LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es20 ful. 67-77
  • Adoolessa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Adoolessa
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2020
  • Matadureewwan Xixiqqaa
  • Roobii, Adoolessa 1
  • Kamisa, Adoolessa 2
  • Jimaata, Adoolessa 3
  • Sanbadduraa, Adoolessa 4
  • Dilbata, Adoolessa 5
  • Wiixata, Adoolessa 6
  • Kibxata, Adoolessa 7
  • Roobii, Adoolessa 8
  • Kamisa, Adoolessa 9
  • Jimaata, Adoolessa 10
  • Sanbadduraa, Adoolessa 11
  • Dilbata, Adoolessa 12
  • Wiixata, Adoolessa 13
  • Kibxata, Adoolessa 14
  • Roobii, Adoolessa 15
  • Kamisa, Adoolessa 16
  • Jimaata, Adoolessa 17
  • Sanbadduraa, Adoolessa 18
  • Dilbata, Adoolessa 19
  • Wiixata, Adoolessa 20
  • Kibxata, Adoolessa 21
  • Roobii, Adoolessa 22
  • Kamisa, Adoolessa 23
  • Jimaata, Adoolessa 24
  • Sanbadduraa, Adoolessa 25
  • Dilbata, Adoolessa 26
  • Wiixata, Adoolessa 27
  • Kibxata, Adoolessa 28
  • Roobii, Adoolessa 29
  • Kamisa, Adoolessa 30
  • Jimaata, Adoolessa 31
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2020
es20 ful. 67-77

Adoolessa

Roobii, Adoolessa 1

Fedhiin Yihowaa maal akka taʼe hubachuu keessan itti fufaa.—Efe. 5:17.

Kan jiraannu ‘guyyoota yeroo addaa baayʼee rakkisaa taʼe’ keessa siʼa taʼu, Yihowaan addunyaa hamaa kana balleessee nagaa dhugaan lafa irratti akka dagaagu gochuu isaa dura jireenyi caalaatti rakkisaa taʼaa deema. (2 Xim. 3:1) Kanaaf, ‘Gargaarsaa fi qajeelfama argachuuf eessa ilaalaan jira?’ jennee of gaafachuun keenya gaarii dha. Jaarraawwan hedduu dura, faarfataan tokko yeroo rakkinaatti gargaarsa argachuuf iji keenya gara Yihowaa akka ilaalu gochuun keenya barbaachisaa akka taʼe hubateera. (Far. 123:1-4) Faarfatichi akkaataa nuti Yihowaa itti ilaallu, akkaataa hojjetaan tokko gooftaa isaa itti ilaaluu wajjin wal bira qabee ibseera. Akkana yommuu jedhu maal jechuu isaa ture? Hojjetaan tokko gooftaa isaa kan ilaalu, nyaataa fi eegumsa waan barbaaduuf qofa miti; wanta gooftaan isaa barbaadu hubachuu fi raawwachuuf utuu wal irraa hin kutin isa hordofuu qaba. Haaluma wal fakkaatuun, nutis dhuunfaatti fedhii Yihowaan nuuf qabu hubachuu fi qajeelfama sana hordofuuf guyyaa guyyaadhaan Dubbii Waaqayyoo qoruun nu barbaachisa. Yihowaan yeroo rakkinni nu mudatutti akka nu gargaaru mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu, yoo akkas goone qofa dha. w18.07 12 key. 1-2

Kamisa, Adoolessa 2

Ilmi bilisa yoo isin baase, isin dhuguma bilisa ni baatu.—Yoh. 8:36.

Yesuus hidhaa fi hacuuccaa ilmaan namootaa irra jiru isa guddaa, jechuunis ‘garbummaa cubbuu’ jalaa bilisa akka nu baasu dubbachuu isaa ture. (Yoh. 8:34) Cubbuun wanta gadhee akka raawwannu qofa utuu hin taʼin, wanta sirrii akka taʼe beeknu akka hin goone ykn wanta dandeettii isaa akka qabnu beeknu illee akka hin raawwanne nu dhowwuu dandaʼa. Kanaaf, nuti garboota cubbuu ti; kun immoo abdii akka kutannu, akka dhiphannu, akka rakkannuu fi dhuma irratti immoo akka duunu godha. (Rom. 6:23) Bilisummaa dhugaa warri keenya isaan jalqabaa argatanii turan argachuuf abdachuu kan dandeenyu, garbummaa cubbuu irraa bilisa yoo baane qofa dha. Yesuus “dubbii kootti yoo jiraattan” jechuun isaa, karaa isaatiin bilisa baʼuuf ulaagaaleen ykn daangaawwan tokko tokko akka jiran argisiisa. (Yoh. 8:31) Kiristiyaanota of murteessine waan taaneef of ganneerra, akkasumas barumsa Kiristoos barattoota isaa barsiise keessaa utuu hin baʼin jiraachuu filanneerra. (Mat. 16:24) Akkuma Yesuus abdachiise, aarsaan inni dhiheesse yeroo guutummaatti hojii irra nuuf oolu dhugumaan bilisa baana. w18.04 7 key. 14-16

Jimaata, Adoolessa 3

Si duwwaatu garaa namaa beeka.—2 Sen. 6:30.

Yihowaan yeroo sabni isaa dogoggora raawwatanii turanitti illee, miira isaaniitiif akka yaadu argisiiseera. Mee fakkeenya Yoonaas yaadaa. Waaqayyo raajiin kun, saba Nanawwee irratti ergaa murtii akka labsu isa ergee ture. Yeroo isaan yaada isaanii geddaratan garuu Waaqayyo isaan oolchuuf filate. Haa taʼu malee, Yoonaas murtoo kanatti hin gammadne ture. Yoonaas raajiin inni dubbate waan hin raawwatamiiniif “aaree in bobaʼe.” Taʼus, Yihowaan Yoonaasitti obsa argisiisuudhaan, akka inni yaada isaa sirreessu isa gargaareera. (Yon. 3:10–4:11) Yeroo booda, Yoonaas wanta Yihowaan isa barsiise kan hubate siʼa taʼu, seenaa kana faayidaa keenyaaf akka barreessu Yihowaan isatti fayyadameera. (Rom. 15:4) Akkaataan Yihowaan saba isaa itti qabe, inni tajaajiltoota isaatiif akka yaadu nuuf mirkaneessa. Inni dhiphinaa fi rakkina tokkoon tokkoon keenya irra gaʼu ni beeka. Inni yaanni keenya, miirri keenyaa fi humni keenya daangeeffamaa taʼu isaa ni hubata. Kana malees, “hamma baachuu [dandeenyu] caalaa akka [qoramnu] hin heyyamu.” (1 Qor. 10:13) Abdiin kun baayʼee kan nama jajjabeessu dha! w19.03 16 key. 6-7

Sanbadduraa, Adoolessa 4

Wanti hundi ija isa nuti itti gaafatamnu sanaa duratti qullaa fi ifatti kan baafame dha.—Ibr. 4:13.

Seera Musee jalatti jaarsoliin muudaman dhimmoota hafuuraa qofa utuu hin taʼin, dhimmoota hawaasummaa fi dhimmoota yakkaatiif furmaata kennuufis itti gaafatamummaa qabu turan. Mee fakkeenyota muraasa haa ilaallu. Namni Israaʼel tokko yoo nama ajjeese, battalumatti hin ajjeefamu ture. Jaarsoliin magaalaa isaa keessa jiran, duʼaan adabamuun isaa sirrii taʼuu fi dhiisuu isaa haala jiru qoratanii murteessuu qabu turan. (Kes. 19:2-7, 11-13) Kana malees, jaarsoliin kun jireenya guyyaa guyyaa ilaalchisee wal dhabiinsa qabeenya irratti uumamuu kaasee hamma rakkina gaaʼela keessatti uumamuutti furmaata kennu turan. (Bau. 21:35; Kes. 22:13-19) Jaarsoliin haqa qabeeyyii yommuu taʼanii fi Israaʼeloonni Seerichaaf yommuu ajajamanitti namni hundi ni fayyadama; sabichis Yihowaadhaaf ulfina fida. (Lew. 20:7, 8; Isa. 48:17, 18) Kana irraa hubachuu akka dandeenyutti kallattiin jireenya keenyaa hundi Yihowaa biratti iddoo guddaa qaba. Inni hariiroo warra kaanii wajjin qabnu irratti haqa qabeyyii fi jaalala qabeeyyii akka taanu barbaada. Kana malees, mana keenya keessatti illee wanta dubbannuu fi hojjennu ni hubata. w19.02 23 key. 16-18

Dilbata, Adoolessa 5

[Isa in dhiphisan], inni garuu waan tokko iyyuu hin dubbanne.—Isa. 53:7.

Yeroo dhiphannu garraamii taʼuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Wanta namatti hin tollee dubbachuu fi karaa gaarummaa hin qabneen warra kaan qabuu dandeenya. Dhiphinni si mudatee beeka taanaan fakkeenya Yesuus qori. Yesuus jiʼoota xumuraa jireenya isaa isa lafa irraa keessatti dhiphinni cimaan isa mudatee ture. Akka ajjeefamuu fi dhiphinni cimaan akka isa irra gaʼu beeka ture. (Yoh. 3:14, 15; Gal. 3:13) Duʼuu isaa jiʼoota muraasa dura baayʼee dhiphatee akka ture dubbateera. (Luq. 12:50) Akkasumas duʼuu isaa guyyoota muraasa dura, “Ani dhiphadheera” jedhee dhiheessuun isaa, kan gad of qabuu fi Waaqayyoof kan ajajamu taʼuu isaa hubachuu dandeenya. (Yoh. 12:27, 28) Yommuu yeroon sun gaʼutti, Yesuus ija jabinaan diinota Waaqayyoo warra haala baayʼee nama dhiphisuu fi nama salphisuun isa ajjeesanitti dabarsee of kenneera. Dhiphinni guddaanii fi rakkinni guddaan kan isa irra gaʼe taʼu illee, Yesuus garraamummaadhaan fedha Yihowaa raawwateera. Kanaaf afaan keenya guunnee, Yesuus dhiphina guddaa keessatti garraamummaa argisiisuudhaan fakkeenya hunda irra caalu nuuf taʼa jennee dubbachuu dandeenya!—Isa. 53:10. w19.02 11 key. 14-15

Wiixata, Adoolessa 6

Jaalalaa fi hojii gaariidhaaf wal kakaasuuf, xiyyeeffannaa waliif haa kenninu.—Ibr. 10:24.

Haalli rakkisaan yommuu nu mudatutti illee, walgaʼiiwwan irratti yeroo hundumaa argamuuf, ija jabina argisiisuun nu barbaachisuu dandaʼa. Obboloonnii fi obboleettonni keenya tokko tokko gadda guddaa keessa kan jiran, abdii kan kutatan ykn rakkina fayyaa kan qaban taʼanis walgaʼiiwwan irratti ni argamu. Warri kaan immoo miseensota maatii isaanii ykn abbootii taayitaa mootummaa irraa mormii cimaan kan isaan irra gaʼu taʼu illee, ija jabinaan walgaʼiiwwan irratti ni argamu. Mee fakkeenyi keenya obboloota keenya mana hidhaa keessa jiran akkamitti akka jajjabeessu yeroo muraasaaf yaadaa. (Ibr. 13:3) Qorumsi kan nu irra gaʼu taʼu illee, Yihowaa tajaajiluu keenya akka itti fufne yommuu dhagaʼan, amantii, ija jabinaa fi amanamummaa isaanii eeganii itti fufuuf cimina argatu. Phaawulos Roomaa keessatti mana hidhaa keessa yeroo ture, obboloonni isaa amanamummaadhaan Waaqayyoon tajaajilaa akka jiran dhagaʼuun isaa isa jajjabeesseera. (Filp. 1:3-5, 12-14) Phaawulos xalayaa isaa warra Ibrootaatiif kan barreesse hiikamuu isaa yeroo muraasa dura ykn akkuma hiikameen ture. Xalayaa kana irratti Kiristiyaanonni amanamoo taʼan walitti qabamuu isaanii matumaa akka hin dhiisne isaan gorseera.—Ibr. 10:25. w19.01 28 key. 9

Kibxata, Adoolessa 7

Guutummaan addunyaa garuu humna isa hamaa sana jala jira.—1 Yoh. 5:19.

Seexanni akkuma isaa akka taanu, jechuunis finciluudhaan ulaagaa Yihowaa akka cabsinuu fi ofittummaadhaan akka geggeeffamnu barbaada. Namoota isaan faalamaniin akka marfamnu godha, akkasumas akkaataa itti yaadnuu fi waa hojjennu akka ‘mancaasan’ beeka. (1 Qor. 15:33) Kana malees, Seexanni yaada Yihowaa caalaa ogummaa namootaatti akka amanamnu gochuudhaan garaa keenya faaluuf yaala. (Qol. 2:8) Sooressa taʼuun galma jireenya nama tokkoo isa guddaa taʼuu qaba jechuudhaan yaada Seexanni babalʼisu haa ilaallu. Namoonni akkasitti yaadan sooressa taʼuu dandaʼu ykn hin dandaʼan taʼa. Sanas taʼe kana, balaadhaaf saaxilamaniiru. Maaliif? Sababiin isaas galma isaanii irra gaʼuuf, fayyaa isaanii, hariiroo maatii isaanii wajjin qabanii fi michummaa waaqayyoo wajjin qaban aarsaa gochuudhaan qarshii argachuu irratti garmalee xiyyeeffachuu dandaʼu. (1 Xim. 6:10) Abbaan keenya inni samii inni ogeessi qarshiidhaaf ilaalcha madaalamaa akka qabaannu nu gargaaruu isaatti ni galateeffanna.—Lal. 7:12; Luq. 12:15. w19.01 15 key. 6; 17 key. 9

Roobii, Adoolessa 8

Garbicha gaarii fi amanamaa nana, baʼeessa goote! Ati wantoota xixinnoo irratti amanamaa taateetta. Ani immoo wantoota hedduu irratti sin muuda. Gara gammachuu gooftaa keetti seeni.—Mat. 25:21.

Ilmi Yihowaa gara lafaa dhufee jajjabina kennuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe argisiisuu isaa dura iyyuu, tajaajiltoonni Yihowaa warri amanamoon warra kaan jajjabeessuun barbaachisaa akka taʼe hubatanii turan. Hisqiyaas yommuu Asoronni isa doorsisaa turanitti, ajajjoota raayyaa waraanaa fi saba Yihudaa jajjabeessuuf walitti isaan qabee ture. “Kana irratti jarri dubbii [inni] dubbateen humna in argatan.” (2 Sen. 32:6-8) Iyoob jajjabinni kan isa barbaachisu taʼus, jajjabina kennuu ilaalchisee ‘jajjabeessitoota isaa warra rakkina dabalan’ sadaniif barumsa tokko kenneera. Inni iddoo isaanii utuu taʼee, ‘dubbii afaan isaatiin akka isaan jajjabeessu, arraba isaatiinis dhukkubbii isaanii akka salphisu’ isaanitti himee ture. (Iyo. 16:1-5) Dhuma irratti, Iyoob Eliihuu fi Yihowaa irraa jajjabina argateera.—Iyo. 33:24, 25; 36:1, 11; 42:7, 10. w18.04 16-17 key. 6, 8-9

Kamisa, Adoolessa 9

Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras.—Isa. 41:10.

Isaayaas, “Waaqayyo gooftaan humnaan in dhufa, irree isaatiinis in moʼa!” jechuudhaan, Yihowaan saba isaa akkamitti akka jabeessu ibseera. (Isa. 40:10) Kitaabni Qulqulluun, aangoo argisiisuuf yeroo baayʼee jecha “irree” jedhutti fayyadama. Kanaaf, yaadni Yihowaan ‘irree isaatiin in moʼa’ jedhu, Yihowaan Mootii humna qabeessa taʼuu isaa nu yaadachiisa. Inni kanaan dura tajaajiltoota isaa deggeruu fi eeguuf jabina isaa isa injifatamuu hin dandeenyetti fayyadameera; yeroo harʼaattis warra isatti amanatan jabeessuu fi eeguuf jabina isaa kanatti fayyadamuu isaa itti fufa. (Kes. 1:30, 31; Isa. 43:10) Keessumaa yeroo diinonni nu ariʼatanitti Yihowaan abdii, “Ani sin jabeessa” jechuudhaan kenne ni eega. Yeroo harʼaa kutaa addunyaa tokko tokko keessatti diinonni keenya hojii lallabaa keenya dhaabsisuuf ykn jaarmiyaa keenya cufsiisuuf yaalii cimaa gochaa jiru. Taʼus ariʼatama kana ilaalchisee garmalee hin dhiphannu. Yihowaan abdii jabinaa fi amanannaadhaan akka guutamnu nu godhu nuuf kenneera. Inni, “Si balleessuudhaaf miʼi waraanaa yoo qopheeffame iyyuu, si miidhuu hin dandaʼu” jechuudhaan abdii nuuf kenneera.—Isa. 54:17. w19.01 5-6 key.12-13

Jimaata, Adoolessa 10

Warri wantoota hafuuraa dheebotan gammadoo dha.—Mat. 5:3.

Beeladoota irraa haala adda taʼeen, isin fedhii hafuuraa Uumaan keessan qofti isiniif guutuu dandaʼu qabdu. (Mat. 4:4) Dinqisiifannaadhaan yommuu isa dhaggeeffattan, hubannaa, ogummaa fi gammachuu argattu. Waaqayyo fedhii hafuuraa keessan kana karaa Dubbii isaa fi nyaata hafuuraa hedduu karaa ‘garbicha amanamaa fi ogeessaatiin’ dhiheessuun isiniif guuta. (Mat. 24:45) Nyaanni hafuuraa kun waan hedduu kan of keessatti qabatee fi madaalamaa dha! (Isa. 65:13, 14) Nyaanni hafuuraa Waaqayyo isiniif qopheessu, ogummaa fi dandeettii yaaduu kan isiniif kennu siʼa taʼu, kunis karaawwan hedduudhaan eegumsa isiniif godha. (Fak. 2:10-14) Fakkeenyaaf, amalawwan kun barumsawwan sobaa kan akka Uumaan hin jiru jedhuu hubachuu akka dandeessan ija keessan isiniif banu. Akkasumas soba, qarshii fi qabeenyi gammachuu argachuuf murteessaa dha jedhu irraa isin eegu. Kana malees, fedhii dogoggoraa fi barsiifata miidhaa geessisu adda baastanii hubachuu fi dandamachuuf isin gargaaru. Kanaaf, gatii guddaa akka qabanitti isaan ilaaluudhaan ogummaa Waaqayyoo fi dandeettii yaaduu argachuuf wanta isiniif dandaʼame hunda gochuu keessan itti fufaa! w18.12 20 key. 6-7

Sanbadduraa, Adoolessa 11

Sabni koo akka muka gaattiraa bara dheeraa in jiraatu.—Isa. 65:22.

Yeroon umuriin keenya ‘akka muka gaattiraa bara dheeraa turu’ ni dhufaa? Mukeetiin tokko tokko waggoota kumaan lakkaaʼaman jiraatu. Namoonni waggaa dheeraa akkasii jiraachuuf fayya buleeyyii taʼuu qabu. Namoonni haala naga qabeessaa fi bareedaa Isaayaas raajiidhaan dubbate keessa jiraachuu yoo dandaʼan, kun dhuguma iyyuu jannata dinqisiisaa taʼe dha! Raajiin kunis guutummaatti raawwii isaa ni argata! Abdiiwwan as irratti ibsaman gara fuulduraatti jannatni akka dhufu akkamitti akka argisiisan yaadaa: Waaqayyo namoota guutummaa lafaa irra jiran ni eebbisa. Namni kam iyyuu bineensota ykn namoota amala bineensaa qaban irraa miidhaan isa irra hin gaʼu. Warri qaro dhabeeyyii taʼan, warri gurri isaanii hin dhageenyee fi warri naafatan ni fayyu. Namoonni mana ofii isaanii ijaarrachuu fi nyaata madaalamaa oomishachuu ni dandaʼu. Umurii mukeetii caalaa ni jiraatu. Eeyyee, wanti akkasii gara fuulduraatti akka dhufu Kitaaba Qulqulluu keessaa ragaa ni arganna. Haa taʼu malee, namoonni tokko tokko raajiiwwan kun lafti jannata akka taatu kan argisiisan miti jedhu taʼa. Lafti dhugumaan jannata akka taatu abdachuuf sababa quubsaa akkamii qabdu? Kana ilaalchisee, namni namoota hanga harʼaatti lafa irra jiraatan hunda caalu ragaa qabatamaa taʼe kenneera.—Luq. 23:43. w18.12 5 key. 13-15

Dilbata, Adoolessa 12

Sammuu keessan haaressuudhaan jijjiiramaa.—Rom. 12:2.

Sammuun salphaatti wanta haaraa fudhachuu fi jijjiiramuu isaa itti fufuu ni dandaʼa. Jijjiiramni akkasii garri caalaan isaa wanta sammuu keenyatti akka galu heyyamnuu fi wanta irratti xiinxaluuf filannu irratti kan hundaaʼe dha. Akkaataa Yihowaan itti yaadu irratti xiinxaluudhaan, ilaalchi isaa sirrii taʼuu isaa mirkaneeffachuu dandeenya. Kana kan goonu yoo taʼe, yaadni keenya kan Yihowaa wajjin akka wal simu gochuuf fedhii qabaanna. Haa taʼu malee, sammuu keenya jijjiirree akkaataa Yihowaan yaadutti yaaduuf, ‘sirni kun dhiibbaa akka nu irratti godhu heyyamuu keenya dhaabuu’ akka qabnu hubadhaa. Yaadawwanii fi ilaalchawwan yaada Waaqayyootiin morman sammuu keenyatti galchuu keenya dhaabuu qabna. Tarkaanfii jalqabaa kana nyaata akka fakkeenyaatti fudhachuudhaan ibsuun ni dandaʼama. Namni tokko nyaata madaalamaa nyaachuudhaan fayyaa isaa fooyyessuuf yaaluu dandaʼa. Taʼus, yeroo hunda nyaata faalamaa taʼes ni nyaata yoo taʼe, kun faayidaa maalii isaaf argamsiisa? Haaluma wal fakkaatuun, sammuu keenya yaada addunyaatiin mancaasaa jirra yoo taʼe, yaada Yihowaa soorachuun keenya faayidaa hin qabu. w18.11 21 key. 14-15

Wiixata, Adoolessa 13

Saqqii dhugaatiin mudhii keessan [hidhachuudhaan] . . . jabaadhaa dhaabadhaa.—Efe. 6:14.

Guyyaa guyyaadhaan dhugaa wajjin haala wal simuun jiraachuuf murtoo cimaa gochuu qabna. Saqqii dhugaa mudhii keessanitti hidhadhaa. Bara duriitti saqqiin loltuun tokko hidhatu, mudhii isaa fi kutaawwan qaama isaa warra keessaa jabeessee isaaf qaba, akkasumas isaaf eega ture. Haa taʼu malee, saqqiin isaa eegumsa akka isaaf godhu yoo barbaadame jabaatee hidhamuu qaba. Saqqiin jabaatee hin hidhamne eegumsi inni kennu xinnoo dha. Saqqiin dhugaa hafuuraa keenya kan nu eegu akkamitti? Akkuma saqqii, dhugaa mudhii keenyatti cimsinee yoo maranne, yaada dogoggoraa irraa nu eega, akkasumas murtoo sirrii taʼe akka goonu nu gargaara. Yommuu qorumsi nu irra gaʼu, dhugaan Kitaaba Qulqulluu, wanta sirrii taʼe gochuuf murtoo goone nuuf cimsa. Akkuma loltuun tokko matumaa saqqii isaa malee gara waraanaatti hin deemne, nutis saqqii dhugaa keenya matumaa laaffisuu ykn of irraa baasuu dhiisuuf murteessuu qabna. Kanaa mannaa, dhugaa wajjin wal simnee jiraachuudhaan, dhugaan qaama keenyatti cimee akka maramu gochuuf waan nuuf dandaʼame hunda goona. w18.11 12 key. 15

Kibxata, Adoolessa 14

Dhugaa . . . bitadhu, matumaas . . . hin gurgurin.—Fak. 23:23, NW.

Carraaqqii utuu hin godhin dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessa jiru argachuu hin dandeenyu. Dhugaa kana argachuuf aarsaa barbaachisu kam iyyuu kaffaluuf fedhii qabaachuu qabna. Akkuma barreessaan Fakkeenyaa inni ogeessa taʼe hubachiise, “dhugaa” takkaa erga ‘bitannee’ ykn argannee booda, akka hin ‘gurgurre’ ykn hin dhabne of eeggannoo gochuu qabna. Wanta tola kennamu tokko argachuun illee gatii kaffaluu gaafachuu dandaʼa. Jechi Afaan Ibrootaa Fakkeenya 23:23 irratti ‘bitachuu’ jedhamee hiikame, “argachuu” jedhamuus ni dandaʼa. Jechoonni lamaanuu wanta gatii qabu tokko argachuuf carraaqqii gochuun ykn wanta kan biraa kennuun akka barbaachisu argisiisu. Dhugaa bituu yaada jedhu akka itti aanutti fakkeenyaan ibsuu dandeenya. Mee bakka gabaa tokkotti “Muuziin tola akka kennamu” beeksifamaa jira haa jennu. Muuziin kun dinqiidhaan minjaala keenya irratti argamuu ni dandaʼaa? Lakki. Bakka gabaa sana dhaqnee fiduuf carraaqqii gochuu qabna. Muuziin kun tola argamee? Eeyyee, garuu carraaqqii gochuu fi yeroo ramadnee gabaa dhaquu gaafata. Haaluma wal fakkaatuun dhugaa bitachuuf qarshii kaffaluun nu hin barbaachisu. Haa taʼu malee, dhugaa kana argachuuf carraaqqii gochuu qabna. w18.11 4 key. 4-5

Roobii, Adoolessa 15

Fuulli isaa akka aduu ife; uffanni isaas akka ifaa calaqqise.—Mat. 17:2.

Yesuus, Pheexiros, Yaaqoobii fi Yohaannisiin fudhatee gaara dheeraa tokkotti ol baʼee ture. Utuu achi jiranii mulʼata ajaaʼibsiisaa tokko argan. Fuulli Yesuus ni ife, uffanni isaas akka ifaa ni calaqqise. Namoonni Musee fi Eliyaasiin bakka buʼan lama, waaʼee duʼaa fi duʼaa kaʼuu isaa Yesuus wajjin dubbachuu jalqaban. (Luq. 9:29-32) Itti aansuudhaan, duumessi ifaan tokko kan isaan uwwise siʼa taʼu, duumessa sana keessaa sagalee tokko jechuunis sagalee Waaqayyoo dhagaʼan! Mulʼatichi ulfinaa fi aangoo Yesuus Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼuudhaan gara fuulduraatti argatu dursee kan ibsu ture. Kiristoos, rakkinaa fi duʼa dhiphinaa gara fuulduraatti isa mudatu dandaʼuuf jajjabina argatee akka ture hin shakkisiisu. Kana malees, mulʼanni kun barattoonni qorumsa amanamummaa fi hojii guddaa gara fuulduraatti isaan eeggatuuf amantiin isaanii akka cimuu fi akka jajjabaatan godhee taʼuu qaba. Pheexiros ergamaan gara waggaa 30 booda mulʼata jijjiiramuu Yesuus argisiisu kana caqasuun isaa, mulʼaticha akka hin irraanfanne argisiisa.—2 Phe. 1:16-18. w19.03 10 key. 7-8

Kamisa, Adoolessa 16

Akka tajaajiltoota Waaqayyootti of dhiheessina; kanas kan goonu . . . wanta dhugaa taʼe [dubbachuudhaani].—2 Qor. 6:4, 7.

Kiristiyaanonni dhugaan miseensota amantii sobaa irraa karaan itti adda taʼan tokko maali dha? Nuti ‘dhugaa dubbanna.’ (Zak. 8:16, 17) Karaa guddaadhaanis taʼe xinnaa namoota hin beeknetti, warra nu wajjin hojjetanitti, hiriyoota keenyattii fi namoota jaallannutti dhugaa dubbanna. Dargaggeessa yoo taate hiriyoota kee biratti fudhatama argachuu barbaadda taʼa. Jireenya bifa lama qabu jiraachuu, akkasumas maatii fi gumii keessatti nama qulqulluu fakkaachuudhaan dargaggoota kaanii fi weebsaayitii hawaasaa irratti immoo guutummaatti nama kan biraa taʼu akka hin qabne mirkanaaʼaa taʼi. Kun jireenya sobaa jiraachuudhaan, warra keessan, namoota hidhata amantii keessan taʼanii fi Waaqayyoon sobu dha. (Far. 26:4, 5) Yihowaan yommuu nuti ‘afaan keenyaan [qofa] ulfina isaaf kenninuu fi garaan keenya garuu baayʼee isa irraa fagoo taʼuu’ isaa beeka. (Mar. 7:6) Yaada fakkeenya irra jiruu fi, “Yeroo hundumaa garaan kee sodaa Waaqayyoof haa hinaafu malee, cubbamootatti hin hinaafin!” jedhu hojii irra oolchuun keenya baayʼee gaarii dha.—Fak. 23:17. w18.10 9 key. 14-15

Jimaata, Adoolessa 17

Waaqayyo jaalala; namni yeroo hunda jaalala argisiisu Waaqayyoo wajjin tokkummaadhaan jiraata, Waaqayyos isaa wajjin tokkummaadhaan jiraata.—1 Yoh. 4:16.

Sabni Waaqayyoo karaa hafuuraa maatii tokko dha; akkasumas jaalalaan beekama. (1 Yoh. 4:21) Yeroo tokko tokko obboloota isaaniitiif aarsaa guddaa kaffalu; haa taʼu malee yeroo baayʼee wantoota xixinnoo hedduudhaan fakkeenyaaf, dubbii gaarii dubbachuu fi hojiiwwan gaarummaa argisiisan hojjechuudhaan jaalala isaanii argisiisu. Warra kaanitti gaarummaa yommuu argisiisnuu fi isaaniif yaadnu ‘akka ijoollee jaallatamootti Waaqayyoon kan fakkaannu taana.’ (Efe. 5:1) Yesuus guutummaatti Abbaa isaa fakkaateera. ‘Isin warri dadhabdanii fi baʼaan isinitti ulfaate hundi gara koo kottaa, anis boqonnaa isiniif nan kenna; ani garraamii fi kanan gad of qabu dha’ jedheera. (Mat. 11:28, 29) “Isa dadhabaadhaaf [yaaduudhaan]” fakkeenya Kiristoos yommuu hordofnu, Abbaa keenya isa samii biratti fudhatama kan argannu siʼa taʼu, ofii keenyaafis gammachuu guddaa arganna. (Far. 41:1) Akka isaan jaallannu mulʼisuudhaaf maatii keessatti, gumii keessattii fi tajaajila irratti warra kaaniif akka yaadnu argisiisuu keenya itti haa fufnu. w18.09 28 key. 1-2

Sanbadduraa, Adoolessa 18

Nuti warra Waaqayyoo wajjin hojjennu dha.—1 Qor. 3:9.

Yeroo balaan gaʼutti, sabni Waaqayyoo obboloota isaaniitiif gargaarsa qabatamaa gochuudhaan Waaqayyoo wajjin hojjechuuf carraa argatu. Fakkeenyaaf, namoota miidhamaniif qarshii kennuudhaan gargaarsa godhu. (Yoh. 13:34, 35; HoE. 11:27-30) Karaa biraatiin immoo, qulqulleessuudhaan ykn deebisanii ijaaruu irratti hirmaachuudhaan gargaarsa hojiidhaan mulʼatu godhu. Obboleettiin keenya Gabriʼeelaa ishiin Poolaandi keessa jiraattu lolaa cimaan yeroo mana ishii jigsetti, obboloonni gumii ollaa jiran ishii gargaaruuf dhufuu isaanii yommuu argitu baayʼee gammadde. Akkana jetteetti: “Wantan dhabe ilaalchisee homaa dubbachuu hin barbaadu; isaan miʼawwan qarshiidhaan bitamuu dandaʼani dha. Kanaa mannaa wantoota hedduu argadheen isinitti himuu barbaada. Haalli kun miseensa gumii Kiristiyaanaa taʼuun mirga addaa akka taʼee fi madda gammachuu akka taʼe mirkaneeffachuuf na gargaareera.” Obboloonni balaan erga gaʼe booda gargaarsa argatan kaanis miiruma akkasii qabu. Warri gargaarsa akkasii kennuudhaan Yihowaa wajjin hojjetanis gammachuu guddaa argataniiru.—HoE. 20:35; 2 Qor. 9:6, 7. w18.08 26 key. 12

Dilbata, Adoolessa 19

Yaada kee baʼeessa godhii eeggadhu!—Fak. 4:23.

Garaa keenya eeggachuu irratti milkaaʼina argachuu yoo barbaanne, balaa jiru addaan baasnee beekuu fi of eeguuf hatattamaan tarkaanfii fudhachuu qabna. Jechi “eeggadhu” jedhamee hiikame, hojii eegduun tokko hojjetu nu yaadachiisa. Bara Solomoon Mootichaatti, eegdonni dallaa magaalaa irra dhaabatanii kan eegan siʼa taʼu, balaan gaʼuuf akka jedhu yoo argan sagalee akeekkachiisaa dhageessisu turan. Kana yaadaan ilaaluun keenya, Seexanni yaada keenya akka hin mancaasneef, maal gochuu akka qabnu hubachuuf nu gargaara. Bara duriitti, eegdonnii fi karra eegdonni magaalaa walitti dhihaatanii hojjetu turan. (2 Sam. 18:24-26) Diinni yommuu dhihaatu, waliin taʼanii karrawwan cufuudhaan magaalichi akka eegamu godhu turan. (Nah. 7:1-3) Yommuu Seexanni garaa keenya toʼachuuf, jechuunis yaada, miira, kakaʼumsa ykn hawwii keenya irratti dhiibbaa gochuuf yaalu, qalbiin keenya inni Kitaaba Qulqulluudhaan leenjiʼe eegduu nuu taʼuudhaan nu akeekkachiisuu dandaʼa. Qalbiin keenya sagalee akeekkachiisaa yommuu dhageessisu dhaggeeffachuu fi akka fakkeenyaatti karra garaa keenyaa cufuu qabna. w19.01 17 key. 10-11

Wiixata, Adoolessa 20

Himata irraa walaba yoo taʼan tajaajiltoota taʼanii haa tajaajilan.—1 Xim. 3:10.

Obboloonni dargaggoota taʼan ilaalcha dhuunfaa ykn aadaa tokkoon utuu hin taʼin, ulaagaa Dubbii Waaqayyoo keessa jiruun madaalamuu qabu. (2 Xim. 3:16, 17) Ilaalchi aadaa Kitaaba Qulqulluu irratti hin hundoofne obboloonni gaʼumsa qaban akka hin muudamne gufuu taʼuu dandaʼa. Biyya tokko keessatti, tajaajilaan gumii gaʼumsa gaarii qabu tokko itti gaafatamummaa guguddaan isaaf kennamee ture. Jaarsoliin gumii isaa keessa jiran obboleessi dargaggeessa taʼe kun ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu jaarsa gumii tokko irraa barbaadaman guutuu isaa irratti hamma tokko kan irratti walii galan taʼus, jaarsa taʼee akka muudamu yaada hin dhiheessine turan. Jaarsoliin gumii maanguddoo taʼan muraasni, obboleessi kun yeroo ilaalamu baayʼee ijoollee waan fakkaatuuf akka jaarsa gumii tokkootti ilaalamuu akka hin dandeenye cimsanii dubbatan. Kana nama gaddisiisu garuu, obboleessi kun yeroo ilaalamu ijoollee waan fakkaatuuf qofa utuu hin muudamin hafeera. Gabaasawwan akka argisiisanitti ilaalchi akkasii obboloota hedduu biyyoota gara garaa keessa jiran irratti dhiibbaa geessiseera. Kanaaf, ilaalcha dhuunfaa keenya irratti utuu hin taʼin, Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼuun keenya baayʼee barbaachisaa dha! Yesuusiif ajajamuu fi wanta alaan mulʼatu irratti hundoofnee namatti murteessuu dhiisuu kan dandeenyu yoo akkas goone qofa dha.—Yoh. 7:24. w18.08 12 key. 16-17

Kibxata, Adoolessa 21

Namni dubbii utuu hin dhaggeeffatin deebii kennu, gowwuma isaa fi yeelloo isaa mulʼisa.—Fak. 18:13.

Iimeelii ykn ergaa gabaabaa nuuf ergame saffisaan namoota kaaniif dabarsanii erguunis balaa qaba. Biyyoota tokko tokko keessatti, hojiin keenya kan daangeffame ykn guutummaatti kan dhorkame dha. Mormitoonni keenya biyyoota akkasii keessa jiran, taʼe jedhanii gabaasawwan akka wal sodaannu ykn akka wal shakkinu gochuuf qopheeffaman babalʼisuu taʼa. Mee wanta Tokkummaa Sooviyeet durii keessatti raawwatame tokko haa ilaallu. Poolisoonni dhoksaadhaan sochaʼanii fi Kee.Jii.Bii. jedhaman, oduu sobaa obboloonni itti gaafatamummaa qaban tokko tokko saba Yihowaa akka ganan ibsu dubbatu turan. Obboloonni hedduun gabaasa sobaa kana amananii turan; kanaan kan kaʼes jaarmiyaa Yihowaa irraa adda of baasaniiru. Kun baayʼee nama gaddisiisa! Kan nama gammachiisu garuu, yeroo booda baayʼee isaanii deebiʼaniiru; tokko tokko garuu matumaa hin deebine. Amantiin isaanii akka doonii balaan irra gaʼee caccabee hafeera. (1 Xim. 1:19) Nuti hoo haala gaddisiisaa akkasii irraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti? Gabaasawwan dogoggoraa ykn dhugaa taʼuun isaanii hin mirkaneeffamne babalʼisuu irraa of qusachuudhaani. Salphaatti kan gowwoomfamtan hin taʼinaa. Dhimmichi dhugaa taʼuu isaa mirkaneeffadhaa. w18.08 4 key. 8

Roobii, Adoolessa 22

Ani dhuguman sitti hima harʼa, anaa wajjin Jannata keessa taata.—Luq. 23:43.

Barreeffamoota Afaan Giriikii harkaan qophaaʼan durii keessatti sirni tuqaalee karaa dhaabbataa taʼeen itti hin hojjetamu ture. Kanaaf gaaffiin akkas jedhu ni kaʼa: Yesuus, “Ani sitti nan hima, harʼa anaa wajjin Jannata keessa ni taata” jechuu isaati moo “Ani harʼa sitti nan hima, anaa wajjin Jannata keessa ni taata” jechuu isaa ture? Yesuus sana dura duuka buutota isaatiin, “Ilmi namaas garaa lafaa keessa guyyaa sadii fi halkan sadii ni tura” jedhee ture. (Mat. 12:40; 16:21; 17:22, 23; Mar. 10:34; HoE. 10:39, 40) Kanaaf, Yesuus guyyaa innii fi yakkamaan sun duʼanitti gara Jannata kamii iyyuu hin deemne. Yesuus hamma Waaqayyo duʼaa isa kaasutti “Awwaala [ykn “Haadis”] keessa” ture. (HoE. 2:31, 32; milj.) Yakkamaan duʼuu jala gaʼe sun, Yesuus samii keessatti akka isaa wajjin taʼaniif ergamoota isaa amanamoo wajjin kakuu akka gale hin beeku ture. (Luq. 22:29) Kana malees, yakkamaan sun hin cuuphamne ture. (Yoh. 3:3-6, 12) Kanaaf wanti Yesuus abdachiise jannata lafa irraa taʼuu qaba. Kun yeroo booda raawwii isaa argata. w18.12 6 key. 17-18, 20-21

Kamisa, Adoolessa 23

Musee . . . kanatti maal akka itti dhufe hin beeknu; kanaaf . . . waaqayyolii nu dura adeeman nuuf tolchi.—Bau. 32:1.

Israaʼoonni utuma baayʼee hin turin dibicha warqee irraa hojjetame waaqeffatan! Kun Israaʼeloonni ifatti Yihowaadhaaf akka hin ajajamne kan argisiisu taʼus, amma iyyuu Yihowaa cinaa dhaabatanii akka jiran yaaduudhaan of gowwoomsanii turan. Aaron waaqeffannaa dibichaa isaanii sana, “ulfina gooftichaatiif guyyaa ayyaanaa haa taʼu!” jechuun isaa kan nama naasisu dha! Yeroo kanatti Yihowaatti maaltu dhagaʼame? Akka ganame isatti dhagaʼame. Yihowaan sabichi akka “mancaʼee” fi ‘karaa inni isaan abboome irraa goranii’ akka turan Museetti hime. ‘Aariin isaa isaan irratti waan bobaʼeef,’ saba Israaʼel haaraa hundeeffame sana balleessuuf yaade. (Bau. 32:5-10) Haa taʼu malee, Yihowaan Israaʼeloota balleessuu dhiisuuf murteesse. (Bau. 32:14) Aaron jalqaba irratti waaqa tolfamaa sana tolchuu irratti hirmaatee kan ture taʼus, yaada geddaratee Lewwoota hafan kaanii wajjin Yihowaa cinaa dhaabateera. Namoonni kumaan lakkaaʼaman sababii waaqa tolfamaa sanaan lubbuu isaanii dhabaniiru. Haa taʼu malee, namoonni Yihowaa cinaa dhaabatan eebba akka argatan waadaan isaaniif galamee ture.—Bau. 32:26-29. w18.07 20 key. 13-16

Jimaata, Adoolessa 24

Barsiisota seeraa irraa of eegaa; . . . isaan iddoo gabaatti nagaa gaafatamuu jaallatu . . . afeerraa irbaataa irrattis bakka filatamaa taaʼuu jaallatu.—Luq. 20:46.

Beekamiin hunda irra caaluu fi argachuuf carraaquu dandeenyu isa kami? Kun xiyyeeffannaa namoonni gama barumsaa, daldalaa fi bohaartii addunyaa kana keessatti argachuuf barbaadan miti. Kanaa mannaa, isa Phaawulos akkana jechuudhaan waaʼee isaa dubbate dha: “Amma Waaqayyoon erga beektanii, caalaadhumatti immoo Waaqayyo biratti erga beekamtanii, akkamitti wantoota iddoo guddaa hin qabne, jechuunis wantoota dadhaboo taʼanii fi faayidaa hin qabnetti deebitanii isaaniif garboota taatu?” (Gal. 4:9) Bulchaa uumama cufa irratti Ol Aantummaa qabu biratti, jechuunis ‘Waaqayyo biratti beekamuun’ mirga baayʼee guddaa taʼe dha! Inni isaa wajjin walitti dhufeenya cimaa akka qabaannu barbaada. Hayyuun tokko akka jedhanitti, ‘isa duratti fudhatama arganna.’ Yihowaan akka michoota isaatti yommuu nu simatu, sababii itti uumamne galmaan geenya jechuu dha.—Lal. 12:13, 14. w18.07 8 key. 3-4

Sanbadduraa, Adoolessa 25

Yaadachiisawwan kee irratti [nan yaada].—Far. 119:99, NW.

Seerri Waaqayyoo akka nu gargaaru kan barbaannu yoo taʼe, Seera Waaqayyoo jaallachuu fi kabajuu keenya itti fufuu qabna. (Amo. 5:15) Haa taʼu malee, kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Inni guddaan wantootaaf ilaalcha akka Yihowaa qabaachuu barachuu dha. Fakkeenyaaf, rakkinni hirriba dhabuu akka isin mudate godhaa yaadaa. Ogeessi fayyaa keessan nyaata nyaattan, sochii qaamaa gootanii fi akkaataa jireenyaa keessan akka jijjiirtan isin gorse. Gorsa isiniif kenname erga hojii irra oolchitanii booda gaarii taʼuu isaa hubattan! Ogeessi fayyaa keessan jireenyi keessan akka fooyyaʼu waan isin gargaareef guddaa akka dinqisiifattan beekamaa dha. Haaluma wal fakkaatuun, Uumaan keenya seera miidhaa cubbuu irraa nu eeguu fi akkaataa jireenyaa keenya fooyyessuu dandaʼu nuuf kenneera. Seera Kitaaba Qulqulluu sobuu, gowwoomsuu, hatuu, halalummaa, hammeenyaa fi gocha hafuurota xuraaʼoo irraa akka fagaannu ilaalchisee nuuf kenname hordofuudhaan faayidaa arganne yaadaa. (Fak. 6:16-19; Mul. 21:8) Eebba hedduu waan hunda karaa Yihowaan barbaaduun raawwachuun argamsiisu yommuu argannu, jaalallii fi dinqisiifannaan Yihowaafis taʼe seera isaatiif qabnu guddachaa deema. w18.06 17 key. 5-6

Dilbata, Adoolessa 26

Ati Mootii Yihudootaa tii?—Yoh. 18:33.

Tarii bulchaan kun Yesuus jeequmsa siyaasaa kaasuu dandaʼa jedhee sodaatee taʼuu dandaʼa; kun immoo bulchiinsa Philaaxos keessatti wanta baayʼee yaaddessu ture. Yesuus, “Mootummaan koo kutaa addunyaa kanaa miti” jedhee deebise. (Yoh. 18:36) Mootummaan isaa kan samii waan taʼeef dhimma siyaasaa irratti hin hirmaatu. Hojiin isaa inni lafa irraa, “dhugaadhaaf dhugaa baʼuu” akka taʼe Philaaxositti himeera. (Yoh. 18:37) Akkuma Yesuus hubatetti hojii nuuf kenname sirriitti yoo hubanne, garaa keenya keessatti ykn utuu hin dubbatin illee sochiiwwan bilisummaa siyaasaa deggeruu irraa ni fagaanna. Kun salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Daawwataan ol aanaa tokko akkana jedheera: “Namoonni naannoo keenya keessa jiraatan yeroodhaa gara yerootti cimsitoota taʼaa jiru. Miirri sabboonummaa guddachaa dhufeera; namoonni baayʼeen bilisummaan siyaasaa jireenya isaanii akka fooyyessu isaanitti dhagaʼama. Kan nama gammachiisu garuu, obboloonni misiraachoo Mootummichaa lallabuu irratti xiyyeeffachuu isaaniitiin, tokkummaa isaanii eeguu dandaʼaniiru. Waaqayyo jalʼina haqaa fi rakkoowwan isaan mudatan kaan akka furu abdatu.” w18.06 4-5 key. 6-7

Wiixata, Adoolessa 27

Diyaabilosiin . . . mormaa, innis isin irraa ni baqata.—Yaq. 4:7.

Siruma iyyuu, maqaan Seexanaa inni hiika “Mormituu” jedhu qabu Kitaabota Afaan Ibrootaa sadi keessatti jechuunis, kitaabota 1 Seenaa Baraa, Iyoobii fi Zakaariyaas qofa keessatti caqasamee argama. Masiihichi dhufuu isaa dura waaʼee diina keenyaa baayʼee kan hin ibsamne maaliifi? Tarii Yihowaan Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaan barreeffaman keessatti waaʼeen Seexanaa fi hojii isaa baayʼee akka hin barreeffamne kan godhe, Seexanni beekamtii isaaf hin malle akka hin arganne gochuuf taʼuu dandaʼa. Kaayyoon inni guddaan Yihowaan kitaabonni kun akka barreeffaman itti godhe namoonni Masiihicha adda baasanii akka beekanii fi akka isa hordofan gochuufi. (Luq. 24:44; Gal. 3:24) Yeroo Masiihichi dhufu, Yihowaan isaa fi duuka buutota isaatti fayyadamuudhaan waaʼee Seexanaa fi maleekota isaa waan baayʼee amma beeknu ibseera. Yihowaan, Seexanaa fi duuka buutota isaa balleessuuf Yesuusii fi dibamtoota isaa wajjin bulchanitti waan fayyadamuuf kana gochuun isaa sirrii dha. (Rom. 16:20; Mul. 17:14; 20:10) Humni Diyaabilos daangeffamaa akka taʼe yaadadhaa. Eegumsa Yihowaa, Yesuusii fi maleekota amanamoo jala jirra. Gargaarsa isaaniitiin diina keenya mooʼuu ni dandeenya. w18.05 22-23 key. 2-4

Kibxata, Adoolessa 28

Damee ana irra jiruu fi firii hin godhanne hunda ni mura.—Yoh. 15:2.

Yihowaan akka tajaajiltoota isaatti kan nu ilaalu yoo firii godhanne qofa dha. (Mat. 13:23; 21:43) Kanaaf, firiin fakkeenyaa Yohaannis 15:1-5 irratti ibsame firii Kiristiyaanonni hundi godhachuu qaban, namoota barattoota akka taʼan gargaarru kan argisiisu taʼuu hin dandaʼu. (Mat. 28:19) Taʼuu baannaan garuu, Dhugaa Baatonni amanamoon naannoo tajaajilaa deebii hin kennine keessatti waan lallabaniif, barattoota haaraa argachuu irratti isaaniif hin milkoofne, akka dameewwan firii hin godhannee fi Yesuus fakkeenya isaa keessatti ibsee taʼu. Haa taʼu malee, akkana jedhanii murteessuun sirrii miti! Maaliifi? Namoonni barattoota akka taʼan dirqisiisuu hin dandeenyu. Yihowaan jaalala qabeessa waan taʼeef, tajaajiltonni isaa wanta humna isaaniitii ol taʼe raawwachuu waan dadhabaniif gaʼumsa akka hin qabnetti isaan ilaala jechuun waan hin fakkaanne dha. Yihowaan yoom iyyuu wanta humna keenya ol taʼe nu irraa hin eegu. (Kes. 30:11-14) Maarree firiin godhachuu qabnu maali dha? Firiin kun hojii hundi keenya raawwachuu dandeenyu kan argisiisu taʼuu akka qabu ifa dha. Hojii akkamii? Hojii misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo labsuu isaaniif kenneera.—Mat. 24:14. w18.05 14 key. 8-9

Roobii, Adoolessa 29

Isin kan abbaa keessan kan Diyaabilosi, . . . inni sobduu fi abbaa sobaa [ti].—Yoh. 8:44.

Yeroo harʼaa addunyaa irra geggeessitoonni amantii paastaroota, qeesotaa fi rabbii jedhaman ykn maqaa kan biraatiin waamaman hedduun jiru. Akkuma Fariisotaa isaanis dhugaa Dubbii Waaqayyoo irra jiru hin barsiisan; kanaa mannaa ‘dhugaa Waaqayyoo sobatti jijjiiru.’ (Rom. 1:18, 25) Isaan barumsawwan sobaa kan akka, “namni yeroo tokko fayye yeroo hundumaa fayyeera,” lubbuun namaa hin duutu, riiʼinkaarneeshinii fi yaada dogoggoraa, Waaqayyo akkaataa jireenyaa namoota saala wal fakkaatu gidduutti saalqunnamtii raawwatanii fi gaaʼela isaanii ni heyyama jedhu babalʼisu. Namoonni siyaasaa ilmaan namootaa dogoggorsuuf sobatti fayyadamu. Soba kana keessaa inni guddaan labsii namoonni “Nagaa dha, tasgabbii dhas!” jechuudhaan labsan siʼa taʼu, kunis yeroo dhihootti ni dhagaʼama. Haa taʼu malee, “badiisni itti hin yaadamne battaluma sanatti isaan irra gaʼa.” Yaalii sirni kun hamaa taʼuu isaa salphisnee akka ilaallu gochuuf godhamu kanaan gowwoomfamuu hin qabnu! Dhugaa dubbachuuf, “guyyaan Yihowaa akkuma hattuun halkaniin dhufutti akka dhufu” nuti akka gaariitti beekna.—1 Tas. 5:1-4. w18.10 7-8 key. 6-8

Kamisa, Adoolessa 30

Warra dadhaban akka gargaartanii fi wanta Gooftaa Yesuus, “Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa” jedhee dubbate sana [yaadadhaa].—HoE. 20:35.

Yesuus Kiristoos obboloota isaa warra dibamoo taʼanii fi ‘gurguddoota’ isaan deggeranitti fayyadamee, namoota gaddanii fi abdii kutataniif yeroo barbaachisutti jajjabinaa fi qajeelfama ni kenna. Jaarsoliin amantii warra kaanii irratti “gooftolii” utuu hin taʼin, gammachuu obboloota isaaniitiif jecha ‘isaanii wajjin kan hojjetan’ waan taʼaniif wanti isaan gochuu qaban kana dha. (Isa. 32:1, 2; 2 Qor. 1:24) Phaawulos ergamaan gama kanaan fakkeenya nuuf taʼa. Kiristiyaanota Tasalonqee warra ariʼatamni irra gaʼee tureef, “Jaalala guddaa waan isiniif qabnuuf, misiraachoo Waaqayyoo qofa utuu hin taʼin, lubbuu keenya illee isinii kennuuf murteessinee turre; sababiin isaas isin nu biratti guddaa jaallatamoo turtan” jedhee barreesseera. (1 Tas. 2:8) Phaawulos ergamaan jaarsolii Efesooniin yaada caqasa guyyaa harʼaa kana irra jiru isaaniitti himuudhaan, dubbiidhaan qofa jajjabina kennuun gaʼaa akka hin taane isaaniif ibseera. w18.04 21-22 key. 6-8

Jimaata, Adoolessa 31

Yihowaan Hafuura; bakka hafuurri Yihowaa jirus bilisummaan jira.—2 Qor. 3:17.

Bilisummaa kana qabaachuu fi irraa fayyadamuuf, ‘gara Yihowaatti garagaluu,’ jechuunis dhuunfaatti isa wajjin walitti dhufeenya qabaachuu qabna. (2 Qor. 3:16) Israaʼeloonni yeroo lafa onaa keessa turanitti, walitti dhufeenya Yihowaan isaan wajjin qabu ija hafuuraatiin hin ilaalle. Bilisummaa qaamaa Gibxii keessaa baʼuudhaan argatan irratti qofa xiyyeeffatanii waan turaniif, garaa fi sammuun isaanii haguugamee fi hadoodee ture. (Ibr. 3:8-10) Bilisummaan karaa hafuura Yihowaatiin argamu, bilisummaa qaamaa argachuu irra baayʼee kan caalu dha. Wanta carraaqqii namootaatiin argamuu dandaʼu irraa haala adda taʼeen, hafuurri Yihowaa cubbuu fi duʼa irraa, akkasumas waaqeffannaa sobaa fi gochawwan waaqeffannaa sobaa wajjin wal qabatan irraa bilisa nu baasa. (Rom. 6:23; 8:2) Dhuguma iyyuu kun bilisummaa guddaa dha! Namni tokko mana hidhaa keessa ykn garbummaa jala kan jiru yoo taʼe illee bilisummaa akkasii irraa fayyadamuu dandaʼa.—Uma. 39:20-23. w18.04 9 key. 3-5

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi