LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es20 ful. 98-108
  • Onkoloolessa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Onkoloolessa
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2020
  • Matadureewwan Xixiqqaa
  • Kamisa, Onkoloolessa 1
  • Jimaata, Onkoloolessa 2
  • Sanbadduraa, Onkoloolessa 3
  • Dilbata, Onkoloolessa 4
  • Wiixata, Onkoloolessa 5
  • Kibxata, Onkoloolessa 6
  • Roobii, Onkoloolessa 7
  • Kamisa, Onkoloolessa 8
  • Jimaata, Onkoloolessa 9
  • Sanbadduraa, Onkoloolessa 10
  • Dilbata, Onkoloolessa 11
  • Wiixata, Onkoloolessa 12
  • Kibxata, Onkoloolessa 13
  • Roobii, Onkoloolessa 14
  • Kamisa, Onkoloolessa 15
  • Jimaata, Onkoloolessa 16
  • Sanbadduraa, Onkoloolessa 17
  • Dilbata, Onkoloolessa 18
  • Wiixata, Onkoloolessa 19
  • Kibxata, Onkoloolessa 20
  • Roobii, Onkoloolessa 21
  • Kamisa, Onkoloolessa 22
  • Jimaata, Onkoloolessa 23
  • Sanbadduraa, Onkoloolessa 24
  • Dilbata, Onkoloolessa 25
  • Wiixata, Onkoloolessa 26
  • Kibxata, Onkoloolessa 27
  • Roobii, Onkoloolessa 28
  • Kamisa, Onkoloolessa 29
  • Jimaata, Onkoloolessa 30
  • Sanbadduraa, Onkoloolessa 31
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2020
es20 ful. 98-108

Onkoloolessa

Kamisa, Onkoloolessa 1

Warra booʼanii wajjin booʼaa.—Rom. 12:15.

Nuti akka Yihowaa fi Yesuus yaadaa fi miira namoota keessa jiru ilaaluu hin dandeenyu. Taʼus, miira isaanii fi wanta warra kaaniif barbaachisu hubachuuf yaaluu ni dandeenya. (2 Qor. 11:29) Addunyaa ofittoo naannoo keenya jiru irraa haala adda taʼeen, nuti, ‘faayidaa warra kaaniis malee, faayidaa ofii keenyaa qofa hin yaadnu.’ (Filp. 2:4) Keessumaa jaarsoliin gumii akka namootaaf yaadan argisiisuun isaan barbaachisa. Hoolota akka eegan adaraadhaan isaanitti kennamaniif itti gaafatamummaan akka isaan irra jiru beeku. (Ibr. 13:17) Jaarsoliin namoota hidhata amantii isaanii taʼan gargaaruuf, isaan hubachuun isaanii barbaachisaa dha. Jaarsoliin warra kaaniif akka yaadan akkamitti argisiisuu dandaʼu? Jaarsi namaaf yaadu tokko Kiristiyaanota obboloota isaa taʼanii wajjin yeroo dabarsa. Gaaffii isaan gaafata, achiis xiyyeeffannaa fi obsaan isaan dhaggeeffata. Kun keessumaa yeroo hoolota jaallatamoo kana keessaa tokko wanta garaa isaa dubbachuu barbaaduu fi yaada isaa ibsuu dadhabutti baayʼee barbaachisaa dha. (Fak. 20:5) Jaarsi tokko fedhiidhaan yeroo isaa yommuu kennu, obboloonni isaa amanannaa isa irratti qabaatu, akkasumas isaanii wajjin michummaa fi jaalala guddaa uumuu dandaʼa.—HoE. 20:37. w19.03 17 key. 14-17

Jimaata, Onkoloolessa 2

Dubbiin yeroo isaatti dubbatamu, akka killa hudha qabuu isa meetiidhaa fi warqee itti naqanii miidhagsanii ti.—Fak. 25:11.

Galateeffannaan nyaata gaarii wajjin wal fakkaata; kanaaf, yommuu walii hiran caalaatti nama gammachiisa. Namoonni kaan akka nu galateeffatan yommuu nutti dhagaʼamu ni gammanna. Galateeffannaa keenya yommuu warra kaaniif ibsinu immoo, akka isaan gammadan goona. Namni nuti galateeffannu sun, nu gargaaruuf ykn wanta tokko nuu kennuuf carraaqqiin inni godhe gatii akka qabu ni hubata. Kanaan kan kaʼes, michummaan gidduu keenya jiru caalaatti cima. Galateeffannaa keenya jechaan ibsuun gatii guddaa qaba. Poomiin warqii irraa hojjetamee fi miʼa meetii irra kaaʼame tokko hangam akka bareedu yaadaa! Kana malees, hammam gatii guddaa qabaachuu akka dandaʼu mee yaadaa! Kennaan akkasii yoo isiniif kenname maaltu isinitti dhagaʼama? Galateeffannaan isin warra kaaniif ibsitan akkasuma gatii guddaa qabaachuu dandaʼa. Mee dhugaa kanas yaadaa: Poomiin warqii irraa hojjetame yeroo dheeraadhaaf turuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, namni isin galateeffannaa keessan ibsitaniif sunis wanta isin dubbattan sana umurii isaa guutuu yaadachuu dandaʼa. w19.02 15 key. 5-6

Sanbadduraa, Onkoloolessa 3

Namni hamaa fi gaarii beekuu isaatiin nu keessaa akka isa tokkoo taʼeera.—Uma. 3:22.

Addaamii fi Hewaan firii muka gaarii fi hamaa irraa yommuu nyaatan, Yihowaa fi ulaagaa isaatiif maaltu akka isaanitti dhagaʼamu gocha isaaniitiin ifatti argisiisaniiru. Gaarii fi hamaa ilaalchisee ulaagaa mataa isaanii baafachuu filataniiru. Haa taʼu malee, mee wanta isaan dhaban yaadi. Michummaa Yihowaa wajjin qaban, carraa bara baraaf jiraachuu dhabaniiru, akkasumas cubbuu fi duʼa ijoollee isaanitti dabarsaniiru. (Rom. 5:12) Amala Addaamii fi Hewaan argisiisan, deebii namni Itoophiyaa xuʼaashii taʼe tokko yommuu Filiphoos isaaf lallabetti kennee wajjin wal bira qabii ilaali. Xuʼaashichi wanta Yihowaa fi Yesuus isaaf godhan baayʼee waan dinqisiifateef, yeruma sana cuuphameera. (HoE. 8:34-38) Nutis of murteessinee yommuu cuuphamnu, akkuma xuʼaashii sanaa Yihowaa fi ulaagaa isaatiif maaltu akka nutti dhagaʼamu gocha keenyaan ifatti argisiisna. Wanta Yihowaa fi Yesuus nuuf godhaniif dinqisiifannaa akka qabnu argisiisna. Kana malees, Yihowaa amanachuudhaan, gaarii fi hamaa ilaalchisee ulaagaa baasuu kan qabu isa taʼuu isaa amannee akka fudhanne argisiisna. w19.03 2 key.1-2

Dilbata, Onkoloolessa 4

Amanamummaa koo hin dhiisu!—Iyo. 27:5, NW.

Amanamummaan nu tajaajiltoota Waaqayyootiif yeroo itti hojjetamu, akka qaama tokkootti Yihowaa garaa guutuudhaan jaallachuu fi guutummaatti isaaf kan bulle taʼuudhaan murtoo keenya hundumaa irratti fedhii isaa dursuu jechuu dha. Hiikni jecha Kitaaba Qulqulluu “amanamummaa” jedhu inni buʼuuraa, mudaa kan hin qabne, fayyaa ykn hirʼina kan hin qabne jechuu dha. Fakkeenyaaf, Israaʼeloonni Yihowaadhaaf horii aarsaa godhanii kan kennan siʼa taʼu, Seerichi horiin sun fayyaa taʼuu akka qabu dubbata. (Lew. 22:21, 22) Sabni Waaqayyoo horii naafa, gurri irraa cite ykn iji jaames taʼe, dhukkubsataa taʼe aarsaadhaaf akka dhiheessan isaaniif hin heyyamamu ture. Horiin sun guutuu, fayyaa ykn hirʼina kan hin qabne taʼuun isaa Yihowaadhaaf iddoo guddaa qaba ture. (Mil. 1:6-9) Yihowaan fayyaa ykn guutuu taʼuudhaaf xiyyeeffannaa kan kennu maaliif akka taʼe hubachuu ni dandeenya. Kuduraa, kitaaba ykn meeshaa tokko yommuu binnu, uraa ykn caba kan qabu akka taʼu hin barbaannu. Isa guutuu, fayyaa ykn hirʼina hin qabne bitachuu barbaanna. Yihowaanis jaalalaa fi amanamummaa isaaf qabnu ilaalchisee akkasuma itti dhagaʼama. Guutuu ykn hirʼina kan hin qabne taʼuu qaba. w19.02 3 key. 3

Wiixata, Onkoloolessa 5

Ani seera kee attam nan jaalladha! Ani guyyaa guutuu irra-deddeebiʼee itti nan yaada.—Far. 119:97.

Garaa keenya eeguuf dhiibbaan dogoggoraa akka nu irratti hin godhamne cufuu qofa utuu hin taʼin, dhiibbaa gaariidhaaf banuu qabna. Magaalaa durii dallaadhaan marfamtee namni karra eegu tokko diinni gara magaalichaatti seenee akka hin weerarre karra magaalichaa ni cufa; yeroo kan biraatti garuu nyaannii fi wantoonni kan biraan akka ol galaniif karricha ni bana. Karrawwan sun matumaa yoo banamuu baatan jiraattonni magaalichaa ni beelaʼu. Haaluma wal fakkaatuun, nutis dhiibbaa yaada Waaqayyootiif yeroo hunda garaa keenya banuu qabna. Kitaabni Qulqulluun yaada Yihowaa qabateera, kanaaf, yeroo isa dubbisnu hundatti, yaadni Yihowaa yaada, miiraa fi gocha keenya irratti dhiibbaa akka godhu heyyamna. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu keenya irraa caalaatti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? Kadhannaan “wanta dinqisiisaa” dubbii isaa keessa jiru sirriitti ‘arguuf’ nu gargaara. (Far. 119:18) Kana malees, wanta dubbisne irratti xiinxaluu qabna. Yeroo kadhannu, dubbisnuu fi xiinxallu, Dubbii Waaqayyoo ‘yaada keenyatti qabanna,’ akkasumas yaada Yihowaa caalaatti jaallanna.—Fak. 4:20-22. w19.01 18 key. 14-15

Kibxata, Onkoloolessa 6

Yeroo hunda . . . Waaqayyoof aarsaa galataa haa dhiheessinu.—Ibr. 13:15.

Yihowaan dandeettii fi haala gara garaa akka qabnu ni beeka, aarsaa nuti isaaf dhiheessinus guddaa dinqisiifata. Mee gosa aarsaa inni Israaʼeloota irraa fudhachaa ture yaadaa. Israaʼeloonni tokko tokko xobbaallaa hoolaa ykn reʼee kennuu dandaʼu turan. Namni Israaʼel hiyyeessa taʼe tokko garuu, “gugee horaa lama yookiis gugee ishee kaan sosokkee lama” dhiheessuu ni dandaʼa. Namni Israaʼel tokko warra kana lamaan keessaa tokko iyyuu dhiheessuu yoo dadhabe, Yihowaan “daakuu qamadii baʼeessaa eefaa tokko keessaa harka kurnaffaa” fudhata ture. (Lew. 5:7, 11) Daakuun gatiin isaa xiqqaa taʼus, ‘daakuu baʼeessa’ hamma taʼetti Yihowaan aarsaa sana ni dinqisiifata ture. Waaqni keenya inni gaarummaa qabu yeroo harʼaas akkasuma isatti dhagaʼama. Yommuu yaada kenninu, hundi keenya akka Apholos baʼeessa goonee akka dubbannu ykn akka Phaawulos akka nama amansiisnu nu irraa hin eegu. (HoE. 18:24; 26:28) Wanti Yihowaan nu irraa eegu, hamma dandeettii keenyaa yaada baʼeessa akka kenninu dha. Dubartii abbaan manaa irraa duʼee fi saantima xixiqqoo lama kennite sana yaadadhaa. Ishiin wanta kennuu dandeessu isa baʼeessa waan kenniteef, Yihowaan iddoo guddaa ishiidhaaf kenneera.—Luq. 21:1-4. w19.01 8-9 key. 3-5

Roobii, Onkoloolessa 7

Maqaa kootiif jettanii nama hundumaa biratti kan jibbamtan taatu.—Mat. 10:22.

Duuka buutota Kiristoos waan taaneef, jibbi akka nu irra gaʼu ni eegna. Yesuus guyyoota dhumaatti barattoonni isaa garmalee akka ariʼataman raajii dubbateera. (Mat. 24:9; Yoh. 15:20) Raajiin Isaayaas, diinonni keenya nu jibbuu caalaa iyyuu, meeshaawwan waraanaa adda addaatti akka fayyadaman nu akeekkachiiseera. Meeshaawwan waraanaa kun, gowwoomsaa dhokataa, soba guddaa fi ariʼatama suukanneessaa dabalatu. (Mat. 5:11) Yihowaan diinonni keenya meeshaawwan waraanaa kanatti fayyadamanii waraana akka nu irratti hin banne hin dhorku. (Efe. 6:12; Mul. 12:17) Haa taʼu malee, sodaachuun nu hin barbaachisu. Yihowaan, “miʼi waraanaa” nuuf qopheeffamu kam iyyuu ‘nu miidhuu akka hin dandeenye’ dubbateera. (Isa. 54:17) Akkuma masaraan tokko obonboleettii miidhaa geessisu irraa nu eegu, Yihowaanis ‘wanta afaan jalʼootaa keessaa baʼu’ irraa nu eega. (Isa. 25:4, 5) Diinonni keenya miidhaa itti fufiinsa qabu nu irraan geessisuudhaan matumaa milkaaʼina hin argatan. (Isa. 65:17) Diinonni saba Waaqayyoo “in dhumu malee, waaʼee hin baasan.”—Isa. 41:11, 12. w19.01 6-7 key.13-16

Kamisa, Onkoloolessa 8

Bakka hafuurri Yihowaa jirus bilisummaan jira.—2 Qor. 3:17.

Dargaggootaa,Yihowaan bilisummaa ni jaallata, nuti jaalala akka qabaannu godhee nu uumeera. Haa taʼu malee, bilisummaa keessan itti gaafatamummaan akka isinitti dhagaʼamu karaa argisiisuun akka itti fayyadamtan barbaada, kunis eegumsa isiniif godha. Tarii namoota poornoogiraafii ilaalan ykn ejja raawwatanii fi ispoortiiwwan miidhaa geessisan irratti hirmaatan ykn qoricha sammuu namaa hadoochuu fi dhugaatii alkoolii karaa sirrii hin taaneen itti fayyadaman ni beektu taʼa. Namoonni kun gammachuu yeroo muraasaaf argatanitti akka gammadan beekamaa dha. Haa taʼu malee, yeroo baayʼee gammachuu kana argachuuf tarii dhukkubaaf saaxilamu, araadaan qabamu ykn duʼaaf saaxilamuu illee ni dandaʼu. (Gal. 6:7, 8) Eeyyee, “bilisummaan” isaanii of gowwoomsuu dha. (Tit. 3:3) Kanaa wajjin yommuu wal bira qabamu, ulaagaa Kitaaba Qulqulluu cimsanii hordofuu isaaniitiin kan kaʼe namoota dhukkubsatan meeqa beektu? Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti Yihowaadhaaf ajajamuun gaarii dha, akkasumas bilisa nama baasa. (Far. 19:7-11) Kana malees, seerawwanii fi dhugaawwan buʼuuraa Waaqayyoo warra hirʼina hin qabneef ajajamuuf filachuudhaan, bilisummaa keessan ogummaadhaan yommuu itti fayyadamtan, bilisummaan dabalataa isiniif kennamuu akka dandaʼu Waaqayyottis taʼe warra keessanitti argisiistu.—Rom. 8:21. w18.12 22-23 key. 16-17

Jimaata, Onkoloolessa 9

Dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa, haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in taʼu.—Uma. 2:24.

Cubbuun Addaam jijjiirama akka fide ni beekna. Jijjiirama kana keessaa tokko duʼa siʼa taʼu, kunis gaaʼela irratti dhiibbaa godheera. Yaada Phaawulos Kiristiyaanonni Seera Musee jala akka hin jirre ibsuudhaan barreesse irraa kana hubachuu dandeenya. Phaawulos duuti gaaʼelli tokko akka diigamu akka godhuu fi hiriyaan gaaʼelaa inni lubbuudhaan jiru, sana booda gaaʼela godhachuu akka dandaʼu ibseera. (Rom. 7:1-3) Seerri Waaqayyo saba Israaʼeliif kenne gaaʼela ilaalchisee ibsa balʼaa kenna. Seerri kun barsiifata haadha manaa tokkoo ol fuudhuu isa Waaqayyo Seericha Israaʼelootaaf kennuu isaa dura ture heyyameera. Haa taʼu malee, seerichi dubartii fi ijoollee irra miidhaan akka hin geenye eegumsa godheera. Fakkeenyaaf, namni Israaʼel tokko garba tokko yoo fuudhee fi sana booda immoo haadha manaa lammaffaa yoo fuudhe, nyaata, uffataa fi dirqama gaaʼelaa haadha manaa ishii jalqabaatiif barbaachisu irraa hirʼisuu hin qabu ture. Eegumsaa fi kunuunsa akka inni ishiidhaaf godhu Waaqayyo isa irraa eega. (Bau. 21:9, 10) Nuti Seericha jala jiraachuu baannus, ilaalcha Yihowaan gaaʼelaaf qabu Seericha irraa barachuu ni dandeenya. Kun gaaʼelaaf kabaja akka qabaattan isin hin godhuu? w18.12 10 key. 3; 11 key. 5-6

Sanbadduraa, Onkoloolessa 10

Wanta . . . isinitti himame iyyuu isin amanuu hin dandeenye.—An. 1:5.

Anbaaqom dhiphinaa fi yaaddoo isaa Yihowaatti erga himatee booda, Yihowaan akkamitti deebii akka kennu yaadee taʼuu dandaʼa. Yihowaan abbaa namaaf yaaduu fi nama hubatu waan taʼeef, iyyata Anbaaqom garaa qulqulluudhaan dhiheesseef isatti hin dheekkamne. Waaqayyo iyyanni isaa kun dhiphinaa fi gadda irraa kan madde akka taʼe beeka ture. Yihowaan jechoota Yihudoota daandii isaa irraa maqan ilaallatanitti fayyadamuudhaan, wanta yeroo dhihoo keessatti raawwatamu Anbaaqomitti beeksiseera. Yihowaan dhumni bara hamaa sun dhihaachuu isaa yeroo jalqabaatiif kan hime Anbaaqomitti taʼuu dandaʼa. Yihowaan tarkaanfii fudhachuuf qophaaʼaa taʼuu isaa Anbaaqomitti argisiiseera. Adabni dhaloota lola jaallatuu fi hamaa taʼe sanaa baayʼee dhihaateera. Yihowaan yaada “bara keessan keessa” jedhutti fayyadamuudhaan murtiin kun kan raawwatamu bara jireenyaa raajichaatti ykn namoota yeroo sana keessa jiraataniitti taʼuu isaa argisiiseera. Deebiin Yihowaan kenne matumaa wanta Anbaaqom eege hin turre. Kun deebii iyyata isaatiif kenname turee? Wanti Yihowaan isatti hime dhiphinni Yihudoota hundaa dabalaa akka adeemu kan argisiisu ture. w18.11 15 key. 7-8

Dilbata, Onkoloolessa 11

Fedhiin Waaqayyoo, akaakuun namootaa hundi akka fayyanii fi beekumsa dhugaa isa sirrii taʼe akka argatani dha.—1 Xim. 2:4.

Akaakuu namootaa hedduu hamma ammaatti dhugaa hin baratiniif ilaalcha akkamii qabda? Phaawulos ergamaan mana sagadaa keessaa namoota hamma tokko waaʼee Waaqayyoo beekan barbaadaa kan ture taʼus, carraaqqii isaa Yihudoota qofa irratti hin daangessine ture. Fakkeenyaaf, adeemsa misiyoonummaa Phaawulos isa jalqabaa irratti, namoonni Liqaaʼoniyaa innii fi Barnaabaas, Zuusii fi Hermees waaqolii sobaa isaanii warra humna guddaa qaban akka taʼanii fi bifa namaatiin akka mulʼatan yaaduudhaan dogoggoraan isaan hubatanii turan. Phaawulosii fi Barnaabaas carraa kanatti fayyadamanii beekamtii argachuuf qoramanii turanii? Haalli kun ariʼatama magaalaawwan kanaan dura daawwatan lamaan keessatti isaan irra gaʼe hundumaa irraa akka isaan boqochiisu isaanitti dhagaʼamee turee? Beekamtii argachuun misiraachicha babalʼisuuf gargaaruu dandaʼa jedhanii yaadanii turanii? Matumaa! Kanaa mannaa, yeruma sana uffata isaanii tarsaasanii morman, akkasumas tuuta namootaa sana keessa seenanii, “Maaliif wanta akkasii gootu? Nuti namoota akkuma keessan dadhabina qabnu dha” jedhanii iyyan.—HoE. 14:8-15. w18.09 4-5 key. 8-9

Wiixata, Onkoloolessa 12

Namoonni jalʼoota taʼan Mootummaa Waaqayyoo akka hin dhaalle hin beektanii? . . . Isin keessaa tokko tokkos namoota akkanaa turtan. Haa taʼu malee, . . . dhiqamtanii qulqullooftaniittu, . . . akkasumas qajeelota jedhamtaniittu.—1 Qor. 6:9, 11.

Dhugaa fudhachuu fi ulaagaa naamusaa Kitaaba Qulqulluutiin jiraachuuf, yaadaa fi amala keenya irratti jijjiirama gochuuf fedhii qabaachuu qabna. Jijjiirama kana ilaalchisee yaada Pheexiros akkas jedhee barreesse hubadhaa: “Akka ijoollee ajajamaniitti, hawwii isa yeroo wallaalummaadhaan turtan sanaan tolfamuu keessan dhiisaa; kanaa mannaa . . . amala keessan hundumaan qulqulloota taʼaa.” (1 Phe. 1:14, 15) Namoota magaalaa Qorontos ishii karaa naamusaa mancaate keessa jiraataniif, dhugaa bitachuu jechuun akkaataa jireenyaa isaanii irratti jijjiirama guddaa gochuu jechuu ture. Yeroo harʼaas namoonni hedduun dhugaa bitachuu akka dandaʼaniif, amala Waaqayyoon hin gammachiisne dhiisaniiru. Pheexiros itti dabaluudhaan Kiristiyaanota bara isaa turan, “Yeroon duraa inni isin addaggummaadhaan, kajeellaa toʼannaa hin qabneen, akka malee dhuguudhaan, gadhiisiidhaan, dorgommiidhaan hedduu dhuguu fi waaqolii tolfamoo jibbisiisaa taʼan waaqeffachuudhaan fedhii namoota addunyaa raawwachaa itti turtan ni gaʼa” jedhee gorseera.—1 Phe. 4:3. w18.11 6 key. 13

Kibxata, Onkoloolessa 13

Warri jireenya bara baraa argachuuf kakaʼumsa sirrii qaban hundis amantoota taʼan.—HoE. 13:48.

Warra “jireenya bara baraa argachuuf kakaʼumsa sirrii qaban” beekuu kan dandeenyu akkamitti? Akkuma jaarraa jalqabaatti ture karaan namoota akkanaa argachuu itti dandeenyu isaaniif dhugaa baʼuudhaan qofa dha. Kanaaf, akkuma Yesuus barsiise, ‘magaalaa yookiin ganda kamitti iyyuu yommuu seennu, nama nu simatee ergaa keenya fudhatu barbaaduu’ qabna. (Mat. 10:11) Namoonni garaa qajeelaa hin qabne, warri of tuulanii fi wantoota hafuuraatiif dantaa hin qabne misiraachichaaf deebii gaarii kennu jennee hin eegnu. Kanaaf namoota amanamoo, gad of qaboo fi dhugaa beelaʼan barbaanna. Barbaacha kana carraaqqii Yesuus yeroo anaaxii turetti muka miʼa manaa, balbala, waanjoo ykn wantoota biraa hojjechuuf taʼu barbaaduuf godhu wajjin wal fakkeessuu dandeenya. Yesuus muka mijataa taʼe erga argatee booda meeshaalee anaaxii ittiin hojjetuu fi dandeettii isaatti fayyadamee miʼa barbaadamu sana hojjechuu dandaʼa. Nutis namoonni garaa qajeelaa qaban barattoota akka taʼan gochuuf yommuu carraaqnu akkasuma gochuu qabna.—Mat. 28:19, 20. w18.10 12 key. 3-4

Roobii, Onkoloolessa 14

Filiphoos gara magaalaa Samaariyaatti gad buʼee Kiristoosiin isaaniif lallabuu jalqabe.—HoE. 8:5.

Filiphoos inni lallabaa wangeelaa taʼe, haalawwan yoo jijjiiraman iyyuu tajaajila isaa irratti xiyyeeffachuudhaan fakkeenya gaarii taʼeera. Yerusaalem keessatti Isxifaanos ajjeefamuu isaa booda ariʼatamni cimaan kaʼee ture. Yeroo kanatti, Filiphoos mirga tajaajilaa haaraa argatee ture. (HoE. 6:1-6) Haa taʼu malee, duuka buutonni Kiristoos yommuu faffacaʼan Filiphoos homaa utuu hin godhin callisee taaʼuu hin dandeenye. Kanaaf, magaalaa Samaariyaa bakka misiraachichi yeroo sana balʼinaan itti hin lallabamnetti lallabuuf adeeme. (Mat. 10:5; HoE. 8:1) Filiphoos bakka hafuurri Waaqayyoo itti isa qajeelche hundumaa deemuuf fedhii waan qabuuf, Yihowaan naannoo tajaajilaa haaraa akka banuuf itti fayyadameera. Loogii malee namoota hundumaatti kan dhihaatu taʼuun isaa namoota Samaariyaa warra Yihudoonni tuffatan gammachiisee taʼuu dandaʼa. Kanaan kan kaʼes, namoonni sun “hundi isaanii” isa dhaggeeffachuun isaanii nama hin dinqisiisu! (HoE. 8:6-8) Filiphoos haalli isaa jijjiiramaa kan ture taʼus, tajaajila isaa irratti xiyyeeffachuu isaa itti fufeera, kanaan kan kaʼes, Yihowaan isaa fi maatii isaa baayʼisee eebbiseera.—HoE. 21:8, 9. w18.10 30 key. 14-16

Kamisa, Onkoloolessa 15

Jaalalaa fi hojii gaariidhaaf wal kakaasuuf, xiyyeeffannaa waliif haa kenninu.—Ibr. 10:24.

Yeroo tokko yommuu Yesuus naannoo Dikaappoolis keessa turetti namoonni “nama gurri isaa duudee fi arrabni isaa hidhame tokko gara isaatti fidan.” (Mar. 7:31-35) Yesuus namoota fuulduratti isa fayyisuu mannaa ‘kophaatti isa baasee’ fayyise. Maaliifi? Namichi kun hirʼinni inni qabu namoota hedduu keessatti akka qaanaʼu isa godhee taʼuu dandaʼa. Tarii Yesuus kana waan hubateef kophaatti isa baasee isa fayyise. Dhugaadha, nuti dinqiidhaan namoota fayyisuu hin dandeenyu. Taʼus, warra hidhata amantii keenya taʼaniif wantoota barbaachisanii fi miira isaaniitiif akka yaadnu argisiisuu ni dandeenya akkasumas kana gochuu qabna. Yesuus miira nama gurri isaa duude sanatti dhagaʼame hubachuudhaan gaarummaadhaan isa fayyiseera. Haaluma wal fakkaatuun, nutis maanguddootaa fi warra qaamaan dadhaboo taʼaniif akka yaadnu argisiisuu qabna. Gumiin Kiristiyaanaa hojii tokko akka gaariitti hojjechuu qofaan utuu hin taʼin jaalalaan beekama. (Yoh. 13:34, 35) Jaalalli akkanaa kun, warri dulloomanii fi hirʼina qaamaa qaban walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti akka argamanii fi misiraachicha akka lallaban gargaaruuf carraaqqii akka goonu nu kakaasa. Wanti isaan gochuu dandaʼan kan daangeffame taʼu illee kana gochuun keenya barbaachisaa dha.—Mat. 13:23. w18.09 29-30 key. 7-8

Jimaata, Onkoloolessa 16

Tokkoon tokkoon keenya wanta gaarii isaaniif gochuu fi isaan cimsuudhaan warra kaan haa gammachiisnu.—Rom. 15:2.

Hoolonni Yihowaa hundi, isaa fi Yesuus isa aarsaa furii dhiheesse biratti gatii guddaa qabu. (Gal. 2:20) Obboloota keenya hafuuraatiif jaalala guddaa qabna. Akkasumas gara laafinaa fi jaalalaan isaan kunuunsuu barbaanna. Madda jajjabinaa taʼuudhaaf, “wantoota nagaa argamsiisanii fi wantoota wal ijaaruuf gargaaran haa hordofnu.” (Rom. 14:19) Hundi keenya Jannata dhufu keessatti yeroo wanti abdii nu kutachiisu tokko illee hin jiraanne hawwii guddaadhaan eegganna! Dhukkubni, waraanni, duuti cubbuu dhaalleen dhufu, ariʼatamni, walitti buʼiinsi maatii gidduutti uumamuu fi abdii kutachuun hin jiraatu. Waggaan kumni yommuu darbu, ilmaan namootaa cubbuu irraa walaba taʼu. Warri qorumsa isa dhumaa darban, ilmaan Yihowaa warra lafa irra jiraatan taʼuudhaan, “bilisummaa ijoollee Waaqayyoo isa ulfina qabeessa” argatu. (Rom. 8:21) Hundi keenya jaalala isa nama ijaaru argisiisuu fi galma gammachiisaa fi gatii guddaa qabu kana argachuuf wal gargaaruu keenya itti haa fufnu. w18.09 14 key. 10; 16 key. 18

Sanbadduraa, Onkoloolessa 17

Ani seera kee attam nan jaalladha! Ani guyyaa guutuu irra-deddeebiʼee itti nan yaada.—Far. 119:97.

Qoʼachuun irra keessa dubbisuu fi deebii gaaffii qoʼannaadhaaf qophaaʼe jala muruu caalaa wanta gaafatu qaba. Yommuu qoʼannu barumsichi waaʼee Yihowaa, waaʼee karaawwan isaa fi yaada isaa maal akka nu barsiisu xiinxalla. Waaqayyo wanta tokko akka goonu isa kaan immoo akka hin goone kan nu ajaje maaliif akka taʼe hubachuuf yaalla. Jijjiirama jireenyaa fi yaada keenya irratti gochuun nu barbaachisu irrattis ni yaadna. Yeroo qoʼannu wantoota kana hunda irratti yaaduu kan hin dandeenye taʼus, yeroo qoʼannaadhaaf ramadne keessaa tarii walakkaa isaa xiinxaluudhaaf yoo ramadne buʼaa arganna. (1 Xim. 4:15) Yeroo hundumaa Dubbii Waaqayyoo irratti yoo xiinxalle, ilaalchi Yihowaan dhimmoota gara garaatiif qabu mudaa kan hin qabne taʼuu isaa ‘ofuma keenyaaf mirkaneessina.’ Ilaalcha inni wantootaaf qabu qabaachuu jalqabna, akkasumas ilaalcha keenya ilaalcha isaa wajjin wal simsiisna. Sammuun keenya ni ‘jijjiirama,’ akkasumas akkaataan ittiin yaadnu ni haaroma. (Rom. 12:2) Suutuma suuta, yaada Yihowaa kan ofii keenyaa godhanna. w18.11 24 key. 5-6

Dilbata, Onkoloolessa 18

Nuti warra Waaqayyoo wajjin hojjennu dha.—1 Qor. 3:9.

Dhaloota Kiristoos Booda jaarraa jalqabaatti, Phaawulos isaa fi namoota isaa wajjin hojjetan tokko tokkoon “warra Waaqayyoo wajjin hojjennu” kan jedhe, sanyii dhugaa Mootummichaa dhaabuu fi bishaan obaasuu irratti gaʼee waan qabaniif ture. (1 Qor. 3:6) Yeroo harʼaatti, nutis yeroo keenya, qabeenya keenyaa fi humna keenya hojii lallabaa Waaqayyo nuuf kenne irratti arjummaadhaan waan kenninuuf, “warra Waaqayyoo wajjin hojjennu” taʼuu dandeenya. Kun mirga baayʼee guddaa taʼe dha! Hojii lallabaa fi barattoota gochuu irratti yeroo fi humna keenya arjummaadhaan kennuun gammachuu guddaa nuuf argamsiisa. Obboloonni qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu guddina argisiisan geggeessuuf mirga argatan hedduun, wanti kana caalaa nama gammachiisu akka hin jirre isinitti himuu dandaʼu. Namoonni dinqisiifannaa qaban dhugaa Kitaaba Qulqulluu hubachuudhaan yommuu fuulli isaanii ifu, amantiin isaanii guddatu, jijjiirama yommuu godhanii fi dhugaa namoota kaaniif hiruu yommuu jalqaban arguun gammachuu guddaa argamsiisa. Labsitoonni 70⁠ni Yesuus erge, buʼaa gaarii argatanii ‘gammachuudhaan yommuu deebiʼan,’ innis gammachuu guddaa argateera.—Luq. 10:17-21. w18.08 20 key. 11-12

Wiixata, Onkoloolessa 19

Namni yaada oofii isaa amanatu gowwaa dha.—Fak. 28:26.

Hubannaa ofii keenyatti gar malee amanamuun kiyyoo nutti taʼuu dandaʼa. Tarii dhugaa jiru hunda yoo hubachuu baannes, dhimma sana furuu fi hubachuu akka dandeenyu nutti dhagaʼamuu jalqaba taʼa. Wanta tokko karaa sirrii taʼeen madaaluun rakkisaa akka nutti taʼu kan godhu immoo, obboleessa gumii keessa jiru tokkoo wajjin walitti buʼiinsa dhuunfaa yoo qabaanne dha. Walitti buʼiinsa uumame irratti yeroo hunda kan yaannu yoo taʼe, wanta obboleessi keenya godhu ija shakkiitiin ilaaluu jalqabna taʼa. Kanaaf, waaʼee obboleessa kanaa odeeffannoo dogoggoraa yoo dhageenye illee dafnee amanna taʼa. Kana irraa barumsa akkamii arganna? Obboloota keenyatti haaloo qabachuun, murtoo odeeffannoo guutuu taʼe irratti hin hundoofne akka goonu nu gochuu dandaʼa. (1 Xim. 6:4, 5) Hinaaffaa fi goomachuun akka nu keessatti hin guddanne heyyamuu dhiisuudhaan, murtoo keenya irratti dhiibbaa akka hin geessisne gochuu dandeenya. Miirawwan gadhee akkasiitiin moʼamuu mannaa, obboloota keenya jaallachuu fi tola garaadhaa dhiifama isaanii gochuuf dirqamni akka nu irra jiru haa hubannu.—Qol. 3:12-14. w18.08 6-7 key. 15, 18

Kibxata, Onkoloolessa 20

Bantiin waaqaa . . . laftis wanta isa irra jiru hundumaa wajjin kan Waaqayyo gooftaa keetii ti.—Kes. 10:14.

Ilmaan namootaa kan uume Yihowaa waan taʼeef, hundi keenya qabeenya isaa ti. (Far. 100:3; Mul. 4:11) Taʼus, seenaa ilmaan namootaa keessatti, gareen ilmaan namootaa murtaaʼan karaa adda taʼeen kan isaa akka taʼan murteessee ture. Fakkeenyaaf, Faarfannaan 135 waaqeffattoota Yihowaa amanamoo Israaʼel durii keessa turan “qabeenya isaa adda” taʼan akka turan ibsa. (Far. 135:4, NW) Kana malees, Kitaabni Hoseʼaa namoonni Israaʼeloota hin taane tokko tokko saba Yihowaa akka taʼan raajii dubbatee ture. (Hos. 2:23) Raajiin Hoseʼaa kun, yeroo Yihowaan namoonni Yihudoota hin taanee namoota gara fuulduraatti Kiristoosii wajjin bulchanitti akka dabalaman filatetti raawwii isaa argateera. (HoE. 10:45; Rom. 9:23-26) ‘Sabni qulqulluun’ kun karaa dinqisiisaa taʼeen “qabeenya” addaa Yihowaa kan taʼe siʼa taʼu, miseensonni isaas hafuura qulqulluudhaan kan dibamanii fi samii irra akka jiraataniif kan filatamani dha. (1 Phe. 2:9, 10) Waaʼee Kiristiyaanota amanamoo hedduu yeroo harʼaa jiranii fi lafa irra jiraachuuf abdatanii hoo maal jechuutu dandaʼama? Yihowaan isaaniinis ‘saba koo,’ akkasumas ‘warra ani foʼadhe’ jedhee isaan waama.—Isa. 65:22. w18.07 22 key. 1-2

Roobii, Onkoloolessa 21

Ilaalcha Kiristoos Yesuus qabu sana qabaadhaa . . . [Inni] duwwaa of godhe; bifa garbummaa fudhatees nama taʼe.—Filp. 2:5, 7.

Kiristiyaanonni dhugaa, Kiristoos isa ilmaan namootaa akkamitti arjoota taʼuu akka dandaʼan ilaalchisee fakkeenya mudaa hin qabne nuuf taʼu hordofu. (Mat. 20:28) Hundi keenya akkana jennee of gaafachuun keenya gaarii dha: ‘Isa kanaan duraa caalaa fakkeenya Kiristoos dhiheenyatti hordofuu nan dandaʼaa?’ (1 Phe. 2:21) Fakkeenya Yihowaa fi Kiristoos isa mudaa hin qabne hordofuudhaan, nageenya warraa kaaniif yaaduu fi karaa isaan itti gargaarru barbaaduudhaan surraa Yihowaa argachuu dandeenya. Yesuus fakkeenya nama Samaariyaa dubbachuudhaan, duuka buutonni isaa lammii isaanii taʼu baatan illee warra kaan gargaaruuf carraaqqii guddaa gochuu akka qaban akka isaan irraa eegu ibseera. (Luq. 10:29-37) Gaaffii, Yesuus fakkeenya nama Samaariyaa sana akka dubbatu isa kakaase maal akka taʼe ni yaadattaa? Namni Yihudii taʼe tokko, “Nama isa kam jaallachuun qaba?” jedhee isa gaafatee ture. Deebiin Yesuus kenne, surraa Waaqayyoo argachuuf akkuma nama Samaariyaa sanaa fedhiidhaan kakaanee arjummaadhaan kennuu akka qabnu argisiisa. w18.08 19 key. 5-6

Kamisa, Onkoloolessa 22

Maleekaan sunis . . .“Yaa ishii baayʼee jaallatamtuu nana, nagaan siif haa taʼu, Yihowaan sii wajjin jira” jedheen.—Luq. 1:28.

Yihowaan Ilma isaa kunuunsuu fi guddisuu ishiitiin beekamtii Maariyaamiif malu ishiidhaaf kennuu isaa itti fufeeraa? Eeyyee, kennuu isaa itti fufeera. Waaqayyo wanti ishiin gootee fi dubbatte Kitaaba Qulqulluu keessatti akka galmeeffamu godheera. Maariyaam yeroo Yesuus waggaa sadii fi walakkaadhaaf tajaajilaa turetti isaa wajjin deemaa kan turte hin fakkaatu. Tarii Maariyaam abbaan manaa ishii waan duʼeef, Naazireet keessa turuu qabdi turte taʼa. Mirgoonni argachuu dandeessu hedduun kan ishii darban taʼanis, yeroo Yesuus duʼuuf jedhutti isaa wajjin taʼuu dandeesseetti. (Yoh. 19:26) Yeroo booda garuu, Maariyaam barattoonni Yesuus guyyaa Phenxeqosxeetti hafuura qulqulluu fudhachuu isaanii dura Yerusaalem keessa isaanii wajjin turte. (HoE. 1:13, 14) Kanaaf, namoota achi turanii wajjin dibamtee taʼuu dandaʼa. Taanaan, carraan Yesuusii wajjin bara baraaf samii irra jiraachuu ishiidhaaf kennameera jechuu dha. Amanamummaadhaan waan tajaajilteef eebba guddaa argatteetti. w18.07 9-10 key. 11, 14

Jimaata, Onkoloolessa 23

Wanta hundumaa ulfina Waaqayyootiif godhaa.—1 Qor. 10:31.

Yesuus yommuu tajaajilaa ture hundatti, barattoota isaa miidhaa ilaalchi ykn gochi tokko tokko fidu akka hubatan gargaaruuf dhugaa buʼuuraa isaan barsiiseera. Fakkeenyaaf, mufachuun hammeenyatti, fedhii hamaan ejja raawwachuutti geessuu akka dandaʼu barsiiseera. (Mat. 5:21, 22, 27, 28) Qalbii sirriitti leenjifame qabaachuuf, qajeelfamni Waaqayyoo akka nu geggeessu heyyamuu qabna; kunis Waaqayyoof ulfina argamsiisa. Dhimmawwan tokko tokko irratti Kiristiyaanonni qalbii Kitaaba Qulqulluutiin leenjiʼe qaban lama murtoo faallaa taʼe gochuu dandaʼu. Mee dhugaatii alkoolii akka fakkeenyaatti haa fudhannu. Kitaabni Qulqulluun dhugaatii alkoolii xinnoo dhuguu hin dhowwu. Kanaa mannaa, gar malee dhuguu fi machii dhowwa. (Fak. 20:1; 1 Xim. 3:8) Kana jechuun garuu Kiristiyaanni tokko dhugaatii alkoolii baayʼee hamma hin dhugnetti, wantoota tilmaama keessa galchu kan biroo hin qabu jechuu dhaa? Matumaa! Kiristiyaanni tokko qalbiin isaa kan isa hin ceephaane taʼu illee, qalbii warra kaanii tilmaama keessa galchuu qaba. w18.06 18 key. 10-11

Sanbadduraa, Onkoloolessa 24

Raacitii Fariisotaa fi raacitii Heroodis irraas of eegaa.—Mar. 8:15.

Yesuus barattoonni isaa barumsa ykn raacitii Fariisotaa, Saduuqotaa fi gareen Heroodisiin hordofan babalʼisan irraa akka fagaatan cimsee isaan akeekkachiiseera. (Mat. 16:6, 12) Kan nama dinqisiisu, mareen kun kan geggeeffame namoonni sun erga Yesuusiin mootii gochuu barbaadanii utuu baayʼee hin turini dha. Yommuu amantiin siyaasaa wajjin wal maku jeequmsi salphaatti babalʼachuu dandaʼa. Yesuus haalawwan kana keessatti illee, siyaasa irraa walaba taʼanii jiraachuu akka qaban barattoota isaa barsiiseera. Sababiin dura buutonni lubootaa fi Fariisonni Yesuusiin ajjeesuuf karoora itti baafatanis kanaa wajjin kan wal qabate ture. Gama siyaasaa fi amantiitiin mormituu aangoo isaanii balaadhaaf saaxilu godhanii isa ilaalu turan. Akkana jedhan: “Yoo akkanumatti isa dhiisne, hundi isaanii isatti amanu; warri Roomaas dhufanii iddoo keenyaa fi saba keenya fudhatu.” (Yoh. 11:48) Kanaaf, namoota Yesuus akka ajjeefamu isa irratti mariʼatan kan geggeesse Qayyaafaa isa Luba Ol Aanaa ture dha.—Yoh. 11:49-53; 18:14. w18.06 6-7 key. 12-13

Dilbata, Onkoloolessa 25

Jaalalli keessan fakkeessaa kan hin qabne haa taʼu.—Rom. 12:9.

Sossobaan Seexanni itti fayyadamu waaʼee gocha hafuurota xuraaʼoo beekuuf hawwii akka qabaannu gochuu dha. Yeroo harʼaatti Seexanni, namoonni waaʼee jinniiwwanii beekuuf fedhii akka qabaatan gochuuf amantii sobaa dabalatee, bohaartii addunyaatti fayyadamaa jira. Fiilmoonni, taphoonni elektirooniksii fi miidiyaaleen kaan gochi hafuurota xuraaʼoo kan nama gammachiisu akka taʼe godhanii dhiheessu. Kiyyoo kanaan akka hin qabamne maal gochuu dandeenya? Jaarmiyaan Waaqayyoo bohaartii sirrii taʼanii fi hin taane tarreessee nuuf dhiheessa jennee eeguu hin qabnu. Tokkoon tokkoon keenya qalbii keenya ulaagaa Waaqayyoo wajjin haala wal simuun leenjisuu qabna. (Ibr. 5:14) Haa taʼu malee, gorsa Phaawulos ergamaan hafuuraan gaggeeffamee caqasa guyyaa harʼa irratti dubbate hojii irra kan oolchinu yoo taʼe, filannoo ogummaa irratti hundaaʼe goona. Akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Bohaartiin ani filadhu fakkeessaa akkan taʼe argisiisaa? Namoonni ani Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisu ykn deddeebii gaaffii isaaniif godhu bohaartiin filadhe utuu arganii, wantan barsiisu hojii irra oolchaa akkan jiru ni yaaduu?’ Wanta dubbannu caalaatti hojii irra kan oolchinu yoo taʼe, carraan kiyyoo Seexanaatiin qabamuuf qabnu xiqqaachaa deema.—1 Yoh. 3:18. w18.05 25 key. 13

Wiixata, Onkoloolessa 26

Hawwiin garaa koo fi wanti ani saba Israaʼeliif Waaqayyotti wawwaadhu akka isaan fayyaniifi.—Rom. 10:1.

Fakkeenya Phaawulos hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Tokkoffaa, namoota “jireenya bara baraa argachuuf kakaʼumsa sirrii qaban” argachuuf hawwii garaadhaa madde qabaachuuf carraaqna. Lammaffaa, Yihowaan namoota qajeeloo taʼaniif, garaa isaanii akka isaaniif banu wawwaannaa isatti dhiheessina. (HoE. 13:48; 16:14) Siilvaanaa ishiin gara waggaa 30f qajeelchituu taate akkana jetteetti: “Manaa naannoo tajaajilaa koo keessa jiru tokko deemuu koo dura, ilaalcha gaarii akka anaaf kennu Yihowaatti kadhannaan dhiheessa.” Akkasumas maleekonni gara namoota garaa qajeelaa qabanitti akka nu qajeelchan Waaqayyotti kadhannaa dhiheessu dandeenya. (Mat. 10:11-13; Mul. 14:6) Roobarti inni waggaa 30 oliif qajeelchaa taʼe maal akka jedhe qalbeeffadhaa: “Maleekota wanta jireenya nama tokkoo keessatti raawwatamaa jiru beekanii wajjin hojjechuun nama gammachiisa.” Sadaffaa, wanta gaarii isaan qaban irratti xiyyeeffachuuf carraaqna. Kaarli inni jaarsa taʼe akkana jedheera: “Wanta xinnoo namni sun garaa qajeelaa akka qabu argisiisuuf, jechuunis kan seequ, fuula ifaa kan qabu ykn gaaffii garaa qulqulluu irraa madde gaafateef xiyyeeffannaan kenna.” Eeyyee, akkuma Phaawulos jabaannee dhaabachuudhaan firii godhachuu dandeenya. w18.05 15-16 key. 13, 15

Kibxata, Onkoloolessa 27

Xiyyeeffannaa waliif haa kenninu . . . , guyyoonni sun dhihaachaa dhufuu isaanii yommuu arginu caalaatti wal haa jajjabeessinu.—Ibr. 10:24, 25.

Namoonni nuti kanaan dura gargaarre amanamummaadhaan deddeebiʼaa akka jiran dhagaʼuun keenya madda jajjabina guddaa nuuf taʼuu dandaʼa; Yohaannis ergamaanis kana irraa jajjabina argateera; “Ijoolleen koo dhugaadhaan deddeebiʼaa akka jiran dhagaʼuu caalaa wanti gammachuu guddaa anaaf argamsiisu hin jiru” jedhee barreesseera. (3 Yoh. 4) Qajeelchitoonni baayʼeen namoonni isaan waggoota hedduu dura dhugaa akka fudhatan gargaaran amanamoo taʼanii jiraachaa akka jiran, tarii immoo qajeelchitoota taʼanii tajaajilaa akka jiran arguun jajjabina guddaa akka argamsiisu hubataniiru. Qajeelchaa abdii kutate tokko jajjabeessuuf yeroo gammachiisaa inni kanaan dura dabarse yaadachiisuun qofti gaʼaa taʼuu dandaʼa. Ilaaltonni ol aanaa aanaa hedduun gumii tokko erga daawwatanii booda yaadannoo gabaabaan dinqisiifannaa ibsu yeroo isaaniif kennamu isaanis taʼan haadhotiin manaa isaanii jajjabina akka argatan dubbataniiru. Akkasumas jaarsoliin, misiyoononni, qajeelchitoonnii fi miseensonni maatii Betʼel tajaajila amanamummaadhaan raawwataniif warri kaan yommuu isaan dinqisiifatan jajjabaachuu dandaʼu. w18.04 23 key. 14-15

Roobii, Onkoloolessa 28

[Mootiin] yaadni isaa karaa irraa akka hin jalʼannetti, dubartoota hin baayʼifatin.—Kes. 17:17.

Solomoon ajaja kana cabsuudhaan, suutuma suuta haadhotii manaa 700 fuudheera. Dabalataanis saajjatoota 300 gara mana isaatti fideera. (1 Mot. 11:3) Haadhotii manaa isaa keessa hedduun isaanii Israaʼeloota hin turre; akkasumas waaqolii sobaa waaqeffatu turan. Kana malees, Solomoon seera Waaqayyo dubartoota ormaa akka hin fuune kenne cabseera. (Kes. 7:3, 4) Solomoon suutuma suuta qajeelfama Yihowaa irraa fagaachuun isaa, yeroo booda dogoggora guddaa akka raawwatu isa godheera. Waaqayyittii tolfamtuu Ashtaarotii fi Kemosh isa waaqa sobaa taʼeef iddoo aarsaa ijaaree ture. Achittis haadhotii manaa isaa wajjin waaqolii tolfamoo waaqeffateera. Iddoowwan aarsaa kana itti ijaare keessaa tokko, tulluu fuullee Yerusaalem isa bakka mana qulqullummaa Yihowaa itti ijaaretti argama ture! (1 Mot. 11:5-8; 2 Mot. 23:13) Tarii Solomoon hamma mana qulqullummaa keessatti aarsaa dhiheessuu isaa itti fufetti, Yihowaan balleessaa isaa cal jedhee akka irra isaaf darbu yaaduudhaan of gowwoomsee ture. Haa taʼu malee, Yihowaan dogoggora raawwatame matumaa cal jedhee irra hin darbu. w18.07 18-19 key. 7-9

Kamisa, Onkoloolessa 29

Gaachana amantii guddaa isa xiyyaawwan bobaʼan warra kan isa hamaa sanaa hunda ittiin dhaamsuu dandeessan kaasaa.—Efe. 6:16.

‘Xiyyaawwan bobaʼoo’ Seexanni nuti darbatu keessaa tokko soba Yihowaan isiniif hin yaadu, akkasumas isin hin jaallatu jedhu taʼuu dandaʼa. Shamarreen umurii waggaa 19 Edaa jedhamtu, miira gatii akka hin qabne ishiitti dhagaʼamuu wajjin walʼaansoo gooti. Akkana jetteetti, “Yeroo baayʼee, Yihowaan akka natti hin dhihaannee fi Michuu koo taʼuu akka hin barbaanne natti dhagaʼama ture.” Haala kana dandamachuu kan dandeesse akkamitti ree? Edaan akkana jetteetti “Walgaʼiiwwan irratti argamuun amantii koo guddiseera. Kana dura cal jedheen taaʼa ture; akkasumas namni deebii koo dhagaʼuu barbaadu waan jiru waan natti hin fakkaanneef deebii hin deebisun ture. Amma garuu walgaʼiidhaaf nan qophaaʼa, akkasumas siʼa lama ykn sadii deebisuuf nan yaala.” Muuxannoon Edaa dhugaa barbaachisaa taʼe tokko nu hubachiisa: Gaachanni loltuu tokkoo hammi isaa hin jijjiiramu, gaachanni amantii keenya garuu xiqqaachuu ykn guddachuu dandaʼa. Kun filannoo keenya irratti kan hundaaʼe dha. (Mat. 14:31; 2 Tas. 1:3) Kanaaf, amantii keenya guddisuun baayʼee barbaachisaa dha! w18.05 29-30 key. 12-14

Jimaata, Onkoloolessa 30

Fayyuuf maal gochuun qaba?—HoE. 16:30.

Eegduun mana hidhaa sun yaada isaa jijjiiree gargaarsa kan gaafate kirkirri lafaa erga gaʼee booda dha. (HoE. 16:25-34) Haaluma walfakkaatuun yeroo harʼaa, namoonni duraan ergaa Kitaaba Qulqulluutiif deebii hin kennine tokko tokko, addunyaan isaanii wantoota akka kirkira lafaa jiraniin akka tasaa yommuu sochoʼu yaada isaanii jijjiiranii gargaarsa gaafachuu dandaʼu. Tarii, hojii yeroo dheeraadhaaf hojjechaa turan akka tasaa dhabuu fi naasuudhaan waan godhan wallaaluu dandaʼu. Kaanis dhibee fayyaa cimaadhaan waan qabamaniif burjaajaʼanii ykn nama jaallatan duʼaan waan dhabaniif baayʼee gaddanii taʼuu dandaʼa. Yeroo kanatti tokko tokko gaaffiiwwan kanaan dura gaafatanii hin beekne, jechuunis kaayyoon jireenyaa maal akka taʼe gaafachuu dandaʼu. Tarii immoo, ‘Fayyuuf maal gochuun qaba?’ jedhanii gaafatu taʼa. Yommuu isaanii wajjin wal arginu, jireenya isaanii keessatti yeroo jalqabaatiif ergaa abdii nuti lallabnu dhaggeeffachuuf fedhii qabaachuu dandaʼu. Kanaaf, amanamummaadhaan hojii lallabaa keenya itti fufuudhaan, tarii yeroo namoonni fudhachuuf qophaaʼoo taʼanitti jajjabina isaaniif kennuu dandeenya.—Isa. 61:1. w18.05 19-20 key. 10-12

Sanbadduraa, Onkoloolessa 31

Hafuurri Yihowaa ana irra jira . . . misiraachoo akka ani lallabu na dibeera.—Luq. 4:18.

Yeroo harʼaatti waaqni sirna kanaa sammuu namoota baayʼee jaamseera; akkasumas namoonni baayʼeen karaa amantii, dinagdee fi hawaasaa garbummaa jala jiru. (2 Qor. 4:4) Fakkeenya Yesuus hordofuudhaan, namoonni Yihowaa isa Waaqa madda bilisummaa taʼe akka beekanii fi akka isa waaqeffatan gargaaruuf mirga arganneerra. (Mat. 28:19, 20) Hojiin kun salphaa miti; wantoota rakkisaa taʼan hedduu qaba. Biyyoota tokko tokko keessatti namoonni caalaatti dantaa kan hin qabne taʼaa jiru; sirumaa iyyuu namoonni tokko tokko jibba qabu. Gaaffiin hundumti keenya irratti yaaduu qabnu, ‘Hojii Mootummichaa caalaatti deggeruuf bilisummaa kootti fayyadamuu nan dandaʼaa?’ kan jedhu dha. Obboloonni baayʼeen, yeroon keessa jirru ariifachiisaa taʼuu isaa hubachuudhaan, tajaajila yeroo guutuu irraatti hirmaachuuf jireenya isaanii salphaa gochuun isaanii baayʼee nama jajjabeessa. (1 Qor. 9:19, 23) Obboloota kana keessaa tokko tokko biyyuma isaaniitti tajaajilu; warri kaan immoo iddoo gargaarsi caalaatti barbaachisu deemanii tajaajilu. Kun buʼaa dinqisiisaa Yihowaa tajaajiluuf bilisummaa keenyatti ogummaadhaan fayyadamuudhaan argame dha!—Far. 110:3. w18.04 11-12 key. 13-14

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi