EBLA 20-26
ISAAYYAAS 54-55
Faarfannaa 86 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)
1. Yihowaarraa Barachuuf Aarsaa Hammamii Kaffaluuf Fedhii Qabdu?
(Daq. 10)
Yihowaan ijoolleesaa barsiisuuf waadaa galeera (Isa 54:13; w09 9/15 21 key. 3)
Dhugaa Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu qoʼachuuf yeroo ramaduu qabna (Isa 55:1, 2; w18.11 4 key. 6-7)
Xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuun carraaqqii guddaa kan gaafatu taʼus lubbuu keenya nuuf oolcha (Isa 55:3; be 14 key. 3-5)
AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Barsiifata qoʼannaa dhuunfaa koo fooyyessuu kanan dandaʼu akkamitti?’
2. Albuuda Hafuuraa
(Daq. 10)
Isa 54:17—Dhugaawwan barbaachisoon sadan kutaan jalqabaa caqasa kanaa nu yaadachiisu kamfaʼi? (w19.01 6 key. 14-15)
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?
3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Daq. 4) Isa 54:1-10 (th qoʼannaa 11)
4. Marii Jalqabuu
(Daq. 2) MANAA GARA MANAA. Kutaa dabalataa A birooshura Namoota Jaalladhu jedhamuurraa dhugaa tokko itti himi. (lmd barumsa 1 qabxii 4)
5. Marii Jalqabuu
(Daq. 2) LALLABA ADDABAABAAYII. Kutaa dabalataa A birooshura Namoota Jaalladhu jedhamuurraa dhugaa tokko itti himi. (lmd barumsa 2 qabxii 3)
6. Hordofii Gargaari
(Daq. 2) LALLABA ADDABAABAAYII. Nama haasofsiistuuf kaardii teessoo kenniif. (lmd barumsa 9 qabxii 3)
7. Haasaa
(Daq. 5) be 28 key. 3–31 key. 2—Mata Duree: Mala Qayyabannaa. (th qoʼannaa 14)
Faarfannaa 97
8. Wantoota Qoʼannaa Dhuunfaa Akka hin Goone Gufuu Isinitti Taʼan Moʼaa
(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.
Wantoonni dhaabbataadhaan qoʼannaa dhuunfaa akka hin godhanne gufuu nutti taʼan hedduun jiru. Obboleessa barsiifata qoʼannaa dhuunfaa gaarii taʼe qabaachuu fi guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuun isatti ulfaate tokko jajjabeessuuf yaalaa akka jirtu godhii yaadi. Innis wantoota gufuu isatti taʼan armaan gadii sitti hime. Tokkoon tokkoon isaaniif yoo xinnaate yaada isa gargaaruu dandaʼu, qajeelfama Kitaaba Qulqulluu ykn barreeffama isa fayyaduu dandaʼu tokko barreessi.
“Sirriitti dubbisuu hin dandaʼu”
“Qoʼachuu hin jaalladhu”
“Kitaaba Qulqulluu dubbisuu eessarraa akkan jalqabu ykn guyyaatti hammam dubbisuu akkan qabu hin beeku”
“Wanta dubbifamu hedduutu jira! Torban torbaniin maal qoʼachuun qaba?”
“Hojiin waan natti baayʼatuuf qoʼachuuf yeroo hin argadhu”
“Wantan qoʼadhurratti xiyyeeffachuun natti ulfaata, yeroo tokko tokko wantan dubbise yeruma sanan irraanfadha”
VIIDIYOO Qoʼannaa Dhuunfaa Buʼa Qabeessa Taʼe jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:
Yaadawwan qoʼannaa dhuunfaa caalaatti buʼa qabeessa gochuuf gargaaran kamfaʼi?
9. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii
(Daq. 30) lfb barumsa 78-79