LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es20 ful. 78-88
  • Hagayya

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Hagayya
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2020
  • Matadureewwan Xixiqqaa
  • Sanbadduraa, Hagayya 1
  • Dilbata, Hagayya 2
  • Wiixata, Hagayya 3
  • Kibxata, Hagayya 4
  • Roobii, Hagayya 5
  • Kamisa, Hagayya 6
  • Jimaata, Hagayya 7
  • Sanbadduraa, Hagayya 8
  • Dilbata, Hagayya 9
  • Wiixata, Hagayya 10
  • Kibxata, Hagayya 11
  • Roobii, Hagayya 12
  • Kamisa, Hagayya 13
  • Jimaata, Hagayya 14
  • Sanbadduraa, Hagayya 15
  • Dilbata, Hagayya 16
  • Wiixata, Hagayya 17
  • Kibxata, Hagayya 18
  • Roobii, Hagayya 19
  • Kamisa, Hagayya 20
  • Jimaata, Hagayya 21
  • Sanbadduraa, Hagayya 22
  • Dilbata, Hagayya 23
  • Wiixata, Hagayya 24
  • Kibxata, Hagayya 25
  • Roobii, Hagayya 26
  • Kamisa, Hagayya 27
  • Jimaata, Hagayya 28
  • Sanbadduraa, Hagayya 29
  • Dilbata, Hagayya 30
  • Wiixata, Hagayya 31
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2020
es20 ful. 78-88

Hagayya

Sanbadduraa, Hagayya 1

Waaqayyo utuu nuti cubbamoota taanee jirruu, Kiristoos nuuf jedhee akka duʼu gochuudhaan jaalala nuuf qabu argisiiseera.—Rom. 5:8.

Walgaʼiiwwan irratti yeroo hundumaa wanta Yihowaa fi Yesuus nuuf godhan yaadachiifamna. Galateeffannaa guddaa waan qabnuuf, akkaataa guyyaa guyyaadhaan itti jiraannu irratti fakkeenya Yesuus hordofuuf carraaqqii goona. (2 Qor. 5:14, 15) Kana malees, Yihowaan furii nuuf qopheessuu isaatiif akka isa jajannu garaan keenya nu kakaasa. Karaan itti isa jajannu inni tokko walgaʼiiwwan keenya irratti yaada garaadhaa madde kennuu dha. Wanta qabnu kam iyyuu isaaniif kennuuf fedhii qabaachuudhaan jaalalli Yihowaa fi Ilma isaatiif qabnu hangam cimaa akka taʼe argisiisuu dandeenya. Yeroo baayʼee walgaʼiiwwan irratti argamuuf aarsaa adda addaa gochuu qabna. Gumiiwwan hedduun walgaʼii kan godhan guyyaa hojii galgala yeroo nuti baayʼee dadhabnutti taʼuu dandaʼa. Walgaʼii kan biraan immoo dhuma torbanii yeroo namoonni kaan boqonnaa fudhatanitti godhama. Dadhabbii kan qabnu taʼus walgaʼiiwwan irratti yommuu argamnu Yihowaan ni ilaalaa? Eeyyee ni ilaala! Dhugaa dubbachuuf, Yihowaan jaalala nutti isaaf qabnu caalaatti kan dinqisiifatu yeroo carraaqqii cimaa goonutti dha.—Mar. 12:41-44. w19.01 29 key.12-13

Dilbata, Hagayya 2

Gooftaanis yommuu ishii argu baayʼee ishiidhaaf gadde.—Luq. 7:13.

Rakkoowwan namoota irra gaʼan tokko tokko Yesuus irras gaʼaniiru. Fakkeenyaaf, inni maatii hiyyeeyyii taʼan keessatti kan guddate taʼuu hin oolu. Abbaa buddeenaa isaa Yoseef wajjin yommuu hojjetu, Yesuus hojii ulfaataa akkamitti akka hojjetu barateera. (Mat. 13:55; Mar. 6:3) Yoseef kan duʼe, Yesuus tajaajila isaa xumuruu isa yeroo muraasa dura taʼuu hin oolu. Kanaaf, Yesuus nama jaallatan duʼaan dhabuun hammam akka nama gaddisiisu hubatee taʼuu hin oolu. Kana malees, Yesuus maatii amantiidhaan tokko hin taane keessa jiraachuun maal akka fakkaatu beeka ture. (Yoh. 7:5) Haalawwan kunii fi kan biroon Yesuus rakkinaa fi miira namootaa akka hubatu isa gargaaraniiru. Yesuus warra kaaniif akka yaadu keessumaa yeroo dinqii raawwatutti mulʼateera. Yesuus dinqii kan raawwate kana gochuu waan qabuuf qofa hin turre. Inni kana kan godhe warra rakkachaa jiraniif “gaddee” waan tureefi. (Mat. 20:29-34; Mar. 1:40-42) Yesuus namootaaf waan gaddeef, isaan gargaaruu barbaadeera.—Mar. 7:32-35; Luq. 7:12-15. w19.03 16 key. 10-11

Wiixata, Hagayya 3

Wal dandaʼuu keessan itti fufaa.—Qol. 3:13.

Galgala xumuraa jireenya isaa isa lafa irraatti dhiphina Yesuusitti dhagaʼamee ture tilmaamuuf yaalaa. Hamma duʼaatti guutummaatti amanamaa taʼee itti fufaa? Jireenyi namoota biliyoonaan lakkaaʼamanii amanamaa taʼuu isa irratti kan hundaaʼe dha. (Rom. 5:18, 19) Hunda caalaa immoo, wanti inni godhu maqaa Abbaa isaa irratti jijjiirama fida. (Iyo. 2:4) Yeroo dhumaatiif michoota, jechuunis ergamoota isaa wajjin nyaata nyaachaa yeroo turetti, ‘isaan keessaa inni hundumaa irra caalu eenyu akka taʼe ilaalchisee gidduu isaaniitti falmii guddaan kaʼee’ ture. Kan nama dinqisiisu garuu, Yesuus hin aarre. Kanaa mannaa, garraamummaadhaan deebii isaaniif kenneera. Yesuus gaarummaadhaan, garuu jabeessee ilaalcha isaan qabaachuu qaban irra deebiʼee isaaniif ibseera. Achiis amanamummaadhaan isatti maxxananii waan jiraataniif isaan galateeffateera. (Luq. 22:24-28; Yoh. 13:1-5, 12-15) Yeroo dhiphinni nu mudatutti illee fakkeenya Yesuus hordofuu fi garraamii taanee itti fufuu dandeenya. Hundi keenya wanta warra kaan mufachiisu akka dubbannuu fi akka goonu yoo yaadanne, ajaja kana hojii irra ni oolchina. (Fak. 12:18; Yaq. 3:2, 5) Akkasumas yeroo hunda amala gaarii isaan qabaniif warra kaan galateeffadhaa.—Efe. 4:29. w19.02 11-12 key. 16-17

Kibxata, Hagayya 4

Waaqayyo . . . barcuma firdii isaas jabeessee dhaabbateera.—Far. 9:7.

Seerri Musee carraa namni tokko yakka raawwateera jedhamee sobaan himatamuu itti dandaʼu hirʼiseera. Namni himatame tokko eenyu akka isa himate beekuuf mirga qaba ture. (Kes. 19:16-19; 25:1) Kana malees, yakki itti murteeffamuu isaa dura, yoo xinnaate, namoonni lama ragaa baʼuu qabu turan. (Kes. 17:6; 19:15) Namni Israaʼel yakka raawwate tokko kan isa arge nama tokko qofa yoo taʼe hoo? Namni kun dogoggora raawwadhee utuun hin adabamin nan hafa jedhee yaaduu hin qabu ture. Yihowaan wanta inni godhe argeera. Eeyyee, Yihowaan fakkeenya mudaa hin qabne taʼeera; wanti inni godhu kam iyyuu haqa kan hin qabne miti. Inni namoota amanamummaadhaan ulaagaa isaa eegan ni badhaasa, warra aangoo isaanii karaa sirrii hin taaneen itti fayyadaman garuu ni adaba. (2 Sam. 22:21-23; His. 9:9, 10) Namoonni tokko tokko yakka raawwatanii kan miliqan fakkaachuu dandaʼu; haa taʼu malee, Yihowaan yeroon isaa sirrii akka taʼe yommuu murteessu haqa ni raawwata. (Fak. 28:13) Namoonni kun yoo yaada geddarachuu baatan, ‘harka Waaqayyo jiraataa keessatti kufuun baayʼee sodaachisaa’ akka taʼe ni baratu.—Ibr. 10:30, 31. w19.02 23-24 key. 20-21

Roobii, Hagayya 5

Ergasii raajiin Waaqayyo fuula fuulaan beeke, kan akka Musee takkaa Israaʼel keessatti hin kaane.—Kes. 34:10.

Museen dhugumaan gorsaa fi qajeelfama argachuuf gara Yihowaa ni ilaala ture. Dhuguma iyyuu, ‘inni isa hin argamne Sana akka waan arguutti amantiitti cimee itti fufeera.’ (Ibr. 11:24-27) Israaʼeloonni Gibxii keessaa baʼanii jiʼa lama utuu hin guutin, jechuunis Tulluu Siinaa bira illee utuu hin gaʼin, rakkinni cimaan tokko uumamee ture. Sabichi bishaan waan dhabaniif gungumuu jalqaban. Achiis Musee irratti gungumuu eegalan; haalli isaa waan itti cimeef Museen, “Jarri kun, dhagaadhaan na rukutuudhaaf xinnoo isheetu isaan hafe, maal godhu?” jedhee gara Yihowaatti iyye. (Bau. 17:4) Yihowaanis, Museedhaaf qajeelfama ifa taʼe kennuudhaan isaaf deebiseera. Ulee isaa fudhatee kattaa Siinaa irra jiru tokko ni rukuta, achiis bishaan ni burqa. Kitaabni Qulqulluun, “Museenis ija maanguddoota Israaʼel duratti akkasuma in godhe” jedha. Achiis Israaʼeloonni hamma dheebuu baʼanitti dhugan, rakkinni isaaniis ni furame.—Bau. 17:5, 6. w18.07 13 key. 4-5

Kamisa, Hagayya 6

Jaalalli . . . nama ijaara.—1 Qor. 8:1.

Karaa Yihowaan jaalalaan itti nu ijaaru tokko gumii Kiristiyaanaa ti. Nutis dhuunfaatti, obboloota keenya jaalachuu fi karaa hafuuraa qofa utuu hin taʼin karaa miiraas isaan ijaaruudhaan jaalala Yihowaan nutti argisiise deebisnee argisiisuu dandeenya. (1 Yoh. 4:19-21) Phaawulos ergamaan, “Akkuma amma gochaa jirtan wal jajjabeessuu fi wal ijaaruu keessan itti fufaa” jechuudhaan Kiristiyaanota jajjabeesseera. (1 Tas. 5:11) Eeyyee, jaarsolii qofa utuu hin taʼin warri gumii keessa jiran hundi obboloota jajjabeessuu fi ijaaruudhaan fakkeenya Yihowaa fi Yesuus hordofuu dandaʼu. (Rom. 15:1, 2) Warri dhiphina cimaa qabanii fi gumii keessa jiran tokko tokko gargaarsi ogeessa fayyaa fi qorichi isaan barbaachisa taʼa. (Luq. 5:31) Jaarsolii fi warri gumii keessa jiran kaan ogeeyyii fayyaa sammuu akka hin taane gad of qabuudhaan amananii fudhatu. Haa taʼu malee, isaanis taʼan warri gumii keessa jiran kaan, ‘warra dhiphatan jajjabeessuu, warra dadhaboo deggeruu fi hundumaatti obsa argisiisuu’ irratti gaʼee guddaa qabu.—1 Tas. 5:14. w18.09 14 key. 10-11

Jimaata, Hagayya 7

Ani Waaqayyo kee ti hin naʼin!—Isa. 41:10.

Yihowaa caalaatti beekuudhaan, amanannaa isa irratti qabnu guddifachuu dandeenya. Karaan tokkichi Waaqayyoon sirriitti beekuu dandeenyu immoo, Kitaaba Qulqulluu of eeggannoodhaan dubbisuu fi wanta dubbisne irratti xiinxaluu dha. Kitaabni Qulqulluun Yihowaan kanaan dura saba isaa akkamitti akka eege ilaalchisee seenaa amanamaa qabateera. Seenaan barreeffamee taaʼe kun, yeroo ammaattis Yihowaan akka nu kunuunsu amanannaa nuuf kenna. Yihowaan akkamitti akka nu eegu ibsuuf fakkeenya gaarii Isaayaas itti fayyadame haa ilaallu. Yihowaan tiksee akka taʼee fi tajaajiltoonni Waaqayyoo immoo ilmoolee hoolaa akka taʼanitti ibseera. Isaayaas, Yihowaa ilaalchisee, “Ilmoolees harka isaatiin walitti in sassaaba, kaasuutti isaan in baata” jedheera. (Isa. 40:11) Harki Yihowaa inni jabaan akka nu hammate yommuu hubannu, eegumsa akka arganne nutti dhagaʼama akkasumas ni tasgabboofna. Rakkoowwan kan isin irra gaʼan taʼus, tasgabbiidhaan itti fufuu akka dandeessaniif jechoota nama jajjabeessan kana irratti xiinxalaa. Jechoonni kun rakkoowwan gara fuulduraatti dhufan yommuu isin irra gaʼan isin jabeessu. w19.01 7 key.17-18

Sanbadduraa, Hagayya 8

Yaa Waaqayyoo ko, fedha kee gochuun anatti in tola.—Far. 40:8.

Galmawwan hafuuraa tokko ykn isaa ol irra gaʼuuf hojjechaa jirtan qabduu? Tarii guyyaa guyyaadhaan kutaa Kitaaba Qulqulluu tokko dubbisuuf carraaqaa jirtu taʼa. Yookiin immoo dandeettii dubbachuu fi barsiisuu keessan fooyyessuuf carraaqaa jirtu taʼa. Haalli isaa maal iyyuu taʼe, buʼaawwan gaarii taʼan yommuu argattan ykn warri kaan kana argatanii yeroo isin galateeffatan maaltu isinitti dhagaʼama? Milkaaʼinaa fi gammachuu akka argattan hin shakkisiisu. Fakkeenya Yesuus hordoftanii fedhii Waaqayyoo fedhii ofii keessanii dursuu irratti carraaqqii guddaa gochaa waan jirtaniif, galateeffamuun kan isiniif malu dha. (Fak. 27:11) Galmawwan hafuuraa irratti xiyyeeffachuun keessan gatii kan hin qabne waan hin taaneef, hojii dhugumaan gammachuu argamsiisu hojjechaa jirtu. Phaawulos ergamaan, “Gooftaa wajjin haala wal qabateen, dadhabbiin keessan gatii kan hin qabne akka hin taane beekaatii jabaadhaa dhaabadhaa, hin sochoʼinaa, yeroo hunda hojiin Gooftaa kan isiniif baayʼatu taʼaa” jechuudhaan barreesseera. (1 Qor. 15:58) Jireenyi addunyaa keessatti iddoo guddaa argachuu fi galma isaa hordofuu irratti xiyyeeffate yeroodhaaf milkaaʼina kan argamsiisu yoo fakkaate illee, kanaa wajjin yommuu wal bira qabamu dhuma irratti gatii kan hin qabne dha.—Luq. 9:25. w18.12 22 key. 12-13

Dilbata, Hagayya 9

Qajeelonni lafa ni dhaalu.—Far. 37:29, NW.

Daawit waaʼee yeroo namoonni lafa irra jiraatan karaawwan Waaqayyoo warra qajeeloo wajjin wal simanii itti jiraatan dubbachuu isaa ture. (2 Phe. 3:13) Raajiin Isaayaas 65:22 irra jiru, “Sabni koo akka muka gaattiraa bara dheeraa in jiraatu” jedha. Kunis namoonni waggoota kumaan lakkaaʼaman akka jiraatan argisiisa. Akka Mulʼanni 21:1-4 jedhutti, Waaqayyo xiyyeeffannaa isaa gara namootaatti waan naannessuuf, namoota addunyaa haaraa qajeelummaan keessa jiraatu keessatti Waaqayyoon tajaajilaniif, abdii kenname keessa tokko “duutis kana booda hin jiru” isa jedhu dha. Addaamii fi Hewaan mirga Jannata Eeden keessa jiraachuu kan dhaban taʼus, jannatni kan bade bara baraaf miti. Akkuma Waaqayyo abdachiise namoonni lafa irra jiraatan gara fuulduraatti ni eebbifamu. Daawit hafuuraan geggeeffamee, garraamonnii fi qajeelonni lafa akka dhaalanii fi bara baraaf irra akka jiraatan dubbateera. (Far. 37:11) Raajiiwwan kitaaba Isaayaas keessa jiran, haalawwan gammachiisaa lafa irratti dhufan akka hawwinu nu taasisu. (Isa. 11:6-9; 35:5-10; 65:21-23) Maarree kun yoom raawwatama? Abdiin Yesuus nama Yihudii yakkamaa taʼe sanaaf kenne yommuu raawwatamu dha. (Luq. 23:43) Atis Jannata sana keessa jiraachuu ni dandeessa. w18.12 7 key. 22-23

Wiixata, Hagayya 10

Wantoota hundumaa caalaa garaa kee eeggadhu.—Fak. 4:23, NW.

Yaadni addunyaa matumaa gara sammuu keenyaatti akka hin galle gochuu ni dandeenyaa? Lakki, qaamaan addunyaa keessaa baʼuu hin dandeenyu. Yaadawwan addunyaa tokko tokkoof akka hin saaxilamne gochuu hin dandeenyu. (1 Qor. 5:9, 10) Hojiin lallabaa mataan isaa yaadawwan dogoggoraa wajjin akka wal qunnamnu nu godha. Yaadawwan ilaalcha Waaqayyoo wajjin wal hin simne irraa guutummaatti fagaachuu kan hin dandeenye taʼus, irratti xiinxaluu ykn fudhachuu hin qabnu. Akkuma Yesuus yaadawwan kaayyoo Seexanaa galmaan gaʼan irraa dafnee fagaachuu qabna. Kana malees, utuu hin barbaachisin, yaada addunyaatiif saaxilamuu irraa of eeguu ni dandeenya. Fakkeenyaaf, namoota michuu dhihoo nuuf taʼan yommuu filannu of eeggannoo gochuu qabna. Kitaabni Qulqulluun namoota Yihowaa hin waaqeffanne michuu yoo godhanne yaadni isaanii nutti darbuu akka dandaʼu nu akeekkachiisa. (Fak. 13:20; 1 Qor. 15:12, 32, 33) Kana malees, bashannana barumsa jijjiirama tirannaa, hammina ykn halalummaa jajjabeessu irraa fagaachuudhaan, sammuun keenya yaadawwan, ‘beekumsa Waaqayyoo mormaniin’ akka hin faalamne gochuu dandeenya.—2 Qor. 10:5. w18.11 21 key. 16-17

Kibxata, Hagayya 11

Dhugaa kee keessa nan deddeebiʼa.—Far. 86:11.

Murtoo dhugaa keessa deddeebiʼuuf goone cimsachuu kan dandeenyu akkamitti? Karaan kana itti goonu inni tokko hamma nuuf dandaʼame dhugaa Kitaaba Qulqulluu warra kaan barsiisuu irratti guutummaatti hirmaachuudhaani. Akkas gochuudhaan, goraadee hafuuraa keessan, jechuunis “dubbii Waaqayyoo” cimsitanii qabachuu dandeessu. (Efe. 6:17) Hundi keenya “dubbii dhugaa sirriitti barsiisuu” irratti dandeettii barsiisota taʼuudhaan qabnu fooyyessuu keenya itti fufuu dandeenya. (2 Xim. 2:15) Namoonni kaan dhugaa akka bitatanii fi soba irraa bilisa akka taʼan Kitaaba Qulqulluutti fayyadamnee yommuu gargaarru, dubbiin Waaqayyoo sammuu fi garaa keenya keessatti hidda akka gad fageeffatu gochuu dandeenya. Karaa kanaan, murtoo dhugaa keessa deddeebiʼuuf goone cimsachuu dandeenya. Dhugaan kennaa gatii guddaa qabuu fi Yihowaa biraa argame dha. Karaa kennaa kanaatiin qabeenya keenya isa gatii guddaa qabu, jechuunis Abbaa keenya isa samii wajjin hariiroo cimaa qabaachuu dandeenyeerra. Wanti inni hamma ammaatti nu barsiise jalqaba qofa dha! Waaqayyo dhugaa bitanne irratti dabaluu akka dandeenyuuf abdii jireenya bara baraa nuuf kenneera. Kanaaf akka callee gatii guddaa qabuutti dhugaadhaaf iddoo guddaa kennaa. ‘Dhugaa bitachuu’ keessan itti fufaa, ‘matumaas hin gurgurinaa.’—Far. 86:11, NW. w18.11 8 key. 2; 12 key. 15-17

Roobii, Hagayya 12

Noh isa qajeelummaa lallabu [ture].—2 Phe. 2:5.

Hojiin lallabaa Noh Bishaan Badiisaa dura raawwate, badiisa isaanitti dhufuuf jedhu akeekkachiisuu kan dabalatu akka taʼe ifa dha. Wanta Yesuus dubbate kana qalbeeffadhaa: “Namoonni sun bara sanatti Bishaan Badiisaa dura hanga guyyaa Noh dooniitti galetti, nyaachaa, dhugaa, dhiironni fuudhaa, dubartoonnis heerumaa turan; isaan hanga Bishaan Badiisaa sun dhufee hunduma isaanii haree sokketti akkuma hin hubanne, argamuun Ilma namaas akkanuma ni taʼa.” (Mat. 24:38, 39) Namoonni sun dantaa kan hin qabne taʼanis, Nohi amanamummaadhaan ergaa akeekkachiisaa isatti kenname lallabeera. Yeroo harʼaattis, namoonni fedhii Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabu barachuuf carraa akka argataniif ergaa Mootummichaa lallabna. Akkuma Yihowaa, nutis namoonni ergaa keenyaaf deebii kennuudhaan akka ‘jiraatan’ hawwii guddaa qabna. (His. 18:23) Akkasumas manaa gara manaa fi bakka namoonni baayʼatanitti yommuu lallabnu, Mootummaan Waaqayyoo akka dhufuu fi addunyaa Waaqayyoon hin sodaanne kana akka balleessu hamma dandeenye namoota hedduu akeekkachiisna.—His. 3:18, 19; Dan. 2:44; Mul. 14:6, 7. w18.05 19 key. 8-9

Kamisa, Hagayya 13

Namni dubbii dhugaa dubbatu qajeelummaa mulʼisa.—Fak. 12:17.

Abbootiin taayitaa biyya keessa jiraattutti hojii Mootummichaa dhorkaniiru yoo taʼee fi ati immoo waaʼee obbolootaa gaafatamuuf waamamteetta yoo taʼe maal goota? Wanta beektu hunda itti himuu qabdaa? Yesuus bulchaa Roomaatiin yommuu gaafatametti maal godhe? Dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu, “calluma jechuun yeroo qaba, dubbachuunis yeroo qaba” jedhu wajjin haala wal simuun Yesuus yeroo tokko tokko waan tokko iyyuu hin dubbatu ture! (Lal. 3:1, 7; Mat. 27:11-14) Haala akkanaa keessatti obboloota keenya balaadhaaf akka hin saaxille ogeeyyii taʼuu fi of eeggannoo gochuu qabna. (Fak. 10:19; 11:12.) Michuun itti dhihaattu tokko ykn firri kee tokko cubbuu cimaa yoo hojjetee fi ati immoo waaʼee kanaa beekta yoo taʼe maal goota? ‘Dhugaa isaa dubbadhu.’ Kanaaf utuu homaa hin dhoksin ykn hin jalʼisin wanta beektu hundumaa jaarsoliitti himuuf itti gaafatamummaa qabda. Namni cubbuu hojjete sun hariiroo Yihowaa wajjin qabu deebisee akka haaressu gargaaruu akka dandaʼaniif jaarsoliin gumii dhugaa isaa beekuuf mirga qabu.—Yaq. 5:14, 15. w18.10 10 key. 17-18

Jimaata, Hagayya 14

Wal jajjabeessuu fi wal ijaaruu keessan itti fufaa.—1 Tas. 5:11.

Jaalalaan warra kaan ijaaruu kan dandeenyu akkamitti? Karaan inni tokko akka gaariitti isaan dhaggeeffachuudhaani. (Yaq. 1:19) Akka namaaf gaddan karaa argisiisuun dhaggeeffachuun jaalala argisiisuu dha. Miira nama dhiphate sanaa hubachuuf, gaaffiiwwan malaan qophaaʼanii fi gara laafina argisiisan gaafachuu dandeessa. Kana kan gootu taanaan, miira obboleessa kee sanaa hubachuu fi isa ijaaruu dandeessa. Dhugumaan akka isaaf yaadduu fi akka isa jaallattu fuula kee irraa akka mulʼatu godhi. Kiristiyaanni sun waan hundumaa tokko tokkoon ibsuu akka qabu yoo isatti dhagaʼame, obsa qabaadhu, akkasumas dubbii isaa akka addaan hin kunne miira kee toʼadhu. Obsaan dhaggeeffachuudhaan miira isatti dhagaʼamu caalaatti hubachuu dandeessa. Kunis obboleessi ykn obboleettiin dhiphatan sun amanannaa si irratti qabaachuudhaan, wanta ati isaan ijaaruuf dubbatu dhaggeeffachuuf caalaatti qophaaʼoo akka taʼan godha. Dhugumaan akka isaaniif yaaddu yommuu argisiistu, jajjabina guddaa isaaniif argamsiisuu dandeessa. w18.09 14 key. 10; 15 key. 13

Sanbadduraa, Hagayya 15

Dhugaa . . . bitadhu.—Fak. 23: 23, NW.

Yeroon gatii namni dhugaa bitachuu barbaadu hundi kaffaluu qabu dha. Ergaa Mootummichaa dhaggeeffachuun, Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan dubbisuun, qoʼannaa dhuunfaa gochuun, walgaʼiidhaaf qophaaʼuu fi irratti hirmaachuun yeroo gaafata. Yeroo akkasii ‘bitachuu’ ykn sochiiwwan baayʼee barbaachisoo hin taane irraa qooddachuu qabna. (Efe. 5:15, 16, milj.) Waaʼee barumsa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu beekumsa sirrii argachuun yeroo hangamii gaafata? Kun haala keenya irratti kan hundaaʼe dha. Ogummaa, karaa fi hojii Yihowaa ilaalchisee wantoonni barachuu dandeenyu dhuma hin qaban. (Rom. 11:33) Maxxansi Masaraa Eegumsaa inni jalqabaa dhugaa ‘abaaboo xinnoo tokkotti’ fakkeessuudhaan akkana jedhee ture: “Abaaboo dhugaa tokkittii qabaachuu qofaan na gaʼa hin jedhin. Tokko qofti ni gaʼa utuu taʼee kan biraan hin barbaachisu ture. Hamma dandeessu walitti qabadhu, dabalataan argachuuf yaali.” ‘Bara baraaf yoo jiraanne illee, yeroo hundumaa waaʼee Yihowaa wanta dabalataa barachuu ni dandeenya. Yeroo harʼaa wanti baayʼee barbaachisaa taʼe, hamma haalli keenya nuuf heyyame dhugaa hedduu bitachuuf yeroo keenya ogummaadhaan itti fayyadamuu dha. w18.11 4 key. 7

Dilbata, Hagayya 16

Abbootii manaa nana . . . haadhotii manaa keessan jaallachuu keessan itti fufaa.—Efe. 5:25.

Abbootiin manaa, haadhotii manaa isaanii wajjin “beekumsaan” jechuunis ‘isaaniif yaaduu fi isaan hubachuudhaan’ akka jiraatan gorfamaniiru. (1 Phe. 3:7; milj.) Hubannaa fi namaaf yaaduun kan wal qabatani dha. Fakkeenyaaf, abbaan manaa hubataa taʼe tokko haati manaa isaa guutuu isa gootu, karaa hedduudhaan isa irraa adda taatu iyyuu isaa gadi akka hin taane ni beeka. (Uma. 2:18) Kanaaf, miira ishii tilmaama keessa galchuudhaan ulfinaa fi kabajaan ishii qaba. Abbaan manaa namaaf yaadu tokko walitti dhufeenya dubartoota kaanii wajjin qabu irratti miira haadha manaa isaa tilmaama keessa galcha. Matumaa hin kolomsu ykn miira sirrii hin taane isaanitti hin argisiisu. Weebsaayitii hawaasaa fi Intarneetii yommuu fayyadamus haalli isaa akkasuma. (Iyo. 31:1) Eeyyee, haadha manaa isaatiif amanamaa taʼee jiraata; kana kan godhus haadha manaa isaa waan jaalatuuf qofa utuu hin taʼin jaalala Waaqayyoof qabuunii fi jibba wanta hamaa taʼeef qabuuni dha.—Far. 19:14; 97:10. w18.09 29 key. 3-4

Wiixata, Hagayya 17

Namni guddaa jedhamu, isa hunda keessan irra akka xinnaatu godhee of yaadu dha.—Luq. 9:48.

Wanta Dubbii Waaqayyoo irraa baranne hojii irra oolchuun ulfaataa kan taʼe maaliifi? Sababiin inni tokko wanta sirrii taʼe hojii irra oolchuun gad of qabuu kan gaafatu siʼa taʼu, dandeettii amala gad of qabuu keenya eegnee itti fufuuf qabnu irras haleellaan gaʼaa jira. Kana malees, “guyyoota dhumaa” kanatti, namoota ‘of jaallatan, maallaqa jaallatan, of jajan, of tuulanii fi of hin toʼanneen’ marfamnee jirra. (2 Xim. 3:1-3) Tajaajilaan Waaqayyoo tokko waaʼeen amala ofittummaa yommuu dubbatamuu fi jajamutti amala akkasii akka jibbu argisiisuu kan dandaʼu taʼus, faayidaa amala akkasii qabaachuun argamsiisutti hinaafuu dandaʼa. (Far. 37:1; 73:3) Namni tokko, ‘Faayidaa warra kaanii irra kan ofii koo dursuun barbaachisaadhaa? ‘Isa hunda irra xinnaatu’ akkan taʼetti yoon deddeebiʼe, namoonni kabaja naaf qaban dhabuu dandaʼuu laata?’ jedhee yaaduu illee ni dandaʼa. Hafuurri addunyaa inni ofittummaa irratti hundaaʼe dhiibbaa akka nu irratti godhu heyyamuun, hariiroo gaarii gumii keessatti qabnuu fi eenyummaa Kiristiyaanaa keenya miidhuu dandaʼa. Haa taʼu malee, fakkeenyota gaarii Kitaaba Qulqulluu keessa jiran qoʼachuu fi isaaniin hordofuun keenya badhaasa nuuf argamsiisa. w18.09 3 key. 1

Kibxata, Hagayya 18

Fudhachuu irra kennuutu . . . nama gammachiisa.—HoE. 20:35.

Yihowaan uumuu jalqabuu isaa dura yeroo kophaadhuma isaa turetti illee, waaʼee ofii isaa qofa kan yaadu hin turre. Kanaa mannaa, uumamawwan dandeettii yaaduu qaban, jechuunis qaamota hafuuraa fi ilmaan namootaatiif jireenya kenneera. Yihowaa inni “Waaqa gammadaa” taʼe, wantoota gaarii kennuu jaallata. (1 Xim. 1:11; Yaq. 1:17) Nutis gammadoo akka taanu waan barbaaduuf, arjoota akka taanu nu barsiisa. (Rom. 1:20) Waaqayyo nama akka bifa isaatti uume. (Uma. 1:27) Kunis, amala isaa calaqqisiisuu akka dandeenyutti uumamne jechuu dha. Kanaaf, gammachuu fi eebba argachuuf, warra kaaniif yaaduu fi arjummaadhaan kennuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuun nu barbaachisa. (Filp. 2:3, 4; Yaq. 1:5) Kun kan barbaachise maaliifi? Salphaadhumatti, Yihowaan jaalalaan kakaʼee ilmaan namootaa akkasitti waan uumeefi dha. Mudaa kan qabnu taanu illee, arjummaa argisiisuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuu ni dandeenya. Yihowaan ilmaan namootaa fakkeenya isaa akka hordofan waan barbaaduuf arjummaa yeroo argisiisnu ni gammada.—Efe. 5:1. w18.08 18-19 key. 1-2, 4

Roobii, Hagayya 19

Hoolonni koo sagalee koo ni dhagaʼu.—Yoh. 10:27.

Duuka buutonni Yesuus wanta inni dubbate dhaggeeffachuu qofaan utuu hin taʼin, wanta dhagaʼan hojii irra oolchuudhaan sagalee isaa akka dhagaʼan argisiisu. Isaan, “Yaaddoo jireenyaatiin” yaadni isaanii hin hihhiramu. (Luq. 21:34) Kanaa mannaa, haalawwan rakkisaa taʼan keessatti illee, jireenya isaanii keessatti ajaja Yesuus hojii irra oolchuudhaaf dursa kennu. Kana hundumaa keessatti obboloonni keenya aarsaa akkamii iyyuu kaffaluudhaan, Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii itti fufaniiru. Karaan Yesuusiin akka dhageenyu itti argisiisnu kan biraan immoo warra nu gidduutti geggeessitoota akka taʼaniif inni muude deggeruu dha. (Ibr. 13:7, 17) Jaarmiyaan Waaqayyoo, meeshaawwanii fi malawwan haaraa tajaajila keenya irratti itti fayyadamnu, akkaataa walgaʼii keenya torban gidduu itti geggeessinu, Galma Mootummaa itti ijaarruu fi haaressinu, akkasumas suphinu irratti sirreeffama hedduu godheera. Qajeelfama jaalala irratti hundaaʼee fi itti yaadamee kenname kana guddaa dinqisiifanna! Qajeelfama jaarmiyichi yeroo sirriitti kennu hordofuuf carraaqqii nuti goonu, Yihowaan akka eebbisu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. w19.03 10-11 key. 11-12

Kamisa, Hagayya 20

Kana booda . . . mala gowwoomsaa namootaatiin . . . asii fi achi kan daddarbatamnu taʼuu hin qabnu.—Efe. 4:14.

Seenaan dhibbeentaa 10 qofa dhugaa taʼe dhibbeentaa 100 kan nama dogoggorsu taʼuu dandaʼa. Mee amma immoo wanta Israaʼeloonni bara Iyaasuutti yommuu Laga Yordaanos gara dhihaa jiraachaa turanitti raawwatame haa ilaallu. (Iya. 22:9-34) Israaʼeloonni Laga Yordaanos gara bahaatti jiraatan iddoo aarsaa baayʼee guddaa taʼe tokko akka ijaaran dhagaʼan. Gabaasni kun hamma tokko dhugaa dha. Israaʼeloonni gara dhihaa jiraatan odeeffannoo guutuu hin taane kana irratti hundaaʼuudhaan, obboloonni isaanii Yihowaa irratti fincila kaasaniiru jedhanii murteessan. (Iya. 22:9-12) Kan nama gammachiisu garuu, waraana isaan irratti banuu isaanii dura odeeffannoo guutuu argachuuf namoota amanamoo taʼan gara isaanitti ergan. Deebiin namoonni kun argatan hoo maal ture? Iddoo aarsaa kan ijaaran aarsaa irratti dhiheessuuf utuu hin taʼin yaadannoodhaaf ture. Iddoo aarsaa sana kan ijaaran, gara fuulduraatti namni hundi, isaanis tajaajiltoota Yihowaa amanamoo taʼuu isaanii akka beekaniif ture. Israaʼeloonni gara dhihaa jiraatan kun odeeffannoo guutuu hin taane kana irratti hundaaʼuu mannaa, odeeffannoo guutuu argachuuf yeroo fudhachuu fi obboloota isaanii balleessuu irraa of qusachuu isaanitti guddaa galateeffatanii taʼuu qaba! w18.08 5 key. 9-10

Jimaata, Hagayya 21

Namni, “Ani dhaabadheera” jedhee yaadu akka hin kufne of haa eeggatu.—1 Qor. 10:12.

Akkuma Phaawulos ibse, waaqeffattoonni dhugaan illee gochawwan dogoggoraa irratti hirmaachuu dandaʼu. Namoonni qorumsaaf harka kennan amma iyyuu Yihowaa cinaa akka dhaabatan yaaduu dandaʼu taʼa. Haa taʼu malee, michuu Yihowaa taʼuu waan barbaanneef ykn isaaf amanamoo akka taane waan dubbanneef qofa yeroo hunda isa duratti fudhatama arganna jechuu miti. (1 Qor. 10:1-5) Akkuma Israaʼeloonni yeroo Museen Tulluu Siinaa irra turetti dhiphatanii turan, Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiranis guyyaan murtii Yihowaa fi dhufaatiin addunyaa haaraa waan turu waan isaanitti fakkaatuuf ni dhiphatu taʼa. Abdiiwwan kun kan raawwataman yeroo baayʼee dheeraa booda akka taʼe ykn matumaa raawwatamuu kan hin dandeenye isaanitti fakkaachuu dandaʼa. Ilaalchawwan akkasii yoo sirreessuu baanne, fedhii Yihowaa caalaa wantoota addunyaa keessa jiraniif dursa akka kenninu gochuu dandaʼu. Suutuma suuta Yihowaa irraa fagaachuudhaan, oolee bulee gochawwan yeroo karaa hafuuraa haala gaarii irra jirru matumaa irratti hirmaanna jennee hin yaanne raawwachuu dandeenya. w18.07 21 key. 17-18

Sanbadduraa, Hagayya 22

Ati ana duratti faara tolaadhaan waan ilaalamteef, si, maqaa kees waanan beekuuf, isa ati dubbatte kana ani nan godha.—Bau. 33:17.

Yihowaan dhuunfaatti yommuu nu beeku eebbawwan dinqisiisoo argachuu dandeenya. Haa taʼu malee, Yihowaan akka nu beeku gochuu kan dandeenyu akkamitti? Yommuu isa jaallannuu fi jireenya keenya isaaf murteessinutti akka nu beeku gochuu dandeenya. (1 Qor. 8:3) Taʼus, hariiroo cimaa Abbaa keenya isa samii wajjin qabnu eegnee jiraachuun nu barbaachisa. Akkuma Phaawulos Kiristiyaanota Galaatiyaaf barreessetti, nutis beekamtii addunyaa barbaaduu dabalatee, ‘wantoota dadhaboo taʼanii fi faayidaa hin qabneef’ garboota taʼuu irraa fagaachuun nu barbaachisa. (Gal. 4:9) Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, hamma Waaqayyo biratti beekamanitti guddina argisiisanii turan. Haa taʼu malee, Phaawulos obbolootumti kun wantoota faayidaa hin qabnetti ‘deebiʼanii’ akka turan dubbateera. Phaawulos karaa biraatiin, “Hamma kana fagaattanii erga deemtanii booda, maaliif wantoota faayidaa hin qabnee fi dhiistanii dhuftanitti deebitan?” jechuu isaa ture. w18.07 8 key. 5-6

Dilbata, Hagayya 23

Namni ogeessi in dhaggeeffata, barumsas in dabalata.—Fak. 1:5.

Kan nama gammachiisu garuu, barumsa guddaa argachuuf miidhaa seera Waaqayyoo cabsuun nutti fiduun dhiphachuun nu hin barbaachisu. Dogoggora namoota seenaan isaanii Dubbii Waaqayyoo keessatti barreeffame irraa barachuu dandeenya. Yommuu seenaawwan Kitaaba Qulqulluu keessa jiran dubbisnuu fi irratti xiinxallu, Waaqayyo irraa qajeelfama hunda irra caalu arganna. Fakkeenyaaf, dhiphina guddaa Daawit Mootichi seera Yihowaa erga cabsee fi Baat-Sheebaa wajjin erga ejja raawwatee booda isatti dhagaʼamee ture mee yaadaa. (2 Sam. 12:7-14) Seenaa kana yommuu dubbisnuu fi irratti xiinxallu akkana jennee of gaafanna taʼa: ‘Gadda guddaa Daawit Mootichi Baat-Sheebaa wajjin ejja raawwachuun isaa isa irra geessise hambisuu kan dandaʼu akkamiitti? Qorumsi wal fakkaatu yoo na mudate, qorumsicha moʼuuf jabina qabaa? Akka Yoseefin baqadha moo akka Daawitin moʼama?’ (Uma. 39:11-15) Miidhaa cubbuun geessisu irratti xiinxaluudhaan, garaan keenya ‘wanta hamaa akka jibbuuf’ jabeessuu dandeenya.”—Amo. 5:15. w18.06 17 key. 5, 7

Wiixata, Hagayya 24

Wanta kan Qeesaar taʼe Qeesaariif, wanta kan Waaqayyoo taʼe immoo Waaqayyoof kennaa.—Mat. 22:21.

Jalʼinni haqaa yeroo baayʼee fedhiin siyaasaa akka bobaʼu godha. Bara Yesuusitti gibira kaffaluun dhimma siyaasaa guddaa taʼe ture. Namoota Yesuusiin dhaggeeffatan dabalatee namoonni bulchiinsa Roomaa jala jiran gibira baayʼee, jechuunis gibira meeshaalee, lafaa fi gibira manaa kaffaluuf dirqamni isaan irra jira ture. Akkasumas malaanmaltummaan namoonni qaraxa sassaaban raawwatan, namoonni baʼaa guddaan akka isaanitti feʼame akka isaanitti dhagaʼamu godheera. Namoonni qaraxa sassaaban caalbaasiidhaan aangoo kana bitachuu dandaʼu, akkasumas qaraxa sassaabamu irraa buʼaa argatu turan. Zakkewoos inni geggeessaa warra qaraxa sassaabanii turee fi Yerikoo keessa jiraatu namoota irraa qarshii saamuudhaan sooressa taʼeera. (Luq. 19:2, 8) Wanti inni hojjechaa ture, wanta namoonni hedduun hojjetan kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Diinonni Yesuus akka inni dhimma gibiraa keessa seenee gama tokko akka deggeru isa gochuuf yaalanii turan. ‘Gibirri’ namoota wal falmisiisaa ture, gibira dinaaree tokkoo namoonni lammii Roomaa taʼan akka kaffalan isaanitti murteeffame dha. (Mat. 22:16-18) Gibirri kun keessumaa Yihudoota mufachiisee ture. Kun Roomaadhaaf akka bitaman kan argisiisu ture. w18.06 5-6 key. 8-10

Kibxata, Hagayya 25

Namni waanuma facaase sana haammata.—Gal. 6:7.

Seexana cinaa dhaabachuun garuu yeroo hundumaa miidhaa geessisa; buʼaa qabatamaa taʼes hin argamsiisu. (Iyo. 21:7-17; Gal. 6:8) Seexanni dhiibbaa hammamii akka geessisu beekuun keenya faayidaa maalii qaba? Aangoo mootummootaaf ilaalcha sirrii akka qabaannu, akkasumas tajaajila keenya irratti kakaʼumsa akka qabaannu nu gargaara. Yihowaan abbootii taayitaa akka kabajnu akka nu irraa barbaadu beekna. (1 Phe. 2:17) Kana malees, ulaagaa inni baasee wajjin hamma walitti hin buunetti seera mootummoonni ilmaan namootaa baasaniif akka ajajamnu nu irraa eega. (Rom. 13:1-4) Taʼus adda taanee jiraachuu akka qabnu beekna; gonkumaa gareen siyaasaa tokko ykn bulchaan tokko isa kaan irra akka wayyu yaaduu hin qabnu. (Yoh. 17:15, 16; 18:36) Seexanni maqaa Waaqayyoo balleessuu fi xureessuu akka barbaadu waan beeknuuf, waaʼee Waaqa keenyaa dhugaa isaa namoota kaan barsiisuuf caalaatti kakaana. Isa jaallachuun qarshii ykn qabeenya jaallachuu irra baayʼee akka caalu waan beeknuuf maqaa isaatiin waamamuu fi fayyadamuu keenyatti ni boonna.—Isa. 43:10; 1 Xim. 6:6-10. w18.05 24 key. 8-9

Roobii, Hagayya 26

Haati manaa abbaa manaa ishii irraa gargar hin baʼin.—1 Qor. 7:10.

Hiriyoonni gaaʼelaa gaaʼela isaanii keessatti rakkinni yoo isaan mudate gargar baʼuun furmaata dhaa? Kitaabni Qulqulluun wantoota adda addaa gargar baʼuuf sababa taʼan hin ibsu. Phaawulos, “Dubartiin tokkos abbaa manaa hin amanne yoo qabaattee fi innis ishii wajjin jiraachuuf yoo walii gale, ishiin abbaa manaa ishii hin dhiisin” jechuudhaan barreesseera. (1 Qor. 7:12, 13) Kun yeroo harʼaattis ni hojjeta. Dhugaa dha, yeroon ‘abbaan manaa hin amanne’ tokko ‘ishii wajjin jiraachuuf walii galuu’ akka hin barbaanne itti argisiisu jira. Rukuttaa qaamaa hamma geessisutti illee, garmalee akka ishii miidhu ykn lubbuu ishii balaadhaaf saaxilu ishiitti dhagaʼamuu dandaʼa. Ishii fi maatichaaf deggersa gochuu diduu ykn karaa hafuuraa garmalee ishii miidhuu dandaʼa. Wanti namni sun dubbatu maali iyyuu yoo taʼe, haala akkasii keessatti Kiristiyaanonni tokko tokko, hiriyaan gaaʼelaa sun ‘isaanii wajjin jiraachuu’ akka hin barbaanne waan argisiisuuf, gargar baʼuun barbaachisaa akka taʼe murteessaniiru. Kiristiyaanonni kaan garuu haalawwan ulfaataa taʼan keessatti illee gargar baʼuu dhiisuuf murteessaniiru; rakkina isaan irra gaʼu dandamatanii haala isaa fooyyessuuf carraaqu. w18.12 13 key. 14, 16; 14 key. 17

Kamisa, Hagayya 27

Isaan . . . jabaatanii dhaabachuudhaan firii godhatu.—Luq. 8:15.

Fakkeenya nama sanyii facaasuu Luqaas 8:5-8, 11-15 keessatti, sanyii kan jedhame “dubbii Waaqayyoo” ykn ergaa Mootummichaa ti. Biyyoon isaa immoo garaa namootaa isa fakkeenyaan ibsame argisiisa. Sanyiin biyyoo gaarii irra buʼe hidda godhachuudhaan biqilee firii dachaa 100 godhate. Akkuma biyyoo gaariin fakkeenya Yesuus keessatti ibsamee sanyicha of keessatti qabate, nutis ergicha fudhachuudhaan jabeessinee qabanneerra. Kanaan kan kaʼes, ergaan Mootummichaa sanyiitti fakkeeffame hidda godhatee guddachuudhaan muka qamadii yeroo booda firii godhachuuf qophaaʼe taʼeera jechuun ni dandaʼama. Akkuma mukti qamadii muka haaraa utuu hin taʼin sanyii haaraa godhatu, nutis barattoota haaraa utuu hin taʼin sanyii Mootummichaa haaraa godhanna. Sanyii Mootummichaa haaraa godhachuu kan dandeenyu akkamitti? Karaa taʼe tokkoon yeroo ergaa Mootummichaa lallabnu hundatti, sanyii garaa keenya keessatti facaafame sana baayʼisaa fi bittimsaa jirra jechuun ni dandaʼama. (Luq. 6:45; 8:1) Kanaaf, fakkeenyi kun ergaa Mootummichaa lallabuu keenya hamma itti fufnetti, ‘jabaannee dhaabachuudhaan firii godhachaa’ akka jirru nu barsiisa. w18.05 14 key. 10-11

Jimaata, Hagayya 28

Ani warran jaalladhu hundatti balleessaa isaanii nan hubachiisa, isaan nan adabas.—Mul. 3:19.

Phaawulos obboloota isaa jajjabeessuu qofa utuu hin taʼin, ‘waan hundumaa isaaniif kennuu fi guutummaatti isaaniif dabarsee of kennuuf’ fedhii qaba ture. (2 Qor. 12:15) Haaluma wal fakkaatuun, jaarsoliin obboloota isaanii dubbiidhaan qofa utuu hin taʼin, dhuunfaatti garaadhaa akka isaaniif yaadan argisiisuudhaan isaan jajjabeessuu qabu. (1 Qor. 14:3) Wal jajjabeessuun gorsa kennuus kan dabalatu dha; taʼus jaarsoliin yeroo kanattis fakkeenya Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamee fi karaa warra kaan jajjabeessuun akkamitti gorsa kennuun akka dandaʼamu argisiisu hordofuu qabu. Wanti Yesuus erga duʼaa kaʼee booda raawwate gama kanaan fakkeenya guddaa nuuf taʼa. Yesuus gumiiwwan Eeshiyaa ishii Xinnootti argaman tokko tokkoof gorsa cimaa kennuun isa barbaachisee ture; taʼus akkaataa inni gorsa itti kenne hubadhaa. Gumiiwwan Efesoon, Phergaamoonii fi Tiyaaxiraa keessa jiraniif gorsa kennuu isaa dura isaan galateeffateera. (Mul. 2:1-5, 12, 13, 18, 19) Jaarsoliin yommuu gorsa kennuun isaan barbaachisu fakkeenya Kiristoos hordofuun isaanii gaarii dha. w18.04 22 key. 8-9

Sanbadduraa, Hagayya 29

Abbootii nana, ijoollee keessan . . . leenjii fi gorsa Yihowaatiin isaan guddisaa.—Efe. 6:4.

Warra kan taatan, ijoollee keessan dhukkuba qaamaa irraa eeguuf waan isiniif dandaʼame hunda akka gootan beekamaa dha. Mana keessan ni qulqulleessitu, akkasumas wanta isin irra ykn ijoollee keessan irra dhukkuba geessisuu dandaʼu hunda baastanii gattu. Haaluma wal fakkaatuun, ijoollee keessan fiilmiiwwan, sagantaawwan televijiinii, tapha elektirooniksii fi weeb saayitoota yaada Seexanaatiin isaan faaluu dandaʼan irraa isaan eeguu qabdu. Yihowaan nageenya hafuuraa ijoollee keessanii akka eegdan aangoo isiniif kenneera. (Fak. 1:8) Kanaaf mana keessan keessatti seerawwan ulaagaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan baasuu hin sodaatinaa. Ijoolleen keessan maal ilaaluu akka dandaʼanii fi maal ilaaluu akka hin dandeenye itti himaa; akkasumas sababii itti murtoo sana gootan akka hubatan gargaaraa. (Mat. 5:37) Yommuu guddachaa adeeman immoo, akka ulaagaa Yihowaatti wanta sirrii taʼee fi wanta dogoggora taʼe ofii isaaniitiin akka hubatan leenjisaa. (Ibr. 5:14) Ijoolleen keessan wanta isin gootan irraa caalaatti akka baratan yaadadhaa.—Kes. 6:6, 7; Rom. 2:21. w19.01 16 key. 8

Dilbata, Hagayya 30

Jaarsoliinis ijoollee wajjin, hundumti isaanii maqaa Waaqayyoo haa jajatan!—Far. 148:12, 13.

Dargaggeessa yoo taate, maanguddoota gargaaruuf maaliif galma hin baafattu? Muuxannoo waggoota dheeraa tajaajiluudhaan argatan akka isinitti himan kabajaan isaan gaafachuu dandeessu taʼa. Kana yommuu gootan jajjabina guddaa kan argattan taʼuu isaa irra iyyuu, isinis taatan isaan ifa dhugaa caalaatti ibsuuf kakaatu. Hundi keenya namoota gara Galma Walgaʼii dhufan simachuuf xiyyeeffannaa kennuu dandeenya. Walgaʼii tajaajila dirree akka geggeessitan yoo ramadamatan, maanguddoonni tajaajila irratti akka hirmaatan gargaaruuf wanta hedduu gochuu dandeessu. Naannoo tajaajilaa isaaniif mijatu qabuu? Yeroo tokko tokko, dargaggoota deggersa qaamaa isaaniif gochuu dandaʼan akka isaanii wajjin tajaajilan ramaddu taʼa. Obboloota dhibeen fayyaa fi haalli isaanii isaan daangesseef rakkina isaanii akka hubattan argisiisuu dandeessu. Eeyyee, isaaniif kan yaaddanii fi kan isaaniif hubattan taʼuun keessan, dargaggoonnis taʼan maanguddoonni muuxannoo guddaas taʼe xinnoo qaban, hinaaffaadhaan misiraachicha akka lallaban gargaaruu dandaʼa.—Lew. 19:32. w18.06 23-24 key. 10-12

Wiixata, Hagayya 31

Bilisummaa keessan dogoggora hojjettan dhoksuuf utuu hin taʼin, akka garboota Waaqayyootti itti fayyadamaa.—1 Phe. 2:16.

Bilisummaa garbummaa cubbuu fi duʼaa jalaa baʼuudhaan arganne dinqisiifachuu qabna. Furiin waan nuu kaffalameef, sammuu qulqulluudhaan Waaqa keenya tajaajiluu fi kana gochuudhaan gammachuu dhugaa argachuu dandeenya. (Far. 40:8) Haa taʼu malee, galateeffannaa qabnu ibsuu malees, bilisummaa guddaa arganne kana karaa sirrii hin taaneen akka itti hin fayyadamne of eeggachuu qabna. Pheexiros ergamaan bilisummaa arganne sababa godhannee fedhii foon keenyaa akka hin guuttanne nu akeekkachiiseera. Akeekkachiisni kun wanta Israaʼeloonni lafa onaa keessatti isaan mudate si hin yaadachiisuu? Balaan nu irra gaʼu immoo kana irra iyyuu kan caalu taʼuu dandaʼa. Seexannii fi addunyaan isaa uffannaa fi miidhagina, nyaataa fi dhugaatii, bashannanaa fi bohaartii, akkasumas wantoota kan biraa ilaalchisee yeroo kami iyyuu caalaa filannoowwan baayʼee nama hawwatan dhiheessaa jiru. Namoonni haxxeen beeksisa himsiisan, namoota beeksisuu irratti nama hawwatanitti fayyadamnii yeroo baayʼee wanta baayʼee hin barbaachisne isa malee jiraachuu kan hin dandeenye fakkeessanii dhiheessuudhaan namoota gowwoomsu. Gowwoomsaa kanaan mooʼamnee bilisummaa keenyatti karaa sirrii hin taaneen fayyadamuun salphaa dha! w18.04 10 key. 7-8

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi