Fulbaana
Kibxata, Fulbaana 1
Isin matumaa isa argitanii kan hin beekne taʼus isa ni jaallattu.—1 Phe. 1:8.
Yesuus Maartaa fi Maariyaamiif akka yaadu argisiiseera. Duʼa obboleessa isaanii Alaazaaritti gadduu isaanii yommuu argu, “Yesus imimmaan isaa dhangalaase.” (Yoh. 11:32-35) Yesuus kan booʼe michuu isaa waan dhabeef qofa hin turre. Kana malees, Alaazaariin duʼaa akka kaasu beeka ture. Yesuus kan booʼe, gadda michoota isaa jaallatamoo kana irra gaʼe waan hubatee fi kunis garaa isaa waan tuqeef ture. Yesuus akka namaaf yaadu beekuun keenya baayʼee nu jajjabeessa. Dhugaa dha, nuti akka isaa mudaa kan hin qabne miti. Taʼus, akkaataa inni namoota kaan itti qabe waan beeknuuf isa ni jaallanna. Yesuus yeroo ammaa Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee bulchaa akka jiru beekuun keenya nu jajjabeessa. Yeroo muraasa booda rakkina hunda ni balleessa. Yesuusis yeroo tokkotti nama waan tureef, namoonni madaa bulchiinsi Seexanaa isaan irraan gaʼe irraa akka fayyan gargaaruuf hunda caalaa haala mijataa qaba. Dhuguma iyyuu, Bulchaa “dadhabina keenyatti nuuf gaddu” qabaachuu keenyatti eebbifamneerra.—Ibr. 2:17, 18; 4:15, 16. w19.03 17 key. 12-13
Roobii, Fulbaana 2
Abbaan inni na erge sun yoo isa harkise malee, namni kam iyyuu gara koo dhufuu hin dandaʼu.—Yoh. 6:44.
Namoonni waaʼee Waaqayyoo akka baratan gargaaruu irratti gaʼee qabaachuu kan dandeenyu taʼus, gaʼee hunda caala barbaachisaa taʼe hin qabnu. (1 Qor. 3:6, 7) Namoota gara ofii isaatti kan harkisu Yihowaa dha. Dhuma irrattis, tokkoon tokkoon namaa haala garaa isaa irratti hundaaʼee misiraachichaaf deebii kenna. (Mat. 13:4-8) Namoonni hedduun, ergaa Yesuus inni barsiisota hanga harʼaatti jiraatan hunda caalu isaanitti hime akka hin fudhanne yaadadhaa! Kanaaf, namoonni nuti isaan gargaaruuf yaallu hedduun, ergaa keenya fudhachuu yoo didan abdii kutachuu hin qabnu. Tajaajila keenya irratti miira namootaa akka hubannu yommuu argisiisnu buʼaa gaarii arganna. Hojii lallabaa keenyatti caalaatti gammadna. Gammachuu guddaa kennuudhaan argamu dhandhamachuu ni dandeenya. Akkasumas namoonni “jireenya bara baraa argachuuf kakaʼumsa sirrii qaban” misiraachicha fudhachuun akka isaaniif salphatu goona. (HoE. 13:48) Kanaaf, “hamma carraa argannetti, namoota hundumaaf . . . wanta gaarii haa goonu.” (Gal. 6:10) Akkas yoo goone Abbaa keenya isa samiitiif ulfina fiduudhaan gammachuu arganna.—Mat. 5:16. w19.03 25 key. 18-19
Kamisa, Fulbaana 3
Walgaʼii [keessatti] sin jajadha!—Far. 22:22.
Daawit Mootichi, “Waaqayyo guddaa dha, guddisee kan jajamuu dha” jechuudhaan barreesseera. (Far. 145:3) Inni Yihowaa ni jaallata, jaalalli kunis “walgaʼii keessatti” Waaqayyoon akka jajatu isa kakaaseera. (1 Sen. 29:10-13; Far. 40:5) Yeroo harʼaatti karaan itti Yihowaa jajannu keessaa tokko, walgaʼii Kiristiyaanaa irratti yaada kennuudhaani. Hundi keenya walgaʼii keenya irratti yaada gara garaa kennaman dhagaʼuun nu gammachiisa. Yaada gabaabaa mucaan xinnoon tokko kennu dhagaʼuun nu gammachiisa. Namni tokko wanta dhiheenya qorannaa godhee argate ilaalchisee gammachuudhaan yommuu dubbatu dhagaʼuun nu jajjabeessa. Akkasumas ija laafeyyii ykn qooqa keenya reefuu barachaa kan jiran taʼanis, namoota ‘akkuma taʼetti ija jabina argatanii’ yaada kennan ni dinqisiifanna. (1 Tas. 2:2) Carraaqqii isaan godhaniif dinqisiifannaa qabnu akkamitti argisiisuu dandeenya? Yaada nama jajjabeessu kennuu isaaniitiif walgaʼii booda isaan galateeffachuu dandeenya. Karaa kan biraan isaaniin itti galateeffannu immoo ofii keenyaa yaada kennuu dha. Akkas kan goonu yoo taʼe, walgaʼii irraa jajjabina argachuu qofa utuu hin taʼin, nutis jajjabina ni kennina.—Rom. 1:11, 12. w19.01 8 key. 1-2; 9 key. 6
Jimaata, Fulbaana 4
Kan galateeffattan taʼuu keessan argisiisaa.—Qol. 3:15.
Namoonni kurnan sun haala baayʼee rakkisaa taʼe keessa turan. Dhukkuba nadayiitiin qabamanii waan turaniif, fayyuuf abdii hin qaban turan. Guyyaa tokko garuu Yesuus isa Barsiisaa Guddicha taʼe halaalatti argan. Yesuus dhukkuba gosa hundumaa akka fayyisu kan dhagaʼaniiru. Kanaaf, “Yaa Yesuus Barsiisaa, garaa nuu laafi!” jedhanii iyyan. Namoonni kurnan kun guutummaatti fayyaniiru. Hundi isaanii iyyuu gaarummaa Yesuus isaanitti argisiiseef galateeffannaa akka qaban hin shakkisiisu. Haa taʼu malee, isaan keessaa inni tokko miira galateeffannaa qabaachuu caalaa wanta godhe qaba; inni dinqisiifannaa isaa Yesuusiif ibseera. Namichi Samaariyaa fayye sun, “sagalee guddaadhaan” Waaqayyoon galateeffachuu akka qabu isatti dhagaʼamee ture. (Luq. 17:12-19) Akkuma namicha Samaariyaa sanaa nutis namoota gaarummaa qabaniif, galateeffannaa keenya ibsuu ni barbaanna. Galateeffannaa keenya ibsuu irratti Yihowaan fakkeenya nuuf taʼeera. Karaan inni kana itti godhe tokko namoota isa gammachiisan eebbisuu dha. (2 Sam. 22:21; Far. 13:6; Mat. 10:40, 41) Kitaabni Qulqulluun ‘akka ijoollee jaallatamootti Waaqayyoon akka fakkaannu’ nu jajjabeessa. (Efe. 5:1) Kanaaf, sababiin galateeffachuu itti qabnu inni guddaan fakkeenya Yihowaa hordofuu waan barbaannuufi dha. w19.02 14 key. 1-2; 15 key. 4
Sanbadduraa, Fulbaana 5
Amanamummaa koo hin dhiisu!—Iyo. 27:5, NW.
Obboleettii shamarreen barattuu taate tokko kabajni ayyaanaa Waaqayyoon akka hin gammachiisne waan beektuuf akka irratti hin hirmaanne kabajaan ibsite. Obboleessi dargaggeessi ija laafessa taʼe tokko manaa gara manaatti lallaba utuu jiruu mana barataa isaa wajjin baratuu fi sana dura Dhugaa Baatota Yihowaatti qoosu tokkoo dhaqee rurrukute. Obboleessi wanta maatii isaatiif barbaachisu dhiheessuuf jabaatee hojjetu tokko, hogganaan isaa wanta seeraan ala taʼe akka raawwatu isa gaafate. Obboleessi kun hojii isaa dhabuu kan dandaʼu taʼus, Waaqayyo tajaajiltoonni isaa kana akka godhan waan isaan irraa eeguuf, amanamaa taʼuu fi seera eeguu akka qabu isaaf ibse. (Rom. 13:1-4; Ibr. 13:18) Namoonni sadan kun amala isa kam akka qaban hubattaniittu? Amalawwan hedduu kan akka ija jabinaa fi haqa qabeessa taʼuu jiran akka qaban hubattaniittu taʼa. Haa taʼu malee, hundi isaanii keessumaa amala iddoo guddaa qabu tokko jechuunis amanamummaa argisiisaniiru. Sadanuu Yihowaadhaaf amanamoo akka taʼan argisiisaniiru. Hundi isaanii ejjennoo ulaagaa Waaqayyoo irratti qaban laaffisuu didaniiru. Namoonni kun akkas akka godhan amanamummaan isaan kakaaseera. Hundi isaanii amala kana argisiisuu isaaniitti Yihowaan akka isaanitti boonu beekamaa dha. Haaluma wal fakkaatuun, nutis Abbaan keenya inni samii akka nuun boonu barbaanna. w19.02 2 key. 1-2
Dilbata, Fulbaana 6
Seerichi gaaddidduu wantoota gaggaarii dhufuuf jiranii ti.—Ibr. 10:1.
Seerichi keessumaa namoota of eeguuf humna hin qabne, kan akka ijoollee warri irraa duʼan, dubartoota abbaan manaa irraa duʼee fi namoota biyya ormaatiif eegumsa godha ture. Abbootiin murtii Israaʼel keessa turan, “Firdii nama galaa, kan ijoollee abbaan irra hin jirrees hin jalʼisin! Uffata dubartii abbaan manaa irraa duʼees qabsiisaaf hin fuudhin!” jedhamanii turan. (Kes. 24:17) Yihowaan hawaasicha keessatti namoota salphaatti miidhamuu dandaʼaniif akka garaa laafu argisiiseera. Kana malees, namoota isaan miidhan adabeera. (Bau. 22:22-24) Yihowaan namoonni itti gaafatamummaa qaban, namoota isaan jala jiran hundatti jaalala argisiisuu akka qaban isaan irraa barbaada. Inni yakka saalqunnamtii waan jibbuuf, namoonni hundi keessumaa immoo warri salphaatti miidhamuu dandaʼan eegumsaa fi haqa akka argatan barbaada. (Lew. 18:6-30) Yihowaan haqaan akka nu qabu mirkanaaʼaa yommuu taanu, jaalalli isaaf qabnu ni guddata. Akkasumas Waaqayyoo fi ulaagaawwan isaa warra jaalala irratti hundaaʼan yommuu jaallannu, warra kaan jaallachuu fi haqaan isaan qabuuf kakaana. w19.02 24-25 key. 22-26
Wiixata, Fulbaana 7
Wanta fedhii Waaqayyoo wajjin wal faallessuu fi hawwii addunyaa irraa [fagaadhaa].—Tit. 2:12.
Yaadni Seexanaa dhiibbaa akka nu irratti hin goone akkamitti of eeguu akka dandeenyu fakkeenya argisiisu tokko haa ilaallu. Yihowaan, ‘halalummaanii fi xuraaʼummaan akaakuu hundumaa nu gidduutti akka hin dubbatamne’ nu barsiiseera. (Efe. 5:3) Haa taʼu malee, bakka hojiitti ykn mana barumsaatti hiriyoonni keenya waaʼee halalummaa haasaʼuu yoo jalqaban hoo maal gochuu qabna? Eegduun keenya, jechuunis qalbiin keenya sagalee akeekkachiisaa ni dhageessisa taʼa. (Rom. 2:15) Garuu nuti isa ni dhaggeeffannaa? Kanaa mannaa, hiriyoota keenya dhaggeeffachuuf ykn suuraa isaan nuuf ergan ilaaluuf qoramuu dandeenya taʼa. Haa taʼu malee, haasichaa jijjiiruu ykn dhiisnee deemuudhaan akka fakkeenyaatti karra magaalichaa cufuu kan qabnu yeroo kanatti dha. Wanta dogoggoraa akka yaadnu ykn hojjennu dhiibbaa hiriyoonni keenya nu irraan gaʼan dandamachuun ija jabina gaafata. Yihowaan carraaqqii nuti goonu akka arguu fi jabinaa fi ogummaa yaada Seexanaa mormuuf nu gargaaru akka nuuf kennu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya.—2 Sen. 16:9; Isa. 40:29; Yaq. 1:5. w19.01 17-18 key. 12-13
Kibxata, Fulbaana 8
Wanta harki koo [hojjete] . . . hundumaa garagalee yommuun ilaalu, wanti kun hundinuu waaʼee hin baasu . . . wanti buʼaa qabu hin jiru.—Lal. 2:11.
Solomoon baayʼee sooressaa fi aangoo guddaa kan qabu waan tureef, ‘gammachuu qoree, wanta gaarii [dhufu] ilaaluuf’ yaalii godhee ture. (Lal. 2:1-10) Inni manneen ijaareera, iddoo biqiltuu qopheesseera, iddoo bashannanaa dhaabeera, akkasumas wanta barbaade hunda raawwachuuf yaalii godheera. Haa taʼu malee, erga kana godhee booda maaltu isatti dhagaʼame? Itti gammadee turee? Milkaaʼina akka argate isatti dhagaʼameeraa? Kana tilmaamuun nu hin barbaachisu. Solomoon ofii isaatii iyyuu yaada caqasa guyyaa harʼaa irra jiru dubbachuudhaan nutti himeera. Kun barumsa guddaa dha! Kana ogummaadhaan yaadatti ni qabattuu? Yihowaan rakkina isin irra gaʼu irraa karaa dogoggora taʼeen akka hin baranne isin oolchuu barbaada. Dhugaa dha, Yihowaadhaaf ajajamuu fi jireenya keessan keessatti fedhii isaa dursuuf amantii qabaachuun isin barbaachisa. Amantiin akkasii gatii guddaa kan qabu siʼa taʼu, amantii akkasii qabaachuu keessaniin matumaa abdii hin kutattan. Yihowaan matumaa “jaalala isin maqaa isaatiif argisiistan” hin irraanfatu. (Ibr. 6:10) Kanaaf jabaadhaa hojjedhaa, akkasumas Abbaan keessan inni samii wanta hunda caalaa isin fayyadu akka isiniif yaadu hubadhaa.—Far. 32:8. w18.12 22 key. 14-15
Roobii, Fulbaana 9
Waaqayyo utuu nuti cubbamoota taanee jirruu, Kiristoos nuuf jedhee akka duʼu gochuudhaan jaalala nuuf qabu argisiiseera.—Rom. 5:8.
Namni hafuuraa, Waaqayyo irratti amantii qaba, akkasumas dhimmoota gara garaa irratti ilaalcha Waaqayyoo qabaata. Waaqayyo irraa qajeelfama argachuu barbaada, akkasumas isaaf ajajamuuf murteessa. (1 Qor. 2:12, 13) Daawit gama kanaan fakkeenya gaarii ture. Inni, ‘Waaqayyo, qooda koo isa anaaf kennamee dha, xoofoo anaaf hiixatamee dha’ jedhee faarfateera. (Far. 16:5) ‘Qoodni’ kun Daawit Waaqayyotti kooluu galuu isaatiin kan kaʼe, isa biratti fudhatama argachuudhaan hariiroo gaarii inni isaa wajjin qabu kan dabalatu ture. (Far. 16:1) Kuni hoo buʼaan isaa maal ture? Daawit “lubbuun koo inni ulfina-qabeessi in ililcha” jechuudhaan barreesseera. Eeyyee Daawitiif, Waaqayyoo wajjin walitti dhihaachuu caalaa wanti gammachuu argamsiisu tokko illee hin jiru. (Far. 16:9, 11) Namoonni jireenyi isaanii gammachuu fi qabeenya irratti akka hundaaʼu godhan gammachuu Daawit argatee ture hin arganne. (1 Xim. 6:9, 10) Amantii Yihowaa irratti qabdan guddifachuu fi isa tajaajiluun keessan jireenyi keessan kaayyoo akka qabaatu godha, akkasumas gammachuu isiniif argamsiisa. Maarree, amantii keessan guddifachuu kan dandeessan akkamitti? Dubbii Waaqayyoo dubbisuu, uumama isaa ilaaluu fi jaalala inni isiniif qabu dabalatee waaʼee amalawwan isaa yaaduudhaan akka fakkeenyaatti yeroo isaa wajjin dabarsuu qabdu.—Rom. 1:20. w18.12 25 key. 7-8
Kamisa, Fulbaana 10
Gaaʼelli hundumaa biratti kabajamaa haa taʼu.—Ibr. 13:4.
Phaawulos as irratti gaaʼela ilaalchisee dhugaa jiru dubbachuu isaa qofa hin turre. Kanaa mannaa, caqasni kun Kiristiyaanonni gaaʼelaaf dhuunfaatti kabaja kennuu fi gatii guddaa akka qabutti ilaaluu akka qaban qajeelfama kennaa jira. Akkuma walii galaatti gaaʼelaaf, keessumaa immoo gaaʼela kan qabdan yoo taʼe hiriyaa gaaʼelaa keessaniif ilaalcha akkasii qabduu? Gaaʼelaaf kabaja kennuu irratti fakkeenyi hunda caalu jira. Yesuus gaaʼelaaf kabaja kenneera. Fariisonni waaʼee wal hiikuu gaaffii yommuu isa gaafatan, gaaʼela jalqabaa ilaalchisee wanta Waaqayyo dubbate caqasuudhaan, “Kanaan kan kaʼes, namni abbaa isaa fi haadha isaa ni dhiisa; lamaanuu foon tokko ni taʼu” jedheera. Yesuus itti dabaluudhaan, “Wanta Waaqayyo walitti hidhe namni kam iyyuu gargar hin baasiin” jedheera. (Mar. 10:2-12; Uma. 2:24) Kanaaf, Yesuus gaaʼela kan hundeesse Waaqayyo akka taʼee fi diigamuu akka hin qabne jabeessee dubbateera. Waaqayyo gaaʼelli wal hiikuudhaan diigamuu akka dandaʼu Addaamii fi Hewaanitti hin himne. Ulaagaan gaaʼelaa Eeden keessatti kenname sun dhiira tokkoo fi dubartii takka siʼa taʼu, “lamaanuu” tokko taʼanii akka itti fufan ture. w18.12 10-11 key. 2-4
Jimaata, Fulbaana 11
Sammuu keessan haaressuudhaan jijjiiramaa.—Rom. 12:2.
Jalqaba yommuu dhugaa dhageenye, ulaagaawwan buʼuuraa Yihowaatiif ajajamuun barbaachisaa taʼuu isaa baranneerra. Haa taʼu malee, karaa hafuuraa guddaachaa yommuu deemnu, waaʼee yaada Yihowaa jechuunis wanta inni jaallatuu fi wanta inni jibbu, akkasumas ilaalcha inni wantoota gara garaatiif qabu ni baranna. Yaadni akkasii immoo gocha keenyaa fi filannaa dhuunfaa keenya irratti dhiibbaa godha. Akka Yihowaatti yaaduu barachuun gammachiisaa yoo taʼe iyyuu, ulfaataa taʼuus ni dandaʼa. Yeroo tokko tokko yaadni keenya inni mudaa qabu gufuu nutti taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, ilaalcha Yihowaan qulqullina naamusaa, qabeenya jaallachuu, hojii lallabaa, dhiiga karaa sirrii hin taaneen itti fayyadamuu ykn wantoota kan biraatiif qabu hubachuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Maal gochuu dandeenya ree? Yaada Yihowaa kan ofii keenyaa godhachuu irratti guddina gochuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti? Deebiin gaaffii kanaa yaada Waaqayyoo hubachuuf jecha Dubbii isaa qoʼachuu, irratti xiinxaluu fi yaada keenya yaada Waaqayyoo wajjin wal simsiisuu irratti kan hundaaʼe dha. w18.11 23-24 key. 2-4
Sanbadduraa, Fulbaana 12
Hamma yoomiitti anis gara keetti wawwaadha? Atis hamma yoomiitti warra humnaan nama irratti kaʼan jalaa nu hin oolchitu?—An. 1:2.
Anbaaqom kan jiraate yeroo baayʼee ulfaataa fi rakkisaa taʼe keessa dha. Namoota hamoo fi lola jaallataniin marfamee waan tureef baayʼee gaddeera. Hamminni isaanii kan dhaabbatu yoomi? Yihowaan utuu tarkaanfii hin fudhatin yeroo dheeraa kan ture maaliifi? Wanti Anbaaqom argu jalʼina haqaa fi hacuuccaa namoonni biyya isaa raawwatan qofa ture. Gargaarsa akka hin qabne isatti dhagaʼameera. Kanaaf yeroo dukkanaaʼaa kana keessatti Yihowaan gidduu akka galu isatti iyyate. Anbaaqom Yihowaan rakkina sanaaf xiyyeeffannaa akka hin kennine yaaduu jalqabee taʼuu dandaʼa. Waaqayyo yeroo dhihoo keessatti tarkaanfii kan hin fudhanne fakkaata ture. Miira tajaajilaa Waaqayyoo jaallatamaa taʼe kanaa hubachuu ni dandeessaa? Anbaaqom amanannaa Yihowaa irratti qabu dhabee turee? Amantii abdii Waaqayyoo irratti qabu eeggachuu dhiisee turee? Matumaa! Rakkina isaa fi yaaddoo isaa namatti utuu hin taʼin Yihowaatti himachuun isaa iyyuu abdii akka hin kutanne argisiisa. Dhugaa dha, yeroo Waaqayyo tarkaanfii itti fudhatu ykn Yihowaan haala rakkisaa akkasii keessa akka jiraatu maaliif akka heyyame hubachuu waan dadhabeef dhiphatee akka ture beekamaa dha. w18.11 14 key. 4-5
Dilbata, Fulbaana 13
Lafa irratti qabeenya kuufachuu dhiisaa.—Mat. 6:19.
Pheexirosii fi Indiriyaas warri qurxummii qabdoota turan, yommuu Yesuus ‘namoota akka qaban’ isaan afeeru, ‘kiyyoowwan isaanii dhiisaniiru.’ (Mat. 4:18-20) Dhugaa dha, yeroo harʼaa namoonni dhugaa baratan baayʼeen salphaadhumatti hojii isaanii dhiisuu hin dandaʼan. Itti gaafatamummaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe qabu. (1 Xim. 5:8) Haa taʼu malee, namoonni dhugaa baratan yeroo baayʼee ilaalcha qabeenyaaf qaban jijjiiruu fi wantoota dursa kennaniif sirreessuu qabu. Mee fakkeenya Maariyaa haa ilaallu. Goolfii taphachuun jireenya ishii kan ture siʼa taʼu, kaayyoon ishii goolfii taphachuu irratti beekamtuu taʼuudhaan qarshii guddaa argachuu ture. Achiis Maariyaan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kan jalqabde siʼa taʼu, jijjiirama dhugaan jireenya ishii keessatti akka gootu ishii gargaaretti baayʼee gammadde. Maariyaan qabeenya hafuuraa fi qabeenya qarshii wal faana hordofuun ulfaataa ishiitti taʼuu akka dandaʼu hubatteetti. (Mat. 6:24) Kanaaf, tapha goolfiitiin beekamtii argachuuf kaayyoo jireenya ishii guutuu hordofaa turte dhiisuudhaan gatii kaaffalteetti. Yeroo ammaa qajeelchituu taatee tajaajilaa kan jirtu siʼa taʼu, kunis “jireenya gammachiisaa kaayyoo hunda caalu qabu” akka taʼe dubbatteetti. w18.11 5 key. 9-10
Wiixata, Fulbaana 14
Kun anaaxicha ilma [Maariyaami dha].—Mar. 6:3.
Yesuus yommuu umuriin isaa waggaa 30 taʼu hojii anaaxii hojjechuu dhiiseera; sababiin isaas tajaajilaa taʼuun hojii baayʼee barbaachisaa taʼuu isaa beeka ture. Kaayyoon Waaqayyo gara lafaatti isa erge inni tokko Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo labsuu akka taʼe dubbateera. (Mat. 20:28; Luq. 3:23; 4:43) Yesuus tajaajilli hojii jireenya isaa keessatti xiyyeeffannaa isa duraa kennuuf akka taʼu kan godhe siʼa taʼu, warri kaanis akkas akka godhan barbaada ture. (Mat. 9:35-38) Nuti anaaxii taʼuu baannus tajaajiltoota misiraachichaa akka taane garuu beekamaa dha. Hojiin kun hojii baayʼee barbaachisaa Waaqayyo irratti hirmaatu waan taʼeef “nuti warra Waaqayyoo wajjin hojjennu” jedhamneerra. (1 Qor. 3:9; 2 Qor. 6:4) “Buʼuurri dubbii [Yihowaa] dhugaa” akka taʼe ni amanna. (Far. 119:159, 160, NW) Tajaajila keenya irratti, “dubbii dhugaa sirriitti barsiisuu” keenya mirkanaaʼoo taʼuu kan barbaannu kanaafi. (2 Xim. 2:15) Kanaaf, waaʼee Yihowaa, Yesuusii fi Mootummichaa barsiisuuf dandeettii meeshaa keenya isa guddaa, jechuunis Kitaaba Qulqulluutti fayyadamuu guddifachuu keenya itti fufuu qabna. w18.10 11 key. 1-2
Kibxata, Fulbaana 15
Warra dadhaban akka gargaartanii fi wanta Gooftaa Yesuus . . . dubbate sana [yaadadhaa].—HoE. 20:35.
Abbaan manaa tokko fakkeenya Yesuus Kiristoos isa mataa isaa taʼee yommuu hordofu haati manaa isaa “kabaja guddaa” isaaf kennuun ishiitti salphata. (Efe. 5:22-25, 33) Kabajni ishii kun immoo abbaan manaa ishiif akka yaaddu ishii kakaasa. Warri waliif akka yaadan yommuu argisiisan ijoollee isaaniitiif fakkeenya gaarii taʼu. Itti gaafatamummaa warri qaban keessaa inni guddaan ijoolleen isaanii warra kaaniif akka yaadan barsiisuu dha. Fakkeenyaaf, warri ijoolleen isaanii mooraa Galma Walgaʼii keessa akka hin fiigne isaan barsiisuu dandaʼu. Affeerraa irratti warri ijoolleen isaanii nyaata fudhachuuf hiriiranii yommuu jiran maanguddootaaf dursa akka kennan itti himuu dandaʼu taʼa. Mucaa xiqqaan tokko wanta gaarii taʼe tokko yeroo nuuf godhu tarii balbala yommuu nuuf banu isa galateeffachuu qabna. Kana gochuun ijoollee irratti dhiibbaa gaarii gochuu kan dandaʼu siʼa taʼu, ‘fudhachuu irra kennuun caalaatti akka nama gammachiisu’ hubachuuf isaan gargaara. w18.09 29 key. 5-6
Roobii, Fulbaana 16
Geggeessaan keessanis tokko, innis Kiristoos qofa.—Mat. 23:10.
Qajeelfama inni nuuf kennu irraa hubachuun akka dandaʼamutti, Yesuus Kiristoos inni Mootii keenya taʼe ammas taʼe gara fuulduraatti nu gargaara. Kanaaf, faayidaa jijjiiramawwan dhiheenya godhaman fudhachuudhaan argannutti haa gammadnu. Tarii jijjiiramawwan walgaʼii torbanii ykn tajaajila irratti godhaman irraa akkamitti akka fayyadamtan yeroo waaqeffannaa maatii gootan irratti mariʼachuudhaan jajjabina argachuu dandeessu. Miira qajeelfamawwan jaarmiyaan Yihowaa nuuf kennu duuba jiruu fi faayidaa isaan nuuf argamsiisan kan hubannu yoo taʼe, qajeelfama sana gammachuudhaan hordofuun keenya hin oolu. Barreeffamoota maxxanfaman hirʼisuu fi teknooloojiiwwan haaraatti fayyadamuun, qarshii keenya akka qusatuu fi hojii Mootummichaa addunyaa maratti babalʼisuuf akka gargaaru sirriitti beekna. Kan dandaʼamu taanaan, barreeffamoota bifa elektirooniksiitiin qophaaʼanii fi miidiyaa balʼinaan fayyadamuu dandeenya. Karaa kanaan, akkuma Kiristoos qabeenya jaarmiyichaatti ogummaadhaan fayyadamuun akka nu yaaddessu argisiisna. Qajeelfama Kiristoos garaadhaa yommuu deggerru, amantii warra kaanii ni jabeessina, akkasumas tokkummaadhaaf gumaacha goona. w18.10 25-26 key. 17-19
Kamisa, Fulbaana 17
Jaalala guddaa waan isiniif qabnuuf, misiraachoo Waaqayyoo qofa utuu hin taʼin, lubbuu keenya illee isinii kennuuf murteessinee turre.—1 Tas. 2:8.
Gara laafina akka Waaqayyoo yommuu argisiisnu, deebii kadhannaa nama dhiphate sanaa taʼuu dandeenya. (2 Qor. 1:3-6) Obboloota kee hafuuraa irraa gonkummaa hin eegin. Ilaalcha madaalamaa isaaniif qabaadhu. Obboloonni kee amala mudaa hin qabne akka qabaatan isaan irraa eeguun waan hin dandaʼamne taʼuu isaa irra iyyuu abdii si kutachiisuu dandaʼa. (Lal. 7:21, 22) Yihowaan wanta tajaajiltoota isaa irraa eegu wajjin haala wal qabateen, dhugaa jiru tilmaama keessa akka galchu yaadadhu. Nutis fakkeenya isaa yoo hordofne, hirʼina warra kaanii dandaʼuuf qophaaʼoo taana. (Efe. 4:2, 32) Wanti isaan gochaa jiran gaʼaa akka hin taane godhanii akka yaadan gochuu mannaa, wanta isaan gochaa jiran caqasii isaan galateeffadhu. Kun isaan jajjabeessuu dandaʼa. Garaadhaa galateeffachuun warra kaan jaalalaan ijaaruu fi tajaajila qulqulluu dhiheessan irratti ‘waan ittiin gammadan’ akka argatan gochuu dandaʼa. Nama tokko warra kaanii wajjin wal bira qabanii abdii kutachiisuu mannaa, kana gochuun keenya baayʼee gaariidha.—Gal. 6:4. w18.09 16 key. 16-17
Jimaata, Fulbaana 18
Nyaanni koo, fedhii isa na erge sanaa hojjechuu, hojii inni anaaf kennes guutummaatti raawwachuu dha.—Yoh. 4:34.
Yesuusiif nyaanni hafuuraa, qajeelfama Waaqayyoo hojii irra oolchuu kan dabalatu ture. Kun nyaataa wajjin wal fakkaachuu kan dandaʼu akkamitti? Akkuma yommuu nyaata gaarii nyaannu, qaamni keenya itti toluu fi wanta barbaadu argatu, fedhii Waaqayyoo raawwachuu irratti yommuu hirmaannus garaan keenya jajjabina argata, amantiin keenyas soorata jireenya bara baraatiif isa barbaachisu ni argata. Ogummaa jechuun adda durummaadhaan barumsa Waaqayyoo hojii irra oolchuu jechuu dha. (Far. 107:43) Faayidaan ogummaan argamsiisu carraaqqiin godhamuufii kan qabu dha. “Wanta ati caalaatti hawwitu keessaa kan isheedhaan qixxaatu hin jiru. . . . Isheen warra jabeessanii ishee qabataniif muka jireenyaa ti, warri jabeessanii ishee qabatan haa gammadan!” (Fak. 3:13-18) Yesuus, “Isin wantoota kana yoo beektanii fi yoo hojii irra oolchitan gammadoo dha” jedheera. (Yoh. 13:17) Barattoonni wanta Yesuus akka raawwatan isaan barsiise hojjechuu isaanii yoo itti fufan gammachuu itti fufiinsa qabu argatu. Barumsaa fi fakkeenya Yesuus kan fudhatan al tokko qofa yeruma sanaaf hin turre. Kutaa jireenya isaanii taʼee ture. w18.09 4 key. 4-5
Sanbadduraa, Fulbaana 19
Waaqayyo akka bifa isaatti nama uume.—Uma. 1:27.
Hiriyoonni gaaʼelaa jalqabaa dhaaba Eeden keessa kophaa isaanii jiraachaa kan turan taʼu illee, Waaqayyo qajeelfama nageenya warra kaaniitiif yaaduu akka qaban ibsu isaaniif kennee ture. Yihowaan Addaamii fi Hewwaaniin kan eebbise taʼuu isaa irra iyyuu, horanii baayʼachuudhaan lafa akka guutanii fi aangoo akka irratti qabaatan isaanitti dubbatee ture. (Uma. 1:28) Akkuma Uumaan keenya nageenyi uumama isaa baayʼee isa yaaddessu, Addaamii fi Hewwaanis gammachuu ijoollee isaanii warra booda dhalataniif yaaduu qabu turan. Jannanni faayidaa sanyii Addaamiif jecha babalʼatee lafa guutuu qaba ture. Hojii guddaan kun maatiin isaa inni guddachaa deemu walii galteedhaan akka hojjetan irraa barbaada. Dhiiraa fi dubartii mudaa hin qabne kanaaf, Jannata babalʼisuuf hojjechuun isaanii, kaayyoon Yihowaa akka raawwatamuuf guutummaatti isaa wajjin wal taʼiinsaan hojjechuudhaan boqonnaa isaatti galuu jechuu dha. (Ibr. 4:11) Hojii kana raawwachuun buʼaa guddaa akkamii akka qabu yaadaa! Nageenya warra kaaniitiif of kennuun isaanii eebba guddaa fi gammachuu guddaa isaaniif argamsiisa. w18.08 18-20 key. 2, 8-9
Dilbata, Fulbaana 20
Inni si gooftaa koo mooticha biratti maqaa koo balleesseera.—2 Sam. 19:27.
Ati hoo maqaa kee balleessuudhaaf dubbiin sobaa utuu dubbatame maal goota? Haalli rakkisaan akkasii Yesuusii fi Yohaannis Cuuphaa irras gaʼee ture. (Mat. 11:18, 19) Yesuus odeeffannoo sobaa kanaaf deebii kan kenne akkamitti? Himata isa irratti dhihaate kanaaf deebii kennuuf jecha yeroo fi humna isaa hunda hin balleessine. Kanaa mannaa, namoonni wanta dhugaa taʼe irratti, jechuunis wanta inni raawwatee fi wanta inni barsiise irratti akka xiyyeeffatan isaan jajjabeesseera. Akkuma Yesuus jedhe, “ogummaan qajeelaa taʼuun ishii hojii ishiitiin mirkaneeffameera.” (Mat. 11:19) Kana irraa barumsi barbaachisaan argannu tokko jira. Yeroo tokko tokko, namoonni waaʼee keenya wanta sirrii hin taane ykn wanta arbeeffame dubbatu taʼa. Haqa argachuu fi maqaa keenya isa badee ture iddootti deebisuuf wanta dandeenyu hunda gochuuf hawwina taʼa. Taʼus, wanti gochuu dandeenyu jira. Namni tokko waaʼee keenya wanta soba taʼe yoo dubbate, namni kam iyyuu soba kana hin amanu jennee yaaduu dandeenya. Akkuma fakkeenyi Yesuus argisiisutti, amalli Kiristiyaanummaa keenya inni gaariin dhugaa walakkaa taʼee fi himata sobaa haquu dandaʼa. w18.08 6 key. 11-13
Wiixata, Fulbaana 21
Ati Waaqayyoon gooftaa kee sodaadhu, isaaf hojjedhu, isatti maxxani.—Kes. 10:20.
Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu waaʼee ajajamuu diduu Qaayin, Solomoonii fi Israaʼeloota naannoo Tulluu Siinaa turan ibsan wanta wal isaan fakkeessu tokko qabu. Namoonni kun ‘yaada geddarachuu fi deebiʼuuf’ carraa argatanii turan. (HoE. 3:19) Kana irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Yihowaan namoota tarkaanfii dogoggoraa fudhatanitti dafee abdii hin kutatu. Yihowaan Aaroniif dhiifama godheera. Yeroo harʼaattis, Yihowaan seenaa Kitaaba Qulqulluu, barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan ykn gorsa Kiristiyaanni hidhata amantii keenya taʼe gaarummaadhaan nuu kennutti fayyadamee akeekkachiisa nuuf kenna taʼa. Akeekkachiisa nuu kenname kan fudhannu yoo taʼe, araara Yihowaa akka argannu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Gaarummaan Yihowaa inni guddaan kaayyoo qaba. (2 Qor. 6:1) “Wanta fedhii Waaqayyoo wajjin wal faallessuu fi hawwii addunyaa irraa akka fagaannu” carraa nuuf bana. (Tit. 2:11-14) Hamma “sirna [kana] keessa” jiraannetti, haalawwan Yihowaadhaaf guutummaatti kan bulle taʼuu keenya qoran nu mudachuu dandaʼu. Kanaaf, yoom iyyuu isa cinaa dhaabachuuf qophaaʼoo haa taanu! w18.07 21 key. 20-21
Kibxata, Fulbaana 22
Yihowaan warra kan isaa taʼan ni beeka.—2 Xim. 2:19.
Beekamtii addunyaa irraa argamu utuu hin taʼin, beekamtii Yihowaa irraa argamu barbaaduuf murtoo goone cimsachuu kan dandeenyu akkamitti? Kana gochuuf wantoota guguddaa lama yaadachuun nu barbaachisa. Tokkoffaa, Yihowaan yeroo hunda beekamtii kan kennu, namoota amanamummaadhaan isa tajaajilaniifi dha. (Ibr. 6:10; 11:6) Tajaajiltoota isaa hunda baayʼee dinqisiifata, akkasumas namoota isaaf amanamoo taʼan irraanfachuu akka ‘jalʼinaatti’ ilaala. Inni “karaa qajeelotaa duukaa buʼee in beeka,” akkasumas qorumsa keessaa akkamitti akka isaan baasu beeka. (Far. 1:6; 2 Phe. 2:9) Lammaffaa, Yihowaan karaa nuti matumaa hin eegneen beekamtii nuu kennuu dandaʼa. Namoonni, namoota biratti ilaalamuuf jecha qofa wanta gaarii hojjetan Yihowaa biraa gatii kam iyyuu akka hin arganne ibsameera. Maaliif? Duruma iyyuu gatii isaanii guutummaatti argataniiru. (Mat. 6:1-5) Haa taʼu malee, Yesuus namoota warra kaaniif wanta gaarii godhaniif galata isaaniif malu hin arganne Abbaan isaa ‘dhoksaatti akka ilaalu’ dubbateera. Gocha isaanii kana ni hubata, akkasumas gatii isaanii isaaniif ni kenna. w18.07 9 key. 8, 10
Roobii, Fulbaana 23
Wanta Waaqayyo qulqulleesse xuraaʼaa dha jechuu kee dhiisi.—HoE. 10:15.
Pheexiros wanta sagaleen sun isatti himuuf yaalii gochaa jiru hin hubannee ture. Yeruma sana, namoonni Qorneelewos biraa ergaman gara isaa dhufan. Pheexiros hafuura qulqulluu irraa qajeelfama erga fudhatee booda, namoota ergamanii dhufan sanaa wajjin gara mana Qorneelewos dhaqe. Pheexiros utuu wanta alaan mulʼatu irratti qofa hundaaʼee namoota irratti murteessa taʼee matumaa mana Qorneelewos hin seenu ture. Yihudoonni mana namoota Yihudoota hin taanee hin seenan turan. Utuma jibbi halaalaa guddaan akkasii jiruu Pheexiros gara mana Qorneelewos dhaquuf kan kakaʼe maaliifi? Pheexiros mulʼata argeen garaan isaa baayʼee waan tuqamee fi hafuura qulqulluu irraa jajjabina waan argateef ture. Wanta Qorneelewos jedhe erga dhaggeeffatee booda, Pheexiros, “Waaqayyo namoota akka wal hin caalchisne ani amma dhuguma hubadheera; kanaa mannaa, saba hundumaa keessaa namni isa sodaatuu fi wanta sirrii taʼe hojjetu isa biratti fudhatama qaba” jedhee kan dubbate hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee akka taʼe hin shakkisiisu. (HoE. 10:34, 35) Dhuguma iyyuu, Pheexiros hubannaa dinqisiisaa haaraa taʼee fi iddoo guddaa qabu argateera! w18.08 9 key. 3-4
Kamisa, Fulbaana 24
Wanta hamaa jibbaa.—Amo. 5:15.
Gochawwan Waaqayyo jibbu irraa fagaanneerra taʼa. Taʼus, sochiiwwan ykn bifawwan jireenyaa Kitaabni Qulqulluun kallattiidhaan seera hin kennine jiru. Gama kanaan, wanta Waaqayyo duratti fudhatama qabuu fi isa gammachiisu beekuu kan dandeenyu akkamitti? Qalbiin keenya inni Kitaaba Qulqulluudhaan leenjiʼe gaʼee kan qabaatu yeroo kanatti dha. Yihowaan jaalalaan kakaʼee qajeelfama qalbii keenya isa Kitaaba Qulqulluutiin leenjiʼe wajjin wal simu nuuf kenneera. Inni waaʼee ofii isaa akkana jedheera: “Ani Waaqayyo gooftaan kee isa wanta waaʼee siif baasu si barsiisuu fi isa karaa ati adeemtu irratti si geggeessuu dha.” (Isa. 48:17, 18) Sammuu fi garaa keenyatti fayyadamnee qajeelfama Kitaaba Qulqulluu irratti yoo yaadne, qalbii keenya sirreessuu, qajeelchuu fi leenjisuu dandeenya. Kunis murtoo ogummaa irratti hundaaʼe gochuuf nu gargaara. Dhugaan buʼuuraa, dhugaa bakka guddaa qabu ykn barumsa waan tokko yaaduuf ykn gochuuf akka buʼuuraatti tajaajilu dha. Dhugaa buʼuuraa tokko hubachuun, ilaalcha qaamni seera kenne sun qabuu fi sababii inni seera tokko itti kenne hubachuu dabalata. w18.06 17-18 key. 5, 8-10
Jimaata, Fulbaana 25
Qeesaariif gibira kaffaluun sirrii dha moo sirrii miti?—Mat. 22:17.
“Gareen warra Heroodisiin hordofan” dhimma kana kan kaasan, Yesuus gibira kaffaluun barbaachisaa akka hin taane yoo dubbate, namoota mootummaa irratti kakaaseera jedhanii isa himachuuf ture. Yesuus gibira kaffaluun dirqama akka taʼe yoo dubbate immoo, deggersa namoota isa duukaa buʼanii dhabuu dandaʼa ture. Yesuus dhimma gibira kaffaluu keessa galuu irraa walaba taʼee itti fufuuf of eeggannoo godheera. Akkana jedheera: Dhugaa dha, Yesuus malaanmaltummaan namoota qaraxa sassaaban biratti baramaa akka taʼe beeka ture. Taʼus, Yesuus kun yaanni isaa dhimma baayʼee barbaachisaa taʼe irratti, jechuunis Mootummaa Waaqayyoo isa furmaata dhugaa argamsiisu irratti akka hin xiyyeeffanne akka isa dhowwu gochuu hin barbaanne. Kanaaf, inni gama kanaan duuka buutota isaa hundaaf fakkeenya taʼeera. Dhimma sana kaasuun hammam iyyuu sirrii ykn haqa qabeessa fakkaatu illee, dhimmoota siyaasaa keessa galuu irraa of qusachuu qabu. Kiristiyaanonni Mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa ni barbaadu. Kanaaf, gochawwan jalʼina haqaa raawwataman tokko tokko ilaalchisee yaada mataa isaanii kennuu ykn mormuu irraa of qusatu. (Mat. 6:33) Dhugaa Baatonni Yihowaa baayʼeen ilaalchawwan siyaasaa cimaa kanaan dura qaban of irraa fageessuuf carraaqqiin godhan isaaniif milkaaʼeera. w18.06 6 key. 9-11
Sanbadduraa, Fulbaana 26
Warri waaqa irraa “Ilmaan Waaqayyoo” jedhaman, durboonni namootaa mimmiidhagoo akka taʼan argan.—Uma. 6:2.
Tarii Seexanni maleekota amanamoo hin taane kana kan qore saalqunnamtii akka raawwatan carraa isaaniif kennuudhaan qofa utuu hin taʼin, ilmaan namootaa irratti aangoo akka qabaatan isaaniif waadaa galuudhaanis taʼuu dandaʼa. Kaayyoon isaa ‘sanyiin dubartittii’ inni abdachiifame akka hin dhufne gochuuf taʼuu dandaʼa. (Uma. 3:15) Haa taʼu malee, Yihowaan inni akka milkaaʼu hin heyyamne. Bishaan badiisaa fiduudhaan kaayyoo Seexanaa fi jinniiwwanii hunda fashaleesseera. Kiyyoo saalqunnamtii raawwachuun ykn balaa ofittummaan qabu salphistanii hin ilaalinaa. Maleekonni Seexanaa wajjin taʼan, baroota hedduudhaaf Waaqayyo duratti tajaajilaa turaniiru. Garuu, baayʼeen isaanii hawwii gadheen isaan keessatti biqilee akka guddatu heyyamaniiru. Haaluma wal fakkaatuun, nutis jaarmiyaa Waaqayyoo kutaa isa lafaa irraa waggoota hedduudhaaf tajaajilleerra taʼa. Taʼus, karaa hafuuraa naannoo qulqulluu taʼe kana keessa utuma jiraannuu hawwii sirrii hin taane keessa keenyatti akka biqilu heyyemuu dandeenya. (1 Qor. 10:12) Yeroo hundumaa garaa keenya qoruudhaan, yaadawwan saalqunnamtii wajjin walqabatanii fi koora sirrii hin taane irraa fagaachuun keenya baayʼee barbaachisaa dha!—Gal. 5:26; Qol. 3:5. w18.05 25 key. 11-12
Dilbata, Fulbaana 27
Gaddi guddaanii fi cinqiin wal irraa hin cinne garaa koo keessa jira.—Rom. 9:2.
Phaawulos Yihudoonni ergaa Mootummichaa fudhachuu diduun isaanii abdii isa kutachiisee ture. Taʼus, inni isaaniif lallabuu isaa matumaa hin dhiisne. Kana malees, xalayaa Kiristiyaanota Roomaa keessa jiraniif barreesse irratti Yihudoota ilaalchisee wanta isatti dhagaʼame yommuu dubbatu maal akka jedhe qalbeeffadhaa: “Hawwiin garaa koo fi wanti ani saba Israaʼeliif Waaqayyotti wawwaadhu akka isaan fayyaniifi. Beekumsa sirrii taʼe irratti kan hundaaʼe taʼuu baatus, isaan Waaqayyoof akka hinaafan ani isaaniif dhugaa nan baʼa.” (Rom. 10:1, 2) Phaawulos Yihudootaaf lallabuu isaa kan itti fufe maaliif akka taʼe dubbateera. ‘Hawwii garaa isaatiin’ kakaʼee akka taʼe ibseera. Yihudoonni tokko tokko fayyina akka argatan hawwii garaa isaa ture. (Rom. 11:13, 14) Yihudoonni dhuunfaadhaan ergaa Mootummichaa akka fudhatan akka isaan gargaaruuf kadhannaadhaan Waaqayyotti wawwaachaa ture. Phaawulos itti dabaluudhaan, “Isaan Waaqayyoof akka hinaafan” dubbateera. Wanta gaarii isaan qaban irratti xiyyeeffateera. Akkuma Phaawulos hubatee ture, hinaaffaan sirrii taʼe namoonni garaa qajeelaa qaban jijjiiramanii barattoota Yesuus hinaaffaa qaban akka taʼan gargaaruu dandaʼa. w18.05 13 key. 4; 15-16 key. 13-14
Wiixata, Fulbaana 28
Akkuma barbaachisummaa isaatti wanta warra dhagaʼan ijaaruuf gaarii taʼe [dubbadhaa].—Efe. 4:29.
Hundi keenya iyyuu ‘wanta warra kaan barbaachisu’ hubachuuf dammaqoo taʼuu qabna. Phaawulos, “Harka laafee fi jilba dadhabe hunda jabeessaa; inni naafate akka fayyuuf malee, iddoo isaatii akka hin buqqaaneef miilla keessaniif daandii qajeelaa qopheeffachuu keessan itti fufaa” jedhee Kiristiyaanota Ibroota taʼan gorseera. (Ibr. 12:12, 13) Dargaggoota dabalatee, hundi keenya iyyuu dubbiidhaan wal jajjabeessuu dandeenya. Phaawulos gorsa kana kenneera: “Egaa isin Kiristoosii wajjin tokkummaa erga qabaattanii, jaalala isaaniif qabdaniin kakaatanii warra kaan kan cimsitanii fi jajjabeessitan erga taatanii, akkasumas warra kaaniif kan yaaddan, kan isaan jaallattanii fi garaa kan isaaniif laaftan erga taatanii, yaada tokkoo fi jaalala tokko qabaachuudhaan, guutummaatti tokkummaa qabaachuudhaan, akkasumas ilaalcha tokko qabaachuudhaan gammachuu koo guutuu anaaf godhaa. Gad of qabuudhaan warri kaan akka isin irra caalan godhaa yaadaa malee, morkiidhaan yookiin of tuulummaadhaan kakaatanii waan tokko illee hin godhinaa; faayidaa warra kaaniis yaadaa malee, faayidaa ofii keessanii qofa hin yaadinaa.”—Filp. 2:1-4. w18.04 22-23 key. 10, 12
Kibxata, Fulbaana 29
Akka namoota bilisa taʼaniitti jiraadhaa; . . . bilisummaa keessan . . . akka garboota Waaqayyootti itti fayyadamaa.—1 Phe. 2:16.
Yihowaan Yesuusitti fayyadamee seera cubbuu fi duʼaa jalaa bilisa akka baanu kan godhe, isaaf of murteessinee “akka garboota Waaqayyootti” akka jiraannu waan barbaaduufi. Bilisummaa keenya karaa sirrii hin taaneen fayyadamuu irraa fagaachuu fi deebine hawwii fi fedhii addunyaa kanaatiif garboota akka hin taane of eeggachuuf wantoota nu gargaaran keessaa inni guddaan, guutummaatti dhimmoota hafuuraa irratti xiyyeeffachuu dha. (Gal. 5:16) Fakkeenyaaf, waaʼee Noh isa nama amantii turee fi waaʼee maatii isaa ilaalaa. Kan jiraatan addunyaa lollii fi gadhiisiin itti babalʼate keessa ture. Taʼus, hawwii fi fedhii namoonni naannoo isaanii jiraatan itti qabamaniin hin liqimfamne. Kana gochuu kan dandaʼan akkamitti? Hojii Yihowaan isaaniif kenne hunda irratti, jechuunis doonii ijaaruu, wanta isaanis taʼan bineeldonni nyaatan kuusuu fi warra kaanitti akeekkachiisa labsuu irratti xiyyeeffachuu filataniiru. “Nohi akkuma Waaqayyo isa abboometti kana hundumaa hojjetee in raawwate.” (Uma. 6:22) Buʼaa akkamiitu argame ree? Nohii fi maatiin isaa badiisa addunyaa sana irra gaʼe irraa oolaniiru.—Ibr. 11:7. w18.04 10-11 key. 8, 11-12
Roobii, Fulbaana 30
Aangoo fi ulfina kana hunda siif nan kenna; wantoonni kun anaaf waan kennamaniif, ani abbaan barbaadeef nan kenna.—Luq. 4:6.
Seexannii fi jinniiwwan isaa “guutummaa lafaa” dogoggorsuuf mootummaa namootaatti qofa utuu hin taʼin, amantii sobaa fi sirna daldalaa addunyaattis ni fayyadamu. (Mul. 12:9) Seexanni amantii sobaatti fayyadamee waaʼee Yihowaa wanta soba taʼe babalʼisa. Kana malees, Diyaabilos hamma isaaf dandaʼametti namoonni maqaa Waaqaa akka irraanfatan gochuuf waan kutatee kaʼe fakkaata. (Er. 23:26, 27) Kanaan kan kaʼees, namoonni garaa qajeelaa qabanii fi Waaqayyoon waaqeffachaa akka jiran yaadan, utuu hin beekin jinniiwwan waaqeffachaa jiru. (1 Qor. 10:20; 2 Qor. 11:13-15) Seexanni sirna daldalaattis fayyadamee soba babalʼisaa jira. Fakkeenyaaf, sirni kun yeroo baayʼee namoonni caalaatti gammachuu argachuu kan dandaʼan qarshii fi qabeenya baayʼee yoo kuufatan akka taʼe barsiisa. (Fak. 18:11) Namoonni soba kanatti amanan jireenya isaanii Waaqayyoon tajaajiluu mannaa “qabeenya” argachuuf hojjechuudhaan dabarsu. (Mat. 6:24) Suutuma suuta immoo, jaalalli isaan qabeenyaaf qaban jaalala Waaqayyoof qaban balleessuu dandaʼa.—Mat. 13:22; 1 Yoh. 2:15, 16. w18.05 23 key. 6-7