaanii hin deebineef. Kanaaf, raajiin Waaqayyo dubbate fayyinni qaamaa gara fuulduraatti akka dhufu argisiisa. w18.12 5 key. 11-12

Dilbata, Waxabajjii 14

Dhugaadhaan deddeebiʼaa.—3 Yoh. 3.

Dhugaa keessa deddeebiʼuun, adeemsa itti fufiinsa qabu, jechuunis daandii bara baraaf irra deemuuf abdannu dha. Maarree, murtoo dhugaa keessa deddeebiʼuuf goone cimsachuu kan dandeenyu akkamitti? Dhugaa Dubbii Waaqayyoo isa gatii guddaa qabu qoʼachuu fi irratti xiinxaluu keessan itti fufaa. Dhugaa Dubbii Waaqayyoo isa gatii guddaa qabu soorachuuf yeroo dhaabbataa taʼe ramaduudhaan dhugaa bitadhaa. Kana gochuudhaan, dinqisiifannaa dhugaadhaaf qabdan guddifachuu fi murtoo matumaa dhugaa gurguruu dhiisuuf gootan cimsachuu dandeessu. Fakkeenyi 23:23, dhugaa bitachuu malees, “ogummaa, adabaa fi hubannaa” bitachuu akka qabnu dubbata. Beekumsi qofti gaʼaa miti. Dhugaa jireenya keenya keessatti hojii irra oolchuu qabna. Hubannaadhaan, wantoonni Yihowaan dubbate hundi akkamitti akka wal siman adda baasnee beekuu dandeenya. Ogummaan wanta baranne hojii irra akka oolchinu nu kakaasa. Yeroo tokko tokko, dhugaan bakka jijjiirama gochuun itti nu barbaachisu nutti argisiisuudhaan nu adaba. Qajeelfama akkasiitiif yeroo hunda deebii gaarii haa kenninu. Gatiin kanaa meetii irra baayʼee caala.—Fak. 8:10. w18.11 9 key. 3; 11 key. 13-14

Wiixata, Waxabajjii 15

Dhugaa . . . bitadhu, matumaas . . . hin gurgurin.—Fak. 23: 23, NW.

Qabeenyi keessan inni gatii guddaa qabu maali dha? Qabeenya kana wanta gatii xinnoo qabutti jijjiiruu hoo ni barbaadduu? Namoota Yihowaadhaaf of murteessaniif deebiin gaaffiiwwan kanaa salphaa dha. Qabeenyi keenya inni gatii guddaa qabu hariiroo Yihowaa wajjin qabnu siʼa taʼu, qabeenya kana wanta kamiin iyyuu jijjiiruu hin barbaannu. Dhugaa Kitaaba Qulqulluu Abbaa keenya isa samii wajjin hariiroo cimaa akkasii akka horannu nu gargaareefis iddoo guddaa kennina. (Qol. 1:9, 10) Mee wanta Barsiisaan keenya Guddichi Dubbii isaa Kitaaba Qulqulluu keessaa nu barsiise hunda yaadaa! Maqaa isaa isa hiika guddaa qabuu fi amalawwan isaa warra nama hawwatan ilaalchisee dhugaa jiru nutti mulʼiseera. Qophii furii isa hunda caaluu fi karaa Ilma isaa Yesuus jaalalaan nuuf kenne ilaalchisee odeeffannoo nuuf kenneera. Akkasumas Yihowaan waaʼee Mootummaa Masiihichaa nutti himeera; kana malees, abdii lafa Jannata taatu irra jiraachuu nuuf kenneera. Inni akkamitti jiraachuu akka qabnu nu barsiisa. Dhugaawwan kun Uumaa keenyatti caalaatti akka dhihaannu waan nu dandeessisaniif iddoo guddaa isaaniif kennina. Jireenyi keenyas kaayyoo akka qabaatu godhu. w18.11 3 key. 1-2

Kibxata, Waxabajjii 16

Wal hin sobinaa.—Qol. 3:9.

Namoonni sobduun wanta kam iyyuu Yihowaa jalaa dhoksuu akka hin dandeenye yaadachuu qabna; sababiin isaas wanti hundi isa duratti “qullaa fi ifatti kan baafame dha.” (Ibr. 4:13) Fakkeenyaaf, Hanaaniyaa fi Saphiiraan ergamoota gowwoomsuuf yaadanii turan. Qabeenya isaanii erga gurguranii booda wanta gurguran irraa muraasa qofa kennan. Hiriyoonni gaaʼelaa kun buusii godhaniin gumii fuulduratti arjaa fakkaatanii mulʼachuu waan barbaadaniif qarshii hundumaa akka kennan ergamootatti himan. Taʼus, Yihowaan wanta isaan raawwatan waan argeef isaan adabeera. (HoE. 5:1-10) Soba ilaalchisee Yihowaatti maaltu dhagaʼama? Seexannii fi warri sobuudhaan isa fakkaatan, akkasumas yaada isaanii hin jijjiirranne hundi gara ‘haroo ibiddaatti’ deemaa jiru. (Mul. 20:10; 21:8; Far. 5:6) Yihowaan ‘akka namaa akka hin sobne’ beekna. Dhuguma iyyuu inni, ‘Waaqa sobuu hin dandeenye dha.’ (Lak. 23:19; Ibr. 6:18) ‘Waaqayyo arraba sobu in jibba.’ (Fak. 6:16, 17) Isa biratti fudhatama argachuuf ulaagaa isaa isa dhugaa taʼeen jiraachuu qabna. w18.10 8 key. 10-13

Roobii, Waxabajjii 17

Wantoota kana irratti xiinxali.—1 Xim. 4:15.

Namni qacaree isin hojjechiisu tokko ayyaana amantii sobaa gara fuulduraatti kabajamuuf qarshii buusii akka gootan isin gaafate haa jennu. Maal gootu? Hamma haalli akkasii uumamutti teessanii eeguu mannaa, ammuma ilaalcha Yihowaan dhimmoota akkasiitiif qabu irratti maaliif hin yaaddan? Akkas kan gootan taanaan, yommuu haalli akkasii uumamu wanta sirrii taʼe gochuun ykn dubbachuun salphaa isiniif taʼa. Barbaachisummaa amanamaa taʼuun qabu irratti dursanii yaaduun, yeroo yaaliin fayyaa hatattamaa nu mudatuttis faayidaa qabaachuun isaa mirkanaaʼeera. Guutummaa dhiigaa ykn kutaalee dhiigaa guguddaa arfan kan hin fudhanne taanus, malawwan yaalii fayyaa dhiigatti fayyadamuu gaafatan tokko tokko dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu yaada Yihowaa argisiisan irratti hundaaʼanii murtoo dhuunfaa gochuu gaafatu. (HoE. 15:28, 29) Dhimmoota kana irratti yaaduu kan qabnu yeroo dhukkubsannee hospitaala keessa jirruu fi murtoo hatattamaa akka goonu dhiibbaan nu irra gaʼutti miti. Yeroon itti qorannaa goonu, kaardii qajeelfama yaalii fayyaa fedhii keenya ibsu guunnuu fi doktara keenya haasofsiisnu amma dha. w18.11 24 key. 5; 26 key. 15-16

Kamisa, Waxabajjii 18

Namni anaaf dhagaʼu . . . nagaatti in jiraata.—Fak. 1:33.

Kana Yihowaan saba isaa karaawwan qabatamaa taʼaniin kunuunsuudhaan tiksee jaalala qabeessa taʼe dha. Diinota isaanii irraa isaan eeguudhaan nageenyi akka isaanitti dhagaʼamu godheera. Dhuma sirna kanaatti dhihaachaa yommuu jirru kanatti, dhugaawwan kana beekuun baayʼee nama jajjabeessa. Yihowaan saba isaa kunuunsaa jira. Yeroo rakkina guddaa isa saffisaan dhihaachaa jiruttis kana gochuu isaa itti fufa. (Mul. 7:9, 10) Kanaaf, ijoollees taʼan maanguddoo, fayya buleessas taʼan hirʼina qaamaa kan qaban, sabni Waaqayyoo yeroo rakkina guddaatti hin naʼan ykn hin sodaatan. Kanaa mannaa, wanta kana irraa faallaa taʼe raawwatu! Yaada Yesuus Kiristoos, “Fayyinni keessan waan dhihaateef, kaʼaa dhaabadhaa, mataa keessanis ol qabadhaa” jechuudhaan dubbate yaadatti qabatu. (Luq. 21:28) Yeroo Goog, jechuunis saboonni humna guddaa qaban waltaʼiinsa uumanii haleellaa geessisanitti illee amanannaa akkasii ni qabaatu. (His. 38:2, 14-16) Sabni Waaqayyoo amanannaa isaanii eeganii kan itti fufan maaliifi? Yihowaan akka hin jijjiiramne waan beekaniifi dha. Inni ammas kunuunsa kan godhuu fi Fayyisaa namaaf yaadu taʼuu isaa ni argisiisa.—Isa. 26:20. w18.09 26 key. 15-16

Jimaata, Waxabajjii 19

Ati ana duratti gati-jabeessa . . . waan taateef [si jaalladheera].—Isa. 43:4.

Israaʼeloonni amanamoo taʼan jechoota Yihowaan dubbate kana yommuu dhagaʼan baayʼee jajjabaatanii taʼuu qaba. Tajaajiltoota Yihowaa keessaa tokko waan taateef, Yihowaan siin iyyuu baayʼee akka si jaallatu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. Dubbiin Waaqayyoo warra waaqeffannaa dhugaa hordofaniif, “Inni oolchuudhaaf aango-qabeessa; inni of irraa buʼee sitti in gammada” jechuudhaan abdii kenna. (Sef. 3:16, 17) Yihowaan qorumsi saba isaa mudatu maal iyyuu yoo taʼe isaan deeggaruu fi jajjabeessuuf waadaa galeera. “[Isin] akka mucaatti kaasuu ishee irratti in baatamtu, gudeeda ishee irrattis in ururfamtu. Haati mucaa ishee akkuma urursitu, anis akkasuma isin nan urursa.” (Isa. 66:12, 13) Haati jaalala qabeettii taate takka mucaa ishii dugdatti yommuu baattu ykn jilba ishii irratti yommuu urursitu tasgabbii guddaatu isatti dhagaʼama! Yihowaan karaa kanaan jaalalli inni waaqeffattoota isaatiif qabu hammam guddaa akka taʼee fi gadi fageenya akka qabu fakkeenya miira namaa tuqutti fayyadamee ibseera. Yihowaa biratti gatii guddaa akka qabduu fi jaalatamaa akka taate matumaa hin shakkin.—Er. 31:3. w18.09 13 key. 6-7

Sanbadduraa, Waxabajjii 20

Harʼa fedhiidhaan Yihowaadhaaf harka isaatti kennaa qabatee kan dhihaatu eenyu?—1 Sen. 29:5, NW.

Seenaa Israaʼelootaa durii keessatti haalawwan adda addaa irratti namoonni fedhiidhaan of dhiheessan barbaachisanii turan. (Bau. 36:2; Nah. 11:2) Yeroo harʼaattis, obboloota kee gargaaruuf yeroo kee, qabeenya kee fi dandeettii kee fedhiidhaan kennuuf carraa hedduu qabda. Akkasumas fedhiidhaan of dhiheessuu keetiin gammachuu guddaa fi eebba hedduu argachuu dandeessa. Namoonni hojiiwwan tiʼookraasii irratti fedhiidhaan of dhiheessan yeroo baayʼee michoota haaraa argatu. Mee haala obboleettii keenya Marjee akka fakkeenyaatti haa ilaallu; waggoota 18iif hojii Galma Walgaʼii ijaaruu irratti hirmaachaa jirti. Waggoota kanatti, dursa fudhattee obboleettota shamarran taʼan hedduudhaaf leenjii kennuu dandeesseetti. Kana malees, hojii ijaarsaa irratti hirmaachuun karaa hafuuraa wal jajjabeessuuf carraa baayʼee gaarii taʼe akka taʼetti ilaalti. (Rom. 1:12) Jireenya ishii keessatti yeroo haalli rakkisaa taʼe ishii mudatetti, michoota yeroo hojii ijaarsaa irratti horatte irraa jajjabina argachuu dandeesseetti. Ati hoo hojii ijaarsaa irratti hirmaachuuf fedhiidhaan of dhiheessitee beektaa? w18.08 25 key. 9, 11

Dilbata, Waxabajjii 21

Eenyu illee dargaggummaa kee akka tuffatu hin heyyamin. Kanaa mannaa warra amanamoo taʼaniif, dubbiidhaan, amalaan, jaalalaan, amantiidhaan, akkasumas qulqullummaadhaan fakkeenya taʼi.—1 Xim. 4:12.

Phaawulos ergaa kana yommuu isaaf barreessu, umuriin Ximotewos jalqaba waggoota 30mmanii keessa taʼuu hin oolu. Taʼus, Phaawulos itti gaafatamummaa guguddaa akka raawwatu isaaf kennee ture. Sababiin gorsa kana kennuuf isa kakaase maal iyyuu yoo taʼe, qabxiin isaa ifa dha. Obboloota dargaggoota taʼan umurii isaanii irratti qofa hundoofnee isaanitti murteessuu hin qabnu. Gooftaan keenya Yesuus tajaajila isaa isa lafa irraa guutummaatti kan raawwate, jalqaba umurii waggoota 30mmanii keessa utuu jiruu taʼuu isaa yaadachuun keenya gaarii dha. Tarii naannoo dhiirota dargaggoota taʼaniif iddoo gadi aanaa kennu keessa jiraanna taʼa. Taanaan, jaarsoliin gumii keessa jiran, dargaggoota gaʼumsa qabanii fi tajaajilaa ykn jaarsa gumii taʼanii tajaajiluu dandaʼan akka muudaman yaada kennuu irraa of qusachuu dandaʼu taʼa. Jaarsoliin hundi Kitaabni Qulqulluun obboleessi tokko tajaajilaa ykn jaarsa gumii taʼuuf umuriin isaa hammana taʼuu qaba jedhee akka hin daangessine yaadachuun isaanii gaarii dha.—1 Xim. 3:1-10, 12, 13; Tit. 1:5-9. w18.08 11-12 key. 15-16

Wiixata, Waxabajjii 22

Isa sobaan “beekumsa” jedhamu irraa [fagaadhu].—1 Xim. 6:20.

Murtoo gaarii irra gaʼuuf dhugaa qabatamaa taʼe argachuu nu barbaachisa. Kanaaf, odeeffannoo dubbisnu of eeggannoo guddaadhaan filachuu nu barbaachisa. (Filp. 4:8, 9) Oduuwwan shakkisiisoo toora intarneetii irratti baʼan ilaaluudhaan ykn gabaasawwan dhugaa taʼuun isaanii hin mirkaneeffamnee fi karaa iimeelii balʼinaan tamsaafaman dubbisuudhaan yeroo keenya gubuu hin qabnu. Keessumaa weeb saayitoota gantoonni babalʼisan irraa fagaachuun baayʼee barbaachisaa dha. Kaayyoon isaanii inni guddaan, saba Waaqayyoo diiguu fi dhugaa jiru jalʼisuu dha. Odeeffannoon guutuu hin taane murtoo dogoggora taʼe gochuutti nama geessa. Dhiibbaa guddaa odeeffannoon dogoggora taʼe garaa fi sammuu keessan irratti geessisuu dandaʼu matumaa akka laayyootti hin ilaalinaa. Bara Museetti Biyyattii Abdachiifamte akka gaadaniif gaaddoota ergaman 12 keessaa 10 gabaasa dogoggoraa fidanii yommuu dhufanitti wanta taʼe haa ilaallu. (Lak. 13:25-33) Gabaasni arbeeffamee fi naasisaan isaan fidanii dhufan, sabni Yihowaa gar malee akka sodaatu godheera. (Lak. 14:1-4, 6-10) Dhugaa jiru adda baasuu fi Yihowaatti amanamuu mannaa, gabaasa sirrii hin taane amanuu filataniiru. w18.08 4 key. 4-5

Kibxata, Waxabajjii 23

Hin gowwoominaa. Hiriyummaa gadheen amala gaarii mancaasa.—1 Qor. 15:33.

Namoonni baayʼeen amala gaarii tokko tokko qabu taʼa; akkasumas namoonni gumiidhaa ala jiran hedduun wanta naamusaa ala taʼe hin raawwatan taʼa. Michoonni kee namoota akkasii yoo taʼan, michoota gaarii dha jettee yaaddaa? Walitti dhufeenyi isaanii wajjin qabdu, hariiroo Yihowaa wajjin qabdu irratti dhiibbaa akkamii akka geessisu of gaafadhu. Hariiroon Yihowaa wajjin qabdu akka cimu si gargaaruu? Wanti garaa isaanii keessa jiru maali dha? Fakkeenyaaf, wanti dubbatan faashinii, qarshii, meeshaalee elektirooniksii, bohaartii ykn qabeenya hordofuu irratti gar malee kan xiyyeeffate dhaa? Yeroo baayʼee dubbiin isaanii namoota akka tuffatan ykn qoosaa namatti hin tolle akka jaallatan kan argisiisu dhaa? Yesuus, “Afaan wanta garaa keessa guute dubbata” jedhee akeekkachiiseera. (Mat. 12:34) Michoonni kee ejjennoo gaarii Yihowaa duratti qabdu balaadhaaf kan saaxilan yoo taʼe, michooma kee daangessuuf, barbaachisaa taanaan immoo guutummaatti dhaabuuf tarkaanfii cimaa fudhachuu qabda.—Fak. 13:20. w18.07 19 key. 11

Roobii, Waxabajjii 24

Museen namoota lafa irra jiran hundumaa caalaa garraamii ture.—Lak. 12:3, NW.

Museen yommuu umuriin isaa waggaa 80 taʼu Yihowaan itti gaafatamummaa Israaʼeloota garbummaa Gibxii jalaa baasuu isaaf kenne. (Bau. 3:10) Museen garuu, itti gaafatamummaa kana fudhachuu dhiisuudhaaf yeroo baayʼee yaalii godheera. Taʼus, Yihowaan obsa argisiisuu isaa itti fufe. Kana irra darbee iyyuu Museen dinqii akka raawwatu humna isaaf kenneera. (Bau. 4:2-9, 21) Yihowaan, Museen yaada isaa dafee akka fudhatu isa sodaachisuu ni dandaʼa ture. Kanaa mannaa Yihowaan, tajaajilaa isaa isa humna isaa beekuu fi gad of qabu kanaa wajjin akka taʼu, obsaa fi gaarummaadhaan irra deddeebiʼee isaaf mirkaneesseera. Akka kanaan isaaf yaaduun isaa buʼaa argamsiiseeraa? Eeyyee! Museen akkuma Yihowaan isaaf godhe, warra kaan garraamummaadhaan qabuu fi akka isaaniif yaadu argisiisuudhaan, geggeessaa beekamaa taʼeera. Hamma taʼe tokko aangoo qabda taanaan, namoota kunuunsa kee jala jiraniif yaaduu, akkasumas gaarummaa fi obsa isaanitti argisiisuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuun kee barbaachisaa dha! (Qol. 3:19-21; 1 Phe. 5:1-3) Fakkeenya Yihowaa fi Yesuus Kiristoos isa Musee Guddicha taʼee hordofuuf yommuu carraaqxu salphaatti namoonni sitti dhihaatu, warra kaaniifis boqonnaa argamsiista.—Mat. 11:28, 29. w18.09 24-25 key. 7-10

Kamisa, Waxabajjii 25

Ilaa, obboloonni walii wajjin jiraachuun, attam gaarii dha, attam namatti tolas!—Far. 133:1.

Obbolootaa fi obboleettota keessan gidduutti tokkummaan akka cimu gochuudhaan, dhibbaa gaarii isaan irraan geessisuuf maaliif hin murteessitan? Amma akkasuma gochaa jirtu yoo taʼe galateeffamuu qabdu. Maarree obboloota gumii keessa jiran caalaatti beekuuf carraaqqii gochuu dandeessuu? (2 Qor. 6:11-13) Namoota ollaa keessan jiran biratti ifni dhugaa Kitaaba Qulqulluu akka ifu gochuuf carraaqqii dabalataa gochuu ilaalchisee hoo? Dubbiin keessanii fi gochi gaarummaa isin raawwattan ollaan keessan dhugaa akka fudhatu gochuu dandaʼa. Akkana jedhaa of gaafadhaa: ‘Ollaawwan koo anaaf ilaalcha akkamii qabu? Mana koo fi qabeenya koo qulqullinaan qabuudhaan ollaawwan koo irratti dhibbaa gaarii geessisaan jiraa? Namoota kaan gargaaruuf dursa nan fudhadhaa?’ Dhugaa Baatota kaanii wajjin yommuu haasoftan, gaarummaanii fi amalli isaanii inni gaariin firoottan, ollaawwan, namoota wajjin hojjetan ykn wajjin baratan irratti dhiibbaa akkamii akka geessise maaliif isaan hin gaafattan? Muuxannoo gaarii dhagaʼuun keessan waan hin oolle dha.—Efe. 5:9. w18.06 24 key. 13-14

Jimaata, Waxabajjii 26

Saʼaatiin namni isin ajjeesu hundi Waaqayyoof tajaajila qulqulluu akka dhiheessu isatti dhagaʼamu ni dhufa.—Yoh. 16:2.

Akeekkachiisni Yesuus sirrii ture. Sababiin isaas, namoonni Isxifaanos baratichaa fi namoota akka isaa kaan ajjeesan akkana jedhanii yaadanii turan. (HoE. 6:8, 12; 7:54-60) Seenaa darbe keessatti, namoonni amantii hedduun yakka cimaa akka nama ajjeesuu jiru raawwachaa turaniiru; kanas kan godhan Waaqayyoof akka taʼe dubbatu. Wanti isaan raawwatan garuu seera Waaqayyoo wajjin kan wal faallessu dha! (Bau. 20:13) Dhuguma iyyuu, qalbiin isaanii karaa dogoggoraa irra isaan qajeelcheera! Maarree, qalbiin keenya sirriitti akka hojjetu gochuu kan dandeenyu akkamitti? Seerrii fi qajeelfamni Dubbii Waaqayyoo keessa jiru, “barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, wanta hundumaa sirreessuuf, qajeelummaadhaan leenjisuuf ni fayyada.” (2 Xim. 3:16) Kanaaf, Kitaaba Qulqulluu gad fageenyaan qoʼachuu, wanta dubbisne irratti xiinxaluu fi hojii irra oolchuudhaan, qalbiin keenya ilaalcha Waaqayyoo wajjin akka wal simuu fi qajeelfama amansiisaa akka nuuf kennu leenjisuu dandeenya. w18.06 16-17 key. 3-4

Sanbadduraa, Waxabajjii 27

Goraadee hafuuraa, jechuunis dubbii Waaqayyoo fudhadhaa.—Efe. 6:17.

Phaawulos xalayaa kana yeroo barreessuutti goraadeen loltuu lafoo Roomaa itti fayyadamu gara seentii meetira 50 kan dheeratu yommuu taʼu, lola fuulaa fuulatti godhamu irratti isa gargaara. Miʼa waraanaa kanaan guyyaa guyyaatti waan shaakalaniif, loltoonni kun goraadee fayyadamuu irratti dandeettii guddaa qabaachuu dandaʼaniiru. Phaawulos Dubbii Waaqayyoo goraadee Yihowaan nuu kenne wajjin wal fakkeesseera. Haa taʼu malee, yeroo amantii keenyaaf dhaabannuttii fi ilaalcha keenya sirreessinutti akka gaariitti itti fayyadamuu barachuu qabna. (2 Qor. 10:4, 5; 2 Xim. 2:15) Seexanaa fi jinniiwwan sodaachuun nu hin barbaachisu. Humna guddaa kan qaban taʼus moʼamuu dandaʼu. Akkasumas bara baraaf hin jiraatan. Yeroo bulchiinsa Barkumee Kiristoositti namoota irratti miidhaa akka hin geessisneef kan hidhaman yommuu taʼu, isa booda immoo ni balleeffamu. (Mul. 20:1-3, 7-10) Diina keenya, malawwan isaa fi fedhii isaa beekna. Gargaarsa Yihowaatiin isa mormuudhaan jabaannee dhaabachuu ni dandeenya! w18.05 30-31 key. 15, 19-21

Dilbata, Waxabajjii 28

Bofichi immoo deebisee dubartittiidhaan, “Hin duutan” [jedheen].—Uma. 3:4.

Addaam bofti dubbachuu akka hin dandeenye akka beeku homaa hin shakkisiisu. Kanaaf, qaamni hafuuraa tokko bofatti fayyadamee Hewwaaniin akka haasofsiise yaadee taʼuu qaba. (Uma. 3:1-6) Addaamii fi Hewwaan waaʼee qaama hafuuraa kana homaa hin beekan jechuun ni dandaʼama. Taʼus, Addaam qaama hin beekne kanaa wajjin taʼuudhaan, taʼe jedhee Abbaa isaa isa samii isa jaalala qabeessa taʼetti dugda garagalchuu fi fedhii Waaqayyoo mormuu filateera. (1 Xim. 2:14) Yihowaan yeruma sana waaʼee diina kanaa ibsuu kan jalqabe yeroo taʼu, qaamni Addaamii fi Hewwaan dogoggorse kun yeroo booda akka balleeffamu abdii kenneera. Haa taʼu malee Yihowaan, qaamni hafuuraa bofatti fayyadame kun yeroodhaaf namoota Waaqa jaallatan mormuudhaaf humna akka qabaatu akeekkachiiseera. (Uma. 3:15) Yihowaan maqaa dhuunfaa maleekaa isa mormee matumaa dubbatee hin beeku. Akkasumas Waaqayyo maqaa eenyummaa diina kana ibsu illee fincilli inni jalqabaa kaʼee hanga waggoonni gara 2,500 darbanitti utuu hin dubbatin tureera.—Iyo. 1:6. w18.05 22 key. 1-2

Wiixata, Waxabajjii 29

Isaan . . . jabaatanii dhaabachuudhaan firii godhatu.—Luq. 8:15.

Naannoowwan tajaajilaa deebii muraasa kennan keessatti lallabuun abdii isin kutachiisee beeka yoo taʼe, akkuma Phaawulos ergamaa isinitti dhagaʼamuu dandaʼa. Tajaajila gara waggaa 30 dabarse keessatti namoonni hedduun barattoota Kiristoos akka taʼan gargaareera. (HoE. 14:21; 2 Qor. 3:2, 3) Taʼus, Yihudoonni hedduun Yihowaa akka waaqeffatan gargaaruun isaaf hin milkoofne ture. Faallaa kanaatiin, baayʼeen isaanii Phaawulosiin mormaa, darbees warri tokko tokko isa ariʼachaa turan. (HoE. 14:19; 17:1, 4, 5, 13) Deebii hamaan Yihudoonni kennan kun Phaawulos irratti dhibbaa kan geessise akkamitti? Akkana jedhee ifatti dubbateera: “Ani duuka buutuu Kiristoos waanan taʼeef dhugaan dubbadha . . . Gaddi guddaanii fi cinqiin wal irraa hin cinne garaa koo keessa jira.” (Rom. 9:1-3) Phaawulos akkas kan isatti dhagaʼame maaliif ture? Garaan isaa hojii lallabaa irratti xiyyeeffatee waan tureefi dha. Yihudootaaf kan lallabe garaadhaa waan isaaniif yaaduuf ture. Taʼus gara laafina Waaqayyoo tuffachuun isaanii Phaawulosiin gaddisiiseera. Akkuma Phaawulos, nutis namootaaf garaadhaa waan yaannuuf isaaniif lallabna.—Mat. 22:39; 1 Qor. 11:1. w18.05 13 key. 4-5

Kibxata, Waxabajjii 30

Yaaddoon garaa namaa keessa yoo jiraate, gad nama qaba; dubbii gaariin garuu nama gammachiisa.—Fak. 12:25.

Phaawulos namni warra kaan jajjabeessuuf itti gaafatamummaa qabu illee jajjabina argachuun akka isa barbaachisu ibseera. Kiristiyaanota Roomaa keessa jiraataniif, “Kennaa hafuuraa akka jabaattan isin gargaaru isinii kennuuf jecha isin arguuf nan hawwa; kana jechuun koo, ani amantii keessaniin akkan jajjabaadhu, isin immoo amantii kootiin akka jajjabaattan jechuu koo ti” jedhee barreesseera. (Rom. 1:11, 12) Eeyyee, Phaawulos inni warra kaaniif jajjabina guddaa kenne illee, yeroo tokko tokko jajjabina argachuun isa barbaachisee ture. (Rom. 15:30-32) Warri jireenya isaanii keessatti fedhii isaanii aarsaa godhan galateeffamuu qabu. Obboloonnis taʼan obboleettonni gorsa “Gooftaadhaan qofa” gaaʼela akka godhatan isaaniif kenname hordofuuf jedhanii qeenxee taʼanii jiraatanis jajjabina argachuu qabu. (1 Qor. 7:39) Kana malees, Kiristiyaanonni amamamoo taʼan yeroo ariʼatamanitti ykn dhukkubsatanitti jajjabinni isaan barbaachisa.—2 Tas. 1:3-5. w18.04 21 key. 3-5

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi